TikTok namni umrii 18 gadii 'laayiviin' ergaa akka dabarsuu hin dandeenye dhorkuuf

Maxxanfame

BBC'n Siiriyaa keessaa daa'imman TikTok irratti kallattiin galuun deeggarsi akka godhamuuf kadhachaa jiraachuu gabaasuu hordofee dhaabbatichi umrii isa xiqqaa kallattiin dhaamsa dabarsuuf hayyamamu 16 irraa gara 18 akka ol guddisu ibse.

BBC'n gabaasa isaa keessatti kaampiiwwan baqattootaa Siiriyaa jiru keessaa akkaawuntiiwwan dhibbaan lakkaawwamaniin daa'imman kallattiin galanii deeggarsa kadhachaa akka ture ibseera.

Akkaawuntiiwwan kunniin gariin hanga doolaara 1,000 argataniiru. Haata'u malee deeggarsa arjoomame guutummaatti yeroo baasan dhibbeentaa 70 dhaabbatichatu fudhata.

Dhaabbatichi dhimma kana ilaalchisee gaaffii BBC irraa dhiyaateef hordofee umriin inni xiqqaan fayyadamaan TikTok kallattiin galee dhaamsa dabarsuu danda'u 18 fi isaa ol qofa yoo ta'e akka ta'u miurteessuu ibseera.

Dhaabbatichi akkamiin murtee isaa umrii daangessu kana hojiitti akka hiiku hin ibsine.

'Meta' kan Facebook fi Instagram bulchuufi Youtube kan bulchu Google umriin xiqqaa namni akka live galee ergaa dhaammatu hayyaman 13 yeroo ta'u qabiyyii isaanii nama arguu danda'u irratti dhorkaa umrii kaahuu akka danda'anis hiree kenna.

BBC'n ji'oota shaniif garee 'BBC's Global Disinformation Unit', BBC Arabiffaa fi 'BBC eye Investigation' waliin ta'uun akkaawuntiiwwan 300 Kaaba Lixa Siiriyaa irraa 'live' galuun qabiyyee dhiyeessan hordofaa ture.

Seerri TikTok kallattiin kennaa naa arjoomaa jedanii gaafachuu hin hayyamu, immoo warreen nama gowwomsanii maallaqa nama gaafataniif saaxilamuun akka hin jiraannes ittisa tolcha.

Miidiyaan hawaasaa ammaan tana addunyaa gubbaatti hordoftoota hedduu argachuun dursaa jiru TikTok aappiin isaa yeroo biiliyoona 3.9 daawunlood godhameera.

Bara 2017'tti hojii erga eegalee as appilikeeshinii isaan walqabatee qofa galii doolaara biiliyoona 6.2 argachuu dhaabbatni xiinxala hojjetu Sensor Tower jedhamu beeksiseera.