'Kutaan qaama keessoo miseensoota garee amantaa muraasa beelaan du’an bade'

Reeffii namootaa wayita qotamee baheettti

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Bulchiinsa qarqara galaana Keeniyaa- Kiiliifiitti amantaa du’aafi badii namoota dhibbaan lakkaa’amaniif sababa ta’een, qorannoo reeffa irratti gaggeeffameen qaamni keessoo namoota muraasaa baduun himame.

Hordoftoonni amantichaa beelaan of dadhabsiisuun yoo du’an masaraa Waaqaa akka galan dureen amantichaan itti lallabame, daa’imman dabalate namoota du’an poolisiin reeffasaanii argachuu beeksiisee ture.

Barbaachi namoota awwaalamanii yeroof adda cite ture, Kibxata kaleessaa deebii’ee kan eegalame yoo ta’u, reeffii dabalataa 21 qotamee baafamu beeksiifame.

Sababii sanaanis haala barsiisa amantichaatiin wal qabatee namoonni hanga ammatti reeffiisaanii qotamee argame 133 gaheera.

Namoonni eessa buteensaanii hin baramne kan dhibbaan lakkaa’aman waan jiraniif barbaachi ammas itti fufeera.

Kana hordofees dhimmicharratti qorannoo gaggeessaa kan jiru poolisiin Keeniyaa sanada bu’aa qorannoo reeffaa mana murtiitti kan dhiyeesse yoo ta’u, reeffa qotamee baafame keessaa qaamooleen keessoo hin argamniin akka turan arguu himeera.

‘‘Qorannoowwan reeffarratti gaggeeffamaniin namoota du’an keessaa muraasa irratti qaamni keessoosaanii akka hin argamne gabaasni taasifameera,’’ jedhan dureen poolisii Maartiin Muuneenee sanada mana Murtii Magaala Naayiroobiitti dhiyeessan irratti.

Sanadichi dabalunis, ‘‘daladalli qaama keessoo namaa baayyee kan qindaa’eefi kana keessattis namoota baayyeetu hirmaata jedhamee tilmamama,’’ jechuun ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sanadi bu'aa qorannoo reeffaa kun akka ifa taasiseetti, miseensonni amantaa kanaa du’a isaan mudateen alattis, yakki qaama keessoo isaanii namoota biraatti darbuu ni danda’ama jedhaman adda baafamuufi daddabarsaan irratti raawwatamee ta’u danda’a jedhamaa jira.

Reeffii 112 kanneen lafa garee amantichaa keessaa qotamuun baafaman irratti qorannoo gaggeeffamee ilaalchisee, dureen qorannichaa dhuma torban darbee irratti hanni qaama keessoo hin raawwannee jedhee ture.

Haata’u malee sanada amma mana murtiitti dhiyaateerratti reeffa murtaa’an irratti qaamni keessoo akka hin argamne ibsameera. Tahus qaama keessaa kamtu akka hin jirre waanti beekame hin jiru.

Ministirri Dhimma Keessoo Keeniyaa, Kiituree Kiindiikii, qorannoo qaama keessoo reeffaarratti gaggeeffameen qaamni keessoo baduun beekameera jedhame ilaalchisuun, ‘‘qorannoon ammas kan itti fufe yoo ta’u, kunis dhimma xiyyeeffannaan irratti taasifamudha. Kanaafuu, ogeessoonni dursanii waa jechuurraa akka of qusataniif itti himameera,’’ jedhan.

Qorannoo reeffa irratti gaggeeffameen daa’imman dabalatee, hedduun isaaniin ka du’an beelaan yoo ta’u, muraasni ammo ukkaafamanii, reebamuun kan ajjeeffaman jiraachu oggeessoonni himaniiru.

Dureen garee amantichaa fi taatee kanaaf adda durummaan kan shakkamu Paastar Pool Maakeenziin, hordoftoonni isaa gara mootummaa Waaqaa deemuun Iyyasuusin wal argu akka danda’aniif nyaata lagachuun akka du’aniif jajabeessaa ture jedhameera.

Lallabaan amantichaa ammatti hidhaarratti argama, kanaan dura hordoftooti isaa hanga du’aatti akka soomaniif dirqisiiseera jedhamun kan himatame yoo ta’u, inni garuu kana ni haala.

Bulchiinsi Keeniyaa qarqara galaanaatti argamtu Kiiliifii keessatti bakkee Shaakaaholaa jedhamuutti kan argamu lafti Paastar Maakeenzii kan bosonaan uwwiifameefi bal’aa keessatti ammallee reeffa awwaalame qotanii baasuudhaaf barbaachi eegaleme itti fufeera.

Fannoon Diimaa Keeniyaa akka jedheetti, taatee kanaan wal qabatees namoonni 360 ta’an eessa akka jiran akka hin beekamne gabaasni taasifamuuf beeksiiseera.

Aangaa’oonni biyyattii ammoo reeffa namootaa hanga ammaatti argamaniin alatti, namoonni lagannaa nyaataa irra turan kan biraa 60 kanneen lubbuun jiran poolisiin bira gahuun naannichaa akka bahan taasifamuu beeksiisan.

Sababii haala qilleensaa gaarii hin taaneetiin hojiin barbaachi hordoftoota amantichaa bosona Shaakaaholaa keessatti turanii badanii akka harkifatu taheera.

Dureen bataskaana ‘Good News International Church’ jedhamu kanaa Paastar Maakeeniziin, taatee kanaan wal qabatee erga to’annoo poolisii jala oolfamaniin booda ammatti hidhaarra turuun dhimma saanii hordofaa jiru.