Itoophiyaatti abokaatoo baasii ofiisaatiin dhaabbileen gurguddoo naannoo faalan himataa jiru

Abokaatoo Malkaamuu Oggoo

Madda suuraa, Abokaatoo Malkaamuu Oggoo

Maxxanfame

Waa'ee 'Qeeraan' naannoo faaluu dubbachuudhaaf Qeeraatti dhalachuu hin barbaachisu. Bakka sanarra darbuun qofti gahaadha. Abbaan-taayitaa eegumsa Naannoo kana ragaa baheera.

Abokaatoo Malkaamuu Oggoo Qeeraa himatee mana-murtiitti dhyeesseera. Namni kun dhaabbilee naannoo faalan himachuu kan jalqabe Qeeraa irraa miti. Yunivarsiitii itti baraterraati kan jalqabe.

Guyyaa tokko galgala osoo TV Itoophiyaa hordofaa jiruu oduu tokko dhagahe.

Sagantaan TV kun yeroo jiraattonni xuriin mana fincaanii/boolii Yunivarsiitii Finfinnee doormii shamarranii keessaa bahu isaan rakkisuu himatu ture.

Jiraattonni dugda duuba Yunivarsiitii Finfinnee Fakaalitii FBE bakka 'Goomman Safar' jedhamu jiraatan mootummaan akka furmaata isaaniif kennu gaafatu ture.

Rakkoo uummanni himatu kun miira Malkaamuu tuqe.

Yunivarsiitiin Finfinnee dhimma kana irratti gaafatamee deebii inni kenne ammoo caalaa akka isa aarse hima.

Dhaabbanni warra kaaniif fakkeenya ta'a jedhamee eegamu rakkoo uummataaf akka kana dhimma qabaacuu dhabuu arguun isa dhukkubse.

Kanumaan abokaatoon kun gara jiraatota 'Goomman Safar' deemuun osoon baasii tokko isinirraa hin fudhatiin himatan irrattin isiniif bana ittiin jedhe.

Jiraattonni jalqaba hin amanne ture.

Gara mana-murtii Lidetaa osoo hin deemiin dura garuu gara Abbaa-Taayitaa Eegumsa Naanno odeemuudhaan barreeffamaan komii jiruuf iyyata galche.

Dhaabbatichis abokaatoon tokko dhuunfaa isatiin ka'ee dhaabbata guddaa irratti himata bana jedhee hin eegne.

Abbaan-Taayitichaas Malkaamuu waliin ta'uudhaan dhimmicha cimsee qabate.

Ogeessonni Abbaa-Taayitichaas gara bakka faalamee sana deemani.

Mana-murtii irratti dhiyaachuuf akka jiru kan bare Yunivarsiitiin Finfinnee tarkaanfii fudhatee rakkoon sun furame.

Namni dhuunfaa tokko Qeeraa mana-murtiitti dhiyeessaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qeeraa keessaa faalama bifa gara garaa qabutu baha. Namni hedduun garuu fooliidhuma ciincaa isaa qofa beeka.

Haata'u malee, bishaan achi keessaa bahu faalama badaa qaqqabsiisa. Biyyoo naannawaa sanaallee ni faala. Malkaamuun ragaa walitti qabatee mana-murtiitti qajeele.

Jalqaba Abbaa-Taayitaatti iyyata galchi jedhame. Innis kana ni raawwate.

Abbaan-Taayitichaa Qeeraa irratti akeekkachiisa baayyee barreesseera. Faalmni kun akka dhaabbatuuf carraaqeeera, dhama'eera. Tarkaanfiin Abbaan-Taayitichaa hin fudhatiin tokko qofa ture. Qeeraan hojii isaa dhaabee akka cufamu gochuu qofa.

Naannoo faaluu hin dhaabu taanaan, hojii isaa dhaabsisuun ni danda'ama jedha Malkaamuun.

Keessumaa Abbaan-Taayitaa kana gochaadhaaf aangoo isaaf kenname ni qaba akka inni jedhutti.

Haata'u malee, Abbaan-Taayitichaa sababa namni tilmaamuu hin dandeenyeen tarkaanfii hinfudhanne.

Iyyata galchee hordofee erga kana hubateen booda Malkaamuun ragaa jiru walitti qabachuun Mana-Murtii Lidataa deemee himata bane.

Malkaamuu Oggoo qophaa isaa dhuunfaatiin dhaabbata guddaa Qeeraa fakkaatu himachuun gaaffii uumee ture.

Mana-murtiitti yeroo dhiyaatuttis himatamaan (Qeeraan) dhiyaatee falmiin yeroo gaggeeffamettis 'miidhaa maalii sirraan geenyaan himatte' jedhamee gaafatameera.

Ati jiraataa Qeeraadhaa, ykn bakka bu'aa jiraattota naannawaa Qeeraadhaa? jechuun manni-murtichaa gaafateera.

Inni garuu jiraataa naannawaa sanaas miti, miidhaan isarra gahes hin jiru; bakka bu'ummaa jiraattota naannawaa Qeeraas hin fudhanne.

Haata'u malee, akkasumaan hawaasa miidhame bakka bu'uun ofumaan himata bane.

Kun ammoo mana-murtichaayyu akka wallaalchise. Sababiin isaa ammoo namni dhuunfaan faayidaa hawaasaaf jedhee kaka'umsa ofii isaatiin dhaabbata guddaa irratti himata banuun Itoophiyaa keessatti baayyee kan barame miti.

"Kun manneen-murtii Itoophiyaa keessatti baayyee kan barame waan hin taaneef akka godhan isaan wallaalchiseera," jedha Malkaamuun.

Falmiin faayidaa uummataa eegisuuf gaggeeffamu (Public Interest Litigation) addunyaa biroo irratti kan baramedha.

Abokaatonni himatamaa Malkaamuutti qormaata ta'an.

"Abokaatoo Malkaamuun dhimma himannaa bane akkamiin akka isa ilaallatu (Vested interest) maal akka ta'u ifatti nuuf yaa taa'u," jedhan.

Kun maal akka ta'e Malkaamuun gabaabsee akkasiin ibsa.

Namni tokko dhimma falmii irratti gaggeessu irratti mirgaafi faayidaa qabaachuu isaa ibsuu qaba. Karaa tokkoonis ta'e karaa biraatiin dhimmicha irratti mirga kan hin tuqne taanaan falmii dhiyeessuu ni danda'a.

Malkaamuun sababa Qeeraa irraa kan ka'een mirgi isaa hin tuqamne. Hawaasni naannawaa sana jiraatanis nuuf falmi jedhanii bakka hin buufanne. Sababa faalama Qeeraatiinis sombi isaa hin miidhamne.

"Ani akkuma nama kamiiyyu karaa Qeeraarra yeroon darbu natti ciinca'ee beeka malee jiraataa Qeeraas miti," jedha.

Kan fedhe ta'us garuu dhaabbata kana inuma himate.

Dhaabbanni Qeeraawwaniis yaada falmii isaa qabatee dhiyaate. Faalamni akka hin jiraanneef karaa fagoo akka deemeeru ibse.

Malkaamuun Qeeraan faalama qaqqabsiisuu kan hin dhaabne yoo ta'e cufamuu qaba jechuun itti cichuun falme.

Himannaan abbootiin seeraa baayyeen itti waljijjiiran kun amma waggaa lama darbeera.

Dhimmi kun deemee ijibbaatarra gaheera. Amma murtee ijibbaataa kennamuti eegamaa jira.

"Murtee ijibbaanni dabarsu kan fedheyyu ta'u seena-qabeessaa ta'a. Sababiin isaa murteen isaa manneen-murtii gara gadii jiraniifis ta'e himannaan gara fuula duraatti dhufuufis bu'uura kan kaa'udha."

'Kiisii' ofii keessaa maallaqa baasanii falmii gaggeessuun nama baasaa?

Akka muuxannoo biyyoota birootti namni dhuunfaan faayidaa uummataaf jedhee yeroo falmii gaggeessutti baasii barbaachisu 'kiisii' isaa keessaa baasuuf hin dirqamu.

Namoonni yaada gaarii (Public spirited citizens) qabatanii ka'an ni jajjabeeffamu. Kanaaf, baasiin isaanii dhaabbataan haguugamaaf.

Malkaamuun garuu kiisii isaa keessaa baasa. Jaalewwan isaa ammoo hojii tola-ooltummaatiin isa ni deeggaru.

Malkaamuun hojii kanaan karaa dheeraa deemeera.

Fakkeenyaaf, Hawaasaatti bakka balfi itti gatamu guddicha cufsiisuutti dhiyaateera.

Kana malees, ujummoon xurii dhngala'aa jiraatota Kondomiiniyeemii Yakkaa Abbaadoo keessaa bahu sirnaan waan hin ijaaramiiniif naannawaa sana faaleera. Xuriin kun deemaa bishaan Laga Xaafootti dabalama. Namoonni achi jiraatan ammoo xurii kanaan qaama dhiqatu, wayyaas itti miiccatu.

"Uummanni yeroo baayyee boo'eera. Kan isaan dhaga'e hin jiru. Nuti ammoo dhimmicha mana murtii geessineerra. Manni-murtii nuuf murteessee nuti ammoo faala ittiin raawwatmu banneerra. Bakka sanas amma faalama irraa kan qulqullaa'e ta'uu mirkaneessineerra. Uuumatichis amma haara galfateera.

Gabaaa horii guddicha Gulalleetti argamus faalama qaqqabsiisuun namoota naannawaa sana jiraataniif rakkoo uumaa tureera. Uummanni naannawaa sana jiraatus rakkoo isaa himachaa tureera.

Kana irratti Malkaamuun faa erga himata bananii waggaan lama darbeera.

Manni-murtii Federaalaa sadarkaa tokkoffaa atattamaan akka sirreeffamu ajajullee wanti foyyaa'e hin jiru. Murteen mana-murtiis hin raawwatamiin jira.

Manni-murtii torban darbe A L I Ebla 26, 2015 dhaddacha gaggeesseen murtii isa dhumaa dabarseera.

Uummanni naannawaa nageenyi isaa eegame jiraachuudhaaf mirgi isaa eegamuu qaba jedha abokaatoon uummataa kun.

Kanaaf, gabaan horii guddichi kun isa dhumaatiif cufamuu qaba jedhamee murteen darbeera.

Poolisiin Finfinnees kana atattamaan akka raawwachiisu ajaja kenneera.

Abokaatoo Malkaamuu Oggoo

Madda suuraa, Abokaatoo Malkaamuu Oggoo

Imimmaan uummataa irraa haquu caalaa wanti nama gammachiisu maaltu jiraa?

"Ani kanaan booda hojii kana waanan dhaabuu danda'u natti hin fakkaatu. Akka dhaabbataattin of ilaalaa. Bu'aa isaa arguu yeroon jalqabu duubatti deebiyuun dadhabe. Gammachuu inni namaaf kennu waan hunda caala," jedha Malkaamuun.

Malkaamuun kanaan dura qophaa isaa abokaatoo uummataa ta'uun dhaabbataa ture. Amma garuu abokaatonni biroon isa waliin ta'uun hojjechaa jiru. Dhaabbata "Naannookeetiif Dhaabbadhu" jedhus hudeesseera.

Akkuma reefuu jalqabeen namni baayyee itti deddeebiyaa jira.

Warri rakkoo faalama naannawaa jiraataniin miidhamaa turan, waajiraaleen rakkoo himatanii fala dhaban waajira isaatti deddeebiyuu jalqabaniiru.

"Namoonni sababa faalamaa irraa kan ka'een fayyaa dhaban gara waajira dhufanii boo'aa jiru. Imammaan namoota akkasii irraa haquu caalaa wanti nama gammachiisu maaltu jiraa?"