Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphoota murteessoo Piriimiyer Liigii torban kanaan eenyu mo'ata, meeqaan?
Piriimiyeer Liigiin bara kanaa xumuramuutti dhiyaateera.
Taphoonni torban 36ffaa Sambataafi Dilbata, akkasumas Wixata gaggeeffamuuf jiru.
Gariin Waancaa fudhachuuf, kanneen ammoo liigicha keessaa kufan, akkasumas 1-4 keessa galuudhaan bara dhufu carraa Shaampiyoons Liigii Awurooppaatti hirmaachuuf qaban argachuuf jecha morkiiwwan taasifaman hundi isaanii baayyee qalbii hawwachaa jira.
Akkuma yeroo kaanii ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan taphoota torban kanaan eenyu akka eenyuun, meeqaan ammoo mo'atu tilmaameera.
Isinis tilmaama ogeessa kanaa ilaaluun keessan kaawwadhaa.
Sambata
Liids vs Niwukasil
Liids torban darbe Maanchester Siitiin mo'amanillee cimina daqiqaa gara dhumaatti agarsisaniin baayyee onnachaa turaniiru.
Tapha sambataa kana mo'atanis garuu sadarkaa gadiitti bu'uu irraa garuu waan isaan oolchu natti hin fakkaatu.
Torban darbe Arsenaaliiin kan mo'ame Niwukasil sadarkaa 1-4 keessa argachuuf jecha topha Liids waliin qabu kana mo'achuutu irraa eegama.
Tilmaama 1 – 3
Aston Viilaa vs Tootenhaam
Tapha kanaan Aston Viilaan goolii lamaa oliin yoo mo'ate gabatee sadarkaa jiruun Tootenhaam dursuutti dhufa.
Tapha kana walqixa xumuru jechuun tilmaamiin gaarii ta'a ture.
Aston Viilaan dhiyeenya kana si'a lama qabxii gatus Totenhaam garuu ejjennoon isaa waan jijjiiramuuf tilmaamuun rakkisaadha.
Gareen Unaay Emiree, Aston Viilaan, tapha kana ni moata jedheen tilmaama.
Tilmaamaa 2 – 1
Chelsii vs Nootingahaam Forest
Tapha kana keessatti dadhabiinsa Nootingahaam Forest dirreee isaatiin alatti qabu laalcha keessan galcha.
Nootingahaam Forest taphoota dirree isaaniitiin alatti taasisan ja'a tokko mo'anii kaan irratti ammoo giddu-galeessaan gooliiwaan 2.4 irratti lakka'ameera.
Chelsiin ammoo torban darbe mo'chuu kan hin taane ta'anillee qabxii sadii milkeeffataniiru.
Amma ammoo Firaank Laampaard dirree isaarrati mo'achuun irraa eegama. Tilmamaama፡ 2 – 1
Kiristaal Palaas vs Bornimaawoz
Tapha marsaa duraatiin Kiristaal Palaas Bornimaawoziin mo'atee ture. Leenjisttoonni garee lamaanii kilaba ofii cimsaniiru.
Taphni ammaa kun walqixaan xumurama.
Tilmaamma፡ 1 – 1
Manchester Yunaayitid vs Wolviz
Waa'een Maanchester Yunaayitid yaaddessaadha. Taphoota lamaan darban mo'amuu qofa osoo hin taane daqiiqaawwan 315 keessati goolii tokko qofa lakkoofsisan.
Dirree isaaniin ala rakkachaa kan jiran yoo ta'u, amma ammoo sadarkaa afraffaa qabachuudhaaf Liiverpuul waliin morkii keessa galaniiru.
Warri Wolviz ammoo torban lama dura Biraayitaniin akka malee haleelamanii turan.
Daavid De Heyaa dogoggora hin hojjetiin malee Maanchester Yunaayitid ni mo'ata.
Tilmaamaa፡ 2 – 0
Saawozhampitan vs Fulhaam
Tapha bornimaawoziin booda Saawozhampitan ni mo'ata jedhee waanan hin tilmaamneef tapha kana Fulhaam ni mo'ata.
Aleksaaddar Mitiroovich ammallee sababa adabbiin kan hin taphanne ta'us, Fulhaam tapha baayyee nama hawwatuufi haleellaa irratti hundaa'een itti fufaa jira.
Tilmaama፡ 1 – 2
Dilbata
Bireentiford vs West Haam
Carraan hin taane yoo isaan mudateen ala West Haam amma gadi bu'uun isaanii hafeera fakkaata.
Liigicha keessa turuu guutummaan guutuutti waan hin mirkanoofneef garuu cimanii taphachuun isaanii hin oolu.
Bireentiford garuu tapha kanaan duraan mo'atanii waan miyeeffataniif salphaatti gadi hin jedhaniif.
Tilmaamaa: 2 – 0
Everten vs Maanchester Siitii
Taphni kun Manchester Siitiin waancaa Liigichaa akka mo'atu mirkaneessuuf ta'a.
Siitin garuu Shaampiyons Liigii Awurooppaa Riyaal Maadirid waliin qabus torban dhufa kana keessa dirree isaatti of harkaa qaba.
Everten ammoo yeroo darbe Biraayitaniin mo'aniiru.
Warri Everten Maanchester Siitiin yoo mo'aman taphoota hafan keessaa tokko mo'annaan carraa liigicha keessa turuu dhugoomfachuu danda'u.
Amma Leester Siitiifi Liids Saawozhampitaniin of duukaa buusanii wara liigicha keessaa gadi bu'an ta'uu akka danda'an nan tilmaama.
Tilmaama: 1 – 2
Arsenaal vs Biraayitan
Gareen lamanuu tapha kanaaf akka itti dhiyaatan ilaaluun barbaada.
Warri Biraayitan akka Everten warra ittisaan caalaa warra duratti deemanii haleelan ykn jifatan filatu.
Mo'amuun 5-1 isaan mudate akkaataa tapha isaanii hin jijjiiru.
Mikeel Arteetaanis gareen isaa Arsenaal tapha jifachuurratti hundaa'e taphatu.
Taphni kun banaa ta'uu isaarra darbee gooliiwwan hedduun lakkaa'amanii walqixaan xumurama.
Tilmaamaa: 2 – 2
Leester Siitii vs Liiverpuul
Leester Fulhaamiin erga mo'amanii booda taphattoonni garichaa wal komachuu baayyisaniiru.
Wal komachuun taphattoota Leester kun garuu Liiverpul kan afraffaa qabatee carraa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa dhugoomfachuuf jiruun adabamuu irraa isaan hin oolchu.
Yeroo ammaa Liiverpuul cimee kan jiru yoo ta'u, Leester ammoo sararri ittisaa isaa dadhabaadha.
Taphni garee lamaanuu jifachuurratti kan hundaa'e yoo ta'u, taphni kun hedduu hawataa ta'a jedheen yaada.
Warri Lester gooli lakkoofsisanis Liiverpuul ammoo kubbaawwan baayyee manii keessa buusuun isaa waan hin oolledha.
Tilmaamaa: 1 – 3