Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ogeeyyiin UN, baqattoonni haleellaa Afrikaa Kibbaatti lammiilee alaarra gahuun yaadda'an
Ogeeyyiin mirgoota namoomaa UN Afrikaa Kibbaatti haleellaa lammiilee biyyoota alaarra gahu balaaleeffachuun, itti gaafatamummaan akka jiraatu gaafatan.
Gabaasa xumura torban dabre keessa baheen ogeeyyiin kun jibbiinsa sanyiirratti xiyyeeffateefi haasaan jibbiinsaa godaantota, baqattootaafi kolu-galtoota miidhaa jira jechuun, gochaa kana balaaleeffatan.
Lammiin Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa daldalarratti bobba'ee jiru Dureessaa Birhaanuu, haleellaan gama kanaan isaanirra gahu ammaaf tasgabbaa'ee kan jiru tahus, garuu yeroo mara sodaa keessa akka jiran hin dhoksine.
''Gama Oppireeshinii Dudulaa adeemaa jiruun,... saamicha, ajjeechaaf, jibbi waan jiruuf, [kanaaf] saaxilamuu dandeenya kan jedhu sodaa qabna,'' jedha.
Akka gabaasaalee qaama mirgoota namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii -OHCHR dhiyeenya bahan eeruun baase kanaatti, haleellaan lammiilee biyyoota biraa (xenophobic) fi loogiin akkaan hammaateera jedha.
Keessaafuu sosochii “Operation Dudula” jedhun dhiyeenya kana as bahan akka fakkeenyaatti kaasuun.
Biyyattiitti gareeleen falmisiisoo lama dhiyeenya kana kan as bahan ennaa tahu: Alexandra Dudula Movement fi Operation Dudula jedhamu.
Sosochiin kun lammiilee biyyoota alaa seeraan ala biyyattii galaniifi ragaa hin qabne irratti duulaa kan jiran oggaa tahu, deeggarsas argachaa jiru.
Dudula'n jecha Zuuluu ''achi dhiibuu'' yookaan ''garas deebisuu'' akka jechuuti - kanaanis maal akka barbaadan baruu dandeenya.
Gareewwan lamaan kun gargar tahanis, yaadi kahumsaa isaanii garuu tokkichuma - lamaanuu godaantonni seeraan alaa Afrikaa akka biyyasaanii dhiisanii bahan barbaadu.
Kana gochuu isaaniitiin, carraan hojiifi daldalaa lammiilee Afrikaa Kibbaaf akka tahu amanu.
Godaansaan gara Afrikaa Kibbaa dhufee ganna jaha kan dabarse Dureessaan, mootummaa biyyattii irraa waraqaan kolu-galtummaa (asylum) isaa kennamee isumaan socho'aa fi daldalaa akka jiru hima.
Magaalaa guddittii biyyattii Johaanisbarg, dhiyeenya Soweetoo keessa kan jiraatu dargaggoon kun, daldala supparmaarkeetii akka qabu dubbata.
Dureessaan amma lafti ''nagayaa qabaatus'', yeroo hunda yaaddoon akka jiran dubbata.
''Yeroo hunda alert taanee eegganna,'' kan jedhu namni kun, ''gaaf takka akka saamamnu inuma beekna,'' jechuun sodaa keessa akka jiran kaasa.
Ogeeyyiin gabaasa dhuma torban dabre keessa bahe qoran kunniin, jibbiinsi lammiilee biyya biraa (xenophobia) kun gadi fageenya kan qabuufi inumaa paartileen siyaasaa biyyattii keessa jiran tokko tokko bu'aa siyaasaaf itti fayyadamaa jiru jechuun qeeqan.
''Yaadni farra-godaantotaa angawoonni olaanoon adeemsisan, hokkora kakaasuuf galtee taheera. Qaamoleen mootummaas haleellaan dabalataa kka hin uumamne hambisuu dadhabaniiru yookaan kanneen harka keessaa qaban seeratti dhiyeessuu hin dandeenye.''
Dabaluunis qaamoleen dhuunfaa fi mootummaa mirgoota namoomaa kabajuuf waadaa seenan akka kabajan gaafataniiru.