Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liiverpuul v Arsenaal: Leenjistoonnii fi taphattoonni maal jechuun walitti dhaadatan?
Torban kana ammoo morkii Piriimer Liigii guddaa tokko daawwanna. Shaampiyoonaa bara dorgommii darbee kan tahe Liiverpuulii fi Arsenaal gidduutti morkii guddaan istaadiyeemii addunyaa irratti isa sodaachisaa jedhamu Anfiildi irratti gaggeeffama.
Qabxii tapha kana taphattoonni sarara ittisaa murteessuu? Galchii lakkofsisuun ykn galchii hanbisuun?
Taphoota 20 darban Liiverpuulii fi Arsenaal gidduutti gaggeeffame irratti galchii 78 lakkaa'ameera.
Kun erga bara 2015-16 hanga ammaa kan jirudha.
Liiverpuul Arnee Isloot jalatti taphoota taphatan hunda irraa %98 kan tahu irratti galchii lakkoofsisaniiru.
Haa tahu malee bara kana sararri ittisaa Liiverpuul balaaf kan saaxilame fakkaata.
Tapha Niwkaasil waliin taphatan irratti erga galchii lama lakkoofsisanii gara dhumaatti 2-2 tahan. Kuniyyuu taphataan Niwkaasil tokko kaardii diimaan dirreetii erga baheeti.
Daqiiqaa 100ffaa irratti ol adeemaa Riyoo Inguumoo jedhamutu Liiverpuuliin mo'amuu irraa oolchee qabxii sadii akka argatan taasise.
Bara dorgommii kanatti kubba kallattii isaa eeggachuun karra Liiverpuul irratti yaalame jaha keessaa afur irratti lakkaa'ameera.
Kun Arsenaalii haala mijataa uuma. Bara darbe taphoota sagal irratti galchii afur irratti lakkaa'ame. Bara kana garuu taphoota lama irratti lakkaa'ameera.
Liidsi Yuunaayitid irratti qofa waan akkanaa mudate. Kun Islootiif yaaddoo tahuu hin hafu.
Taphattoonni miidhaman eenyu fa'i?
Jeeromii Firiimpoongi miidhamuun isaa Doominik Sooboslaayi bakka isaa malee ittisa cinaarra akka taphatu isa taasiseera.
Kun tapha Niwkaasil irrattidha. Garuu jijjiiramee bakkicha irra kan gale Konor Biraadilii torban kana guutuu shaakala hojjeteera.
Kanaaf tapha Arsenaal kanaaf gahumsa gaarii irratti argama. Virjil Vaan Daayik erga Antoonii Goordoniin miila isaarra miidhamni salphaan gahee guutummaan bayyaannateera.
Arsenaaliif qophii tahuu Arne Isloot himaniiru. Kan biraa Maak Alister yoo tahu torban kana shaakala hojjeteera. Hiriiruu isaa garuu hin baramne.
Arne Isloot miidhama haaraa isaan mudate akka hin qabne ibsaniiru. Taphni Arsenaalii fi Liiverpuul kun waggoota 10 booda yeroo akkasii irra oole.
Arsenaal faallaa Liiverpuul ittisa cimaa qaba. Tapha lama irratti galchiin tokkoyyuu irratti hin lakkaa'amne. Kun cimina Wiiliyaam Saaliibaa fi Gabri'eel Maagaaleshidha.
Waan biraan ammoo taphattoonni sarara ittisa cinaa lamaan galchii lakkoofsisuu danda'uu isaaniiti. Rikaardoo Kaalafiyooriin Maanchister Yuunaayitid irratti lakkoofsise.
Juuliyaan Timber ammoo galchii lama Liidsi Yuunaayitid irratti lakkoofsiseera.
Erga bara 2023-24 as hanga Arsenaal rukuttaa koornaa fi kubba dhaabbate irraa kilebni Awurooppaa keessaa galchii lakkoofsise hin jiru.
Galchii 33 lakkoofsisaniiru. Kilaba isaanitti aanee jiru galchii kudhaaniin caalu.
Oduu hamaan Arsenaaliif jiru miidhama Bukaayoo Saakaa, Kaayi Haavertii fi Maartin Odeegardidha.
Odeegardi irraa kan hafe Saakaa fi Kaayi yeroo murtaa'eef miidhamaan dirree irraa fagaatu.
''Haala nama gaddisiisuun taphattoota gahumsa addaa qaban sadii jalqabuma irratti dhabne. Kanaafidha akkuma garee kamiiyyuu taphattoota ciccimoo garee keenyatti dabaluu qabna jennee kan hojjechaa jirru'' jedhe leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan.
Bakka isaanii Viktar Giyookeres, Noonii Maduweekee fi Ebereche Eezzeen taphachuu danda'u.
Eezzeen paawondii miliyoona 60 tahuun Arsenaalitti deebi'e. Giyookeres galchii lakkoofsisuu jalqabeera. Kun Arsenaaliif waan gaarii yoo tahu taphattoonni sarara gidduu kaanis galchii lakkoofsisuu danda'u.
Arteettaan waa'ee bara kana waancaa injifachuu gaafatamee akkas jedhe.
"Carraa kan qabu yeroo baay'ee kilebuma bara darbe mo'atedha. Kilebni tokko dhufee waancicha harkaa baafachuu qaba. Nuyii fi kileboonni kaanis kanumaaf dhamaana,'' jedhe.
Liiverpuul akka haaraatti of ijaaraa jira. Luwis Diyaaziin dhabee Ekitiikee fi Filooriyaan Wiirziin mallatteessiseera.
Bakka Arnooldi, Baayern Liiverkusen irraa Firiimpoongi mallatteessisus ni miidhame. Filooriyaan Wiirzi ammayyuu saffisaa fi ulfaatina Piriimer Liigiitti waan bare hin fakkaatu.
"Tapha baay'ee murteessaadha. Haala amma keessa jirru kana cimsinee itti fufuu barbaachisa. Dirree akkasii deemtee haala ulfaataa keessatti akkaataa amansiisuun mo;annee deebuu barbaanna. Tapha guddaa akkasii irraa qabxii argachuu qabna,'' jedhe Arteettaan.
''Taphataan haala ulfaataa akaksii keessatti nu gargaara jennee itti abdannu Eezzeedha,'' jedhe.
''Yeroo isa cina dhaabbattu akkasumatti sitti tola. Seeqa isaa ilaaltee! Garee addaan diiguun kubba akka fedhetti dabarsuu danda'a. Gaaffii sirrii si gaafata. Deebii sirrii kenniteefii jennaan waan ati feete siif hojjeta,'' jechuun taphataa isaanii haaraa jajan.
Taphni Liiverpuulii fi Arsenaal kun 245ffaa tahuun galmaa'a. Liiverpuul yeroo 94 mo'ateera. Arsenaal yeroo 81 mo'ateera. Kan hafe qixa xumuran. Taphoota sadii Andiifildi irratti dhiyeenya taphatan keessaa lama qixa xumuran.