Ministirri Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa loltootarratti aangoo hangamii qabu?

Itoophiyaatti waggoota jahaan darban keessatti namoonni shan yeroo jahaa itti gaafatamummaa Ministira Raayyaa Ittisaatti jijjiramaniiru.
Ministirri Mummee Abiy gara aangootti erga dhufanii booda ministeera raayyaa ittisa biyyaa haala haaraadhaan ijaaruun alatti, yeroo garaagaraatti ministiroota kaabinee isaaniitiif mudama taasisaniiru. Adeemsa kana keessattis ministeera raayyaa ittisaarratti jijjiramoonni irra deddeebiin taasifameera.
Waggoota jaha keessatti ministiroonni jaha kan muudamaniif ministeerri raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa, giddu galeessan waggaatti ittigaafatamaa tokkotu aangoorra ture. Sababii kanaanis ministiroonni baatii jahaa hanga wagga tokkoof wallakkaaf aangoo kanarra turan.
Haaluma walfakkaatunis guyyoota muraasaan dura muudamni ministirummaa raayyaa ittisaa kan kennameef Ayishaa Mahaammad yeroo lammaffaaf aagoo kanatti deebii’an. Ayishaan seenaa ministeera raayyaa ittisa biyyaa keessatti ministiira dubartii jalqbaati.
Ministirri Mummee Abiy erga gara aangootti dhufaniin booda yeroo jalqabaatiif wayita kaabineesaanii ijaaraniitti, Obbo Motummaa Maqaasaa kan mudan yoo ta’u, ittaansee Ayishaa Mahaammad, Obbo Lammaa Magarsaa, Dr Qana’aa Yaadataa, Dr Abrahaam Balaay, amma ammo Ayiishaa Mahaammad aangoo ministirummaa fudhataniiru.
Ministira Mummee dabalatee Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa, hoggansa raayyaa ittisa biyyattii irratti aangoo olaanaa akka qaban heera mootummaafi labsii raayyaa irra taa’eera.
Kanaaf raayyaa ittisaa dursuudhaan ittigaafatamummaafi aangoon qaamoolee sadan kanneenii maaliidha?
Ministira Mummee
Raayyaan ittisaa mootummaa federaala Itoophiyaa kutaalee lafoo, qilleensa, galaanaafi saayibariidhaan ijaaramun himamu, ministeera raayyaa Ittisa biyyaa jalatti argama. Innis aanga’oota sadarkaalee gargaaraarratti waraanaa dursan qaba.
Ministirii aangoorra jirus hojiiwwan idilee humnootiifi dhaabbilee Ministeera Raayyaa Ittisaa jalatti argaman hogganuufi bulchuun ittigaafatamummaa ijoo qabaatan illeen, sochiilee fi hojiiwwan waraanaa murteessaa irratti garuu gahee olaanaan kan Ministira Mummee fi Itaamaajoor Shuumiiti.
Heera Mootummaa Itoophiyaa keeyyata 74 irratti akka barraa’eetti, aangooofi ittigaafatamummaa ministirri mummee qaban keessa tokko, ajajaa waliigalaa humnoota waraanaa ta’udhaan raayyaa ittisa biyyaa olaantummaadhaan ajajuudha.
Ministira Raayyaa Ittisa biyyaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka labsii Raayyaa Ittisa Ripablika Dimokiraata Federaala Itoophiyaa ALI bara 2015 baheetti, tarree gaheefi aangoo ministira raayyaa ittisa biyyaa miseensa kaabinee biyyattii ta’an kaa’eera.
Haaluma kanaanis ministira raayyaa ittisa biyyaa ilaalchisee, dhimmoota mana maree ministirootaatiin irratti mari’atamuufi murteeffamu barbaachisan dhiyeessuun murteessisu. Akkasumas seeroota, imaammatawwan fi tarsiimoowwan raayyaan ittisaa ittin bulu qopheessuun, yoo ragagasifame ammo hojiirra olmaasaanii mirkanneessu.
Kana malees, bajata ministeerichaa dhiyeessuun hayyamsiisu, hojiirra olmaasaas ni to’atu, dhaabbilee misoomaa ministeerichaa fi faawundeeshinoota raayyaa ittisaa ni to’atu. Mootummoota alaa fi dhaabbilee mootummaafi miti-mootummaa waliin quunnamii uumu.
Duulawwan waraanaa gama ilaallatuun, ‘‘haaluma murtee motummaatiin duula waamicha biyyaaleessaa’’ akka waltaasisan ittigaafatamummaafi aangoo ministirri waajira kanaa keessatti eerameera.
Kanaanis ittigaafatamummaa fi aangoon ministira raayyaa ittisaa irra caalaan kan dhimmoota bulchiinsaa keessoo dhaabbatichaa irratti xiyyeeffatan jechuun ni danda’ama.
Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa
Dhaabbilee waraanaa biyyattii keessatti namoota aangoo olaanaa qaban keessaa Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa isaan tokkoodha. Yeroo ammaatti aangoo kanarratti kan argaman Fiild Maarshal Biraanu Juulaati.
Haala labsii raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaatti, ittigaafatamummaafi aangoon Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa, ministira mummeetiifi ministira raayyaa ittisaa dhimmoota waraanaa irratti gorsuu, haaluma ajaja ministira mummeetiinis waraana bobbaasuun adda waraanaatti bobbaasa.
Kana malees, wayita rakkoon nageenyaa humna naannooleetiin ol ta’e mudatutti ittigaafatamummaan yoo kennameef waraannii akka bobba’u taasisa. Labsii yeroo muddamaa biyyattii keessatti labsaman ni raawwachiisa.
Kanaaf dhimmoota waaraanaa irratti aangoo ijoo kan jiru Ministira mummee harka yoo ta'u, ittaansun humna waraanaa irratti aangoo olaana kan qab Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaati.
Ta’us Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa sochiilee idilee fi dhimmoota bulchiinsa waraanichaa hogganuudhaan alattis, ministira mummee waliin ta’udhaan mana maree ministirootaafi Itaamaajoor Shuumii waliin walitti dhufeenyan hojjatan qabu.












