Ayishaa Mahaammad irra deebin ministiira raayyaa ittisaa ta'uun muudaman

Madda suuraa, HOUSE OF PEOPLES REPRESENTATIVES OF FDRE
Adde Ayishaa Mahaammad irra deebin Ministiira Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa ta'uun muudaman.
Yeroo MM Abiy Ahimad gara aangootti dhunfan Aadde Ayishaan ministiira raayyaa ittisaa ta'uun muudamanii ji'oota muraasaf tajaajilanii ture.
Biiroon Muummee Ministeera Itoophiyaa ibsa har'a baaseen, Adde Ayishaa Mahaammad bakka ministiira raayya ittisaa ta'uun kan tajaajilaa turanii Dr. Abrahaam Balaay akka bakka bu'an ifa godheera.
Dr. Abrahaam Balaay bakka Adde Ayishaan hojjataa turan Ministeera Jallisii Naannoo Gammoojjii deeman ibsameera.
Adde Ayishaan dubartii jalqabaa ministiira raayyaa ittisaa Itoophiyaa ta'uun bara ALI bara 2011tti yoo muudaman, ji'a jaha qofa tajaajilan ture.
Yeroo jalqaba ministiira raayya ittisaa ta'anii muudamanitti turtii BBC waliin taasisaniin muudama isaanitti baay'ee gammadoo ta'uu ibsanii ture.
"Dubartoota Itoophiyaaf ulfina, naannon ani itti dhaladheef ulfina, anaafis akkasuma. Dhaabbata guddaafi seena qabeessa birmadummaa Itoophiyaa kabachiisu gaggeessuu caala kabajni hin jiru," jedhanii ture.
Adde Ayishaan raayyaa ittisaa ji'ootaf erga gaggeessanii booda gara bakka duraan turan Ministeera Konistiraakshiniitti deebi'anii ture.
Waggaa lama dura kaabineen haaran gaafa hundaa'u, Adde Ayishaa Mohaammad Ministiira Jallisiifi Naannoo Gammoojjii ta'uun muudaman. Yeroo isaan gara Ministeera Jallisiifi Naannoo Gammoojjitti muudaman bakka isaan duraan turan Ministeera Misooma Magaalafi Konistiraakshinii Adde Caaltuu Saanitu bakka bu'e.
Adde Ayishaan osoo gara biiroo federaalaa hin dhufin dura Biiroo Ittisa Balaa Naannoo Affaar gaggeessaa turann.
Naannoo Affaaritti sadarkaa garaa garaarra hojjataa kan turan yoo ta'u, bara ALI bara 2008tti Ministiira Aadaafi Turizimii ta'uun muudamanii ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri Mummee Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufaniin booda ministirri Raayyaa Ittisa biyyaa yeroo jahaaf mudamni taasifameera.
Ministirri Mummee Abiy aangootti akkuma dhufaniin wayita miseensoota kaabineesaanii ijaaraniitti, Obbo Motummaa Maqaasaa ministira raayyaa ittisaa taasisuun mudanii ture. Obbo Motummaanis aangoo sanarra kan turan baatii jahaaf qofaa ture.
MM Abiy baatii jahaan booda amm Ayishaa Mahaammadii ministira raayyaa ittisaa dubartii jalqabaa taasisuun mudan. Akkuma Obbo Motummaa Ayishaanis aangoo kanarra kan turan baatii jahaaf qofaa ture.
Ayishaa Mahaammad aangoosaanii nama qaama ‘‘jijjiramichaa’’ turan Obbo Lammaa Magarsaatiif kan dabarsan Ebla ALI bara 2021tti ture.
Obbo Lammaa Magarsaa ammoo aangoo ministira raayyaa ittisaa kanarra gara waggaafi baatii afurii erga turaniin boda Dr Qana’aa yaadataatiif dabarsan.
Ammaan tanatti gorsaa nageenya biyyaaleessaa MM Abiy kan ta’na Dr Qana’aan ministirummaa raayyaa ittiisaa irra waggaa tokkoof turan. Dr Qana’aan aangoosaanii kan dabarsan Dr Abrhaam Balaa kan har’a Ministira Jalliisiifi Naannawa Gammoojjiitti mudamaniitti ture.
Dr Abrhaam ALI Fulbaana 2014 irraa eegaluun hanga har’a aangoorraa kaafamaniitti ministira raayyaa ittisa biyyaa ta’un tajaajilaniiru.
Ministirri Mummee Abiy muudama har’a kennaniin Dr Mahaammad Idiriisiin aangoo ittaanaa deetaa ministiraatiin, Jidduugala Ijaarsa Sirna Dimokraasiittii mudamaniiru.
Dr Mahaammad Idiriis ALI Hagayya 2014 irraa kaasee Daareektara Olaanaa tajaajila Diiyaaspooraa ta’un tajaajilaa turan.
Dr Mahaammad paartii Badhaadhinaa bakka bu’uudhaan miseensa mana maree bakka bu’oota ummataatis.












