Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaatti namootni gaara 'safeeffatamu' bahan jaha lubbuu dhaban
Raashiyaatti namoonni gaara Volkaanoorraa uumamee Awurooppaa fi Eshiyaa keessa gudddicha ta'e bahaa turan jaha lubbuun darbuu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.
Sababa haalli qilleensaa badaa ture irraa kan ka'e namoota jaha biroo gaara san irratti danqaman baraaruun rakkisaa ta'uus gabaasan.
Namoota danqaman keessaa lama sirrii galaanaa irraa ol ka'iinsa meetira 3,300 ol irratti dahatanii akka jiraniifi kan hafan afur ammoo ol ka'iinsa meetira 4,000 irratti godoo keessa akka jiran amanama.
Namoota imala kana dursan keessaa tokko miilli isaa cabee kan jiru yeroo ta'u kanneen biroo haala akkamii keessa akka jiran hin beekamne.
Gaarri lammiileen Raashiyaa bahaa turan kun Klyuchevskaya Sopka kan jedhamu yeroo ta'u, qaama teessoo lafaa sababa Voolkaanoon uumamee hambaa addunyaa ta'uun UNESCO'tti galmaahe Kamchatka jedhamuuti.
Gaarri kun hawaasa ganamaa naannicha jiratu biratti ni safeeffatama.