Kantiibaan magaalaa Shawaa Roobiit rasaasaan ajjeefaman

Maxxanfame

Naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaatti kantiibaan bulchiinsa magaalaa Shawaa Robiit qaamolee hin beekamneen rasaasaan rukutamanii ajjeefaman.

Kaantiibaa Wubisheet Ayyaaleew Kamisa Fulbaana 1, 2022 galgala sa'aa sadiitti waajira isaanii bahanii osoo gara manaa galaa jiranii qaama ammatti adda hin baafamneen itti dhukaafamee ajjefamuu bulchiinsi magaalittii beeksise.

Magaalaan Shawaa Roobiit amma dura walitti bu'iinsa amantaafi fi sabummaan walqabatan fakkaatan keessummeessaa kan turte yeroo ta'u, ji'oota dura humnoonni TPLF naannoolee Amaaraa fi Affaar wayita to'atanii turan magaalota harka hidhattoota kanaa galte keessaas tokko turte.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti TPLF waliin godhamu dhukaasa dhaabuu ji'oota shaniin booda deebi'ee hammaachuu isaatiin Godinaaleen Baha Amaaraa keessa jiran dhorkaa sochii dabalatee qophii waraanaa keessa wayita jiranitti ajjeechaan kantiibaa kanaa dhagaahame.

Obbo Wubisheet guyyaa kamisaa Manni maree nageenyaa magaalichaa nageenyaa fi tasgabbii magaalittii eeguurratti murteewwan dabarse ibsaa turan.

Kantiibichi galgala naannoo sa'aa sadiitti balbala isaanii fuulduratti rasaasaan rukutamanii du'an.

Magaalittiin nageenya mirkaneessuuf jecha sochiin konkolaattotaa sa'aa lamaa booda kan namaa lafoon deemuu ammoo sa'aa shan booda akka hin gaggeeffane dhorkaa kaaheera.

Buqqaatonni magaalitti qubatanii jiran ammoo galgala sa'aa 12 booda akka hin sochoone dhorkaa kaaheera.

Kantiibaan magaalittii guyyaa ajjefamanitti manneen nyaataafi dhugaati galgala hanga sa'aa afuriitti qofa akka tajaajilanis murteen darbeera.

Dabalataaniis qaamolee nageenyaa mootummaan alatti namni meeshaa waraanaa qabatee akka hin sochoone, beekamtii mootummaa malee walgahuunis dhorkameera.