Namni UK yeroo jalqabaaf wal'aansa plastic surger'n harki tolfameef waggaa 10 booda maal hima?

Maxxanfame

Muddee 27, 2012'tti ture UK'tti yeroo jalqabaatiif wal’aansaan harka jijjiruun Hospitaala Barnootaa NHS Trust Leads keessatti kan gaggeeffame.

Waggaa 10 booda ammoo namni wal’aansicha argatee fi ogeessa fayyaa isa wal’aane waliin BBC’n turtii taasiseera.

“Dhukkubsattoonni hedduun wal’aansa erga argatan booda wantoota xixxiqqaatu waan ijoo isaaniif ta’a,” jedha oggeessii fi gorsaan wal’aansa baqaqsanii hodhuu namtolchee (plastic surgeon) Piroofesar Saayiman Kee.

Kutaan Wal’aansa Jijjirraa Harkaa Liids, UK'tti bakka wal’aansa walxaxaa akkanaa itti gaggeeffamu tokkicha.

Akkasumas addunyaa keessatti wiirtuulee tajaajila wal’aansa jijjiraa harkaa kennaan kan duraa addunyaa keessaas isa tokko akka ta’etti ilaalama.

Maark Kahiil, waggootii dheeraaf dhibee harka nyaataa ykn riihii (gout) jedhamuun erga rakkatee booda bara 2012 keessa harki isaa mirgaa garmalee faalamuun (tortoree) akka irraa kutamuuf taasifame.

“Harmeenkoo Piroofesar Kee TV irratti agartee wal’aansa jijjiiraa harkaa ni gaggeessa jetti turte,” jedha magaalaa Giriitlaand irraa kan ta’e Maark.

“Isa arguu yemmuun danda’e wal’aansa kana argachuuf kaadhimamaa gaarii akkan ta’e natti hime. Maatiikoo waliin haasa’ee wal’aansicha argachuuf murteesse, Yeroos, waanan qaburra wayya jedheen yaadeen murtessa, akkuman yaadis irra fooyya’aa ture.”

Erga gaaffii fi deebii xiinsammuu cimaa gaggeessee booda ture kanan wal’aansa baqaqsanii hodhuu sana argates.

Mudde 26 irratti bilbilli Maark fi maatiinsaa eegaa turan bilbilame.

“Naaf bilbilanii ‘dhufuu dandeessa? Wal’aansa kana argachuu ni dandeessa kan jedhu irratti amma qorannoo adda addaa hanga gaggeessitutti hospitaala turuunkee hin oolu’ naan jedhan.

''Yaada hedduutu sammuukee keessa deema – wal’aansichi ni milkaa’a, harka haaraa naaf kennamu nan jaalladhaa? Wantoota kana hanga wal’aansicha dhumutti beekuu hin dandeessu.” 

Maarkiif wal’aansa jijjirraa kana argachuuf murteessuun waan shakkii qabu hin turre. 

Gartuun wal’aansa baqaqsanii hodhuu kun oggeessota baqaqsanii yaaluu Firaans kan bara 1998’tti wal’aansa jijjirraa harkaa jalqabaa gaggeessan waliin mari’achaa hojjetame.

Guyyaa itti aanuu wal’aansa kana kan argate Maark, “ Na raffisanii booda harka haaraa waliinan dammaqe,” jedha.

“Ergan dammaqee booda, Prof Kee dhufee ‘mee haa ilaallu’ yeroo nan jedhe nan yaadadha.”

“Qubakoo hanga tokko sochoosu nan danda’e, Prof Kee garuu ‘amma hin sochoosiin’ naan jedhe. Kanaaf animmoo, ammumaan harkichi hojechaa jira jedheen yaade. Akkas dafee socho’uun isaa nama ajaa’iba.”

Sana booda ji’oota hedduuf wal’aansa sochii qaamaa (physiotherapy) argachaa ture. Maark “jalqabarratti cimaa ture,” jechuun ni yaadata.

Wal’aansi kun of danda’ummaa isaa deebiseefii jireenya isaa akka geeddare hima. 

“Wantoota akka naaf hojjetaniif namoota gargaarsan gaaffadha ture. Fakkeenyaaf amma konkolaataa oofuuf, harkakoo mirgaatiin marii naannessuu nan danda’a,” jedha.

Dabalataanis bara 2016’tti yemmuu haati warraa Maark, Silviyaa dhibee onneen tasa hubamte, harki isaa haaraan lubbuu ishee olchuuf gargaareera.

“Daqiiqoota 19’f duute turte, isaan keessaa daqiiqotaa 10’f harka mirgaakoo fayyadamee tajaajila dursaatiin onnee ishe dhidhibee lubbuu ishee tursuu danda’eera,” jedha. 

Barabaraan gartuu oggeessota kanaa akka galateeffatu ni hima. “Jireenyi amma gaariidha. Baayyee gaariidha.”

Prof. Kee gama isaanis wal’aansa kana kooraan yaadata. “Waggaa 10 keessatti, wal’aansa ajaa’iba jedhame gaggeessuu irraa, gara tajaajila kana salphaa, qindaa’aafi addunyaa keessatti wiirtuu dursoo lamaan hundeessurra geenyeerra,” jedha.

“Sadarkaan dandeettii fi qulqullinaa gartuu kanaa baayyee addadha, akkasumas wal’aansoti kunneen jabinaa fi tolummaa gumaachitootaa fi maatii isaanii malee hin milkaa’u ture.

 “Gumaachi isaanii jireenya namoota akka geeddarruuf nu gargaareera. Hojii kana irratti hojjechuun ammoo carroomuudha,” jedha Prof Kee.

Ta’us garuu ammayyuu harka gummaachuun wanta galmee qaamaa gumaachuu irratti akka filannootti kan dhiyaatu miti.

“Namoota gumaachan nibarbaadna,” jedha Maark. “Kun gaaffi oggeessoti fayyaa salphaatti namoota gaafatan miti.”