Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kampaaniin iPhone moodeela haaraa gabaaf dhiyeessuun dura hojjettootaaf kaffaltaa akkaan dabale
Kampaniin oomisha bilibila guddichi bilbiloota iPhone oomishu waggaa waggaan moodela haaraa gabaaf dhiheessuu itti fufeera.
Bilbiloota iPhone oomishee gabaaf kan dhiheessu Foxconn moodela haaraa gabaaf dhiheessuun dura hojjettoota hedduu qacaraa jira, kanneen jiraniifis faayidaalee adda addaa eegsisaafii jira.
Fakkeenyaaf hojjettoonni isaa kubbaaniyyaa Chaayinaa, Zhengzhou jiru keessa hojjetan boonasii hanga yuwaanii 3,000 argataniiru.
Faayidaan kun hojjetaa erga hojii eegalee yoo xiqqaate guyyaa 90 dabarse hunda ilaallata.
Hojjetaan kubbaaniyyichaa hiriyoonni isaanii ala jiran akka seenaniif eere ammoo badhaasa argata jedhe kubbaaniyyichi.
Kubbaaniyyaan kun bilbila iPhone amma gabaarra jiru iPhone 14 kan gabaaf dhiheesse Fulbaana 2022 yoo ta'u waggaasaatti iPhone 15 Fulbaana dhufu gabaaf dhiheessuuf jedha.
BBCn appii Chaayinaa ergaa ittiin waliif ergan WeChat jedhamurraa akka argetti, yeroo ammaa hojjetaan jaarmiyaa kanaa hiriyaansaa kubbaanicha akka seenu affeeree fi yoo namni haaraa seene sun yoo xiqqaate ji'a tokkoof ture badhaasa yuwaanii 500 argata.
Kubbaaniyyaa teeknooloojii guddaan teessoon isaa Taayiwaan ta'e kun, hojjettootasaa ''Warshaa iPhone City'' jedhamu keessaa hojjetaniif faayidaa adda addaa qoodaafii jira.
Kubbaaniyyaan kun dhimma kana adda baafachuuf gaaffii BBCn dhiyeesseef deebii hin kennine.
Hojjettoonni warshaa Zhengzhou keessatti argamu keessa hojjetan bara darbe sababa weerara koronaavaayirasii fi kaffaltiinis waan gadi jalaa bu'eef mormii kaasanii turan.
Sababa aanga'oonni Chaayinaa weerara Covid-19 sababeeffachuun sochii uummataa daangessaniif jecha oomishi iPhone 14 barfatee gabaatti ba'e.
Kanaan boodadha kubbaaniyyaan Apple hojjettoota hedduu qacaruun mindaasaanii cinaatti faayidaalee adda addaa eegsisuufiif waadaa kan seene.
Garuu hojjetaan tokko akka BBCtti himetti, waliigalteen hojii kun ''faayidaaleen waadaa galaman hagam akka ta'an hin ibsu.''
Kanarratti deebii kan kenne Foxconn, ''waadaan kun rakkoo teeknikaa muraasaaf hojiirra hin oolle,'' jechuun, hojjettoonni haaraan waan beeksisarratti eerame hundayyuu ni aragtu jedhan.
Warshaan oomisha bilbiloota iPhone hojjettoota kuma 200 ol qaba.