Hidhaa waggootaan booda bilisa jedhamuun ija seeraan akkamiin ilaalama?

Dhaddacha

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Itoophiyaatti namoonni siyaasaa hedduun erga waggootaaf hidhaa turanii booda bilisa jedhamanii yoo gadhiifaman dhagahamu.

Beellama mana murtii hedduu booda, qorannoo poolisii fi ragaa namootaa erga dhiyeessanii booda himata adda kutuun ykn ammoo bilisadha jedhamuun himatamtooti yoo gadhiifaman waan baramedha.

Ofii kun adeemsa seeraatii immoo yknis qaawwaa seeraati?

Ofii dhimma kanarratti miidhamtoonnii fi ogeesoonni seeraa hoo maal himu?

Yaasoo Kabbabaa jedhama. Manni hidhaa isaaf haaraa miti. Yeroo barataa yunvarsiitii ture irraa eegaluun hidhamaa akka ture hima. Waggoota sadii keessatti waggaa lamaa fi ji'oota jahaa oliif hidhamee bahe.

Erga MM Itoophiyaa Abiy Ahimad aangoo qabatanii as yoo xiqqaate waggoota lamaan darbe keessatti yeroo 39 ol dhaddacha irratti dhiyaateera. ALI bara 2013 keessa ammoo mana hidhaatii gadhiifamee deebi'ee qabamuun hidhame.

Innis dhiyeenya bilisa jedhamuun gadhiifame.

''Namni tokko balleessaaf shakkamuun to'atamee yeroo dheeraaf erga dadhacha irratti dedebi'aa ture booda bilisa jedhama taanaan beenyaa argachuu qaba jedheen amana. Kun ammoo namni sun humna oomishu waan taheef bu'aa buusuu qabu sana irraa waan hidhameef kaffalamuufii qaba jedheen yaada,'' jedha Yaasoon

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Beenyaan kan kaffalamuuf ammoo namichaaf osoo hin taane bu'aa namni sun akka dhuunfaatti biyyaaf buusuu maluufiidha'' jechuun sababii kaa'a.

Rakkoo guddaan kan jiru, namni tokko erga waggoota shaniif ykn kudhaniif hidhameen booda ati bilisadha jedhamu sanadha kan jedhu Yaasoon, ''Namoota akkasiitiif beenyaan kaffalamee bilisa hin jedhaman yoo ta'e ammoo, waggoota hanga kanaatiif hidhamee bahe jedhanii waraqaa ragaa kennuufiitu gaariidha,'' jedha.

''Anaaf haalli akkasii kun, bilisan bahe osoo hin taane waggaa lama hidhamee bahe kan jedhudha. Osoo bilisa na jedhan tahee, gaafuma jalqaba qorannoon xuurame sana akkan bilisa tahe waan beekaniif gaafasuma na gadhiisu ture.

''Haata'u malee, waan ittiin na himataniif ragaa gahaa hin qaban ture. Kanaaf jecha dhiifama dogogoraan hidhamte, ykn ati yakka kana irraa bilisa na jedhanii na gadhiisuu qabu ture,'' jedha.

Garuu erga yeroon darbe gaafa itti tole kan na gadhiisan yoo tahe, waggaa lama hidhamee bahe osoo jedhan gaarii ture jedha.

Yaasoon hidhamusaatti waan hedduu hojjechuu qabu akka dhabe dubbata. Taatee dhiyeenyaatiinis kitaaba barreessee osoo eebbisiisuuf jedhu irraa hidhamu hima.

Sababii hidhamu isaatti ammoo akka maatii fi akka dhuunfaatti wantoota milkeesuu qabu hedduu akka dhabe hima.

Abukaatoo namoota siyaasaa hedduu tahuun kan beekaman Obbo Tuulii Baayisaa akka seera Itoophiyaatti seerri namni tokko hidhamee yoo bilisa bahe beenyaa gaafachuu danda’a jedhu hin jiru jedhan.

Garuu namni tokko seeraan ala hidhamee erga bahee miidhaan narra gaheera jedhee kan amanu yoo tahe, beenyaa gaafachuu danda’a jedhu.

Mirga Namoomaa ilaalchisee seerota idil-adunyaa irratti Itoophiyaan waan mallattesitee jirtuuf karaa sana gaafachuun akka danda’amu himu.

Seerri kaffaltii beenyaa kun ifatti hin barraa'iin malee waliigaltewwan mirga namoomaa itoophiyaan mallateesite hedduu keessa jira. namni beenyaa gaafachuu barbaadus karaa kana himata banee gaafachuu akka danda'u dubbatu Obbo Tuuliin.

Seera farra shororkeesummaa Itoophiyaa keessatti garuu namni seeraan ala hidhamee yoo dararame, miidhaan qaamaa fi qalbii irra gahe beenyaa gaafachuu akka danda’u tumamee akka jiru himan.

Qaamni seeraa nama hidhee tokko yoo miidhaa irraan gahe karaa sadiin gaafatama kan jedhan Obbo Tuuliin, kan jalqabaa rakkoo naamusaan, beenyaa kaffaluu fi yakka irratti hojjechuudhaan tahuu himan.

Haa tahu malee, Itoophiyaa keessatti namni tokko hidhamee gaafa bahu, achii bahuu isaatti gammada malee mirga seeraan qabu deebisee gaafachuun waan baratame miti jedhan.

Himata adda kutuu fi Dhiifama gochuun akkamiin ilaalama?

Akka seera yakka Itoophiyaatti, namni tokko shakkame erga hidhamee booda hanga ragaan yakkamaa tahuu isaa irratti hin mirkanoofneetti bilisa jedhamee waamama.

Namoota hedduuf abbukaatoo tahuun waggootaaf hojjechaa kan turan ogeessi seeraa Obbo Tuulii Baayisaa, namni shakkamuun to'atame tokkoo ragaan namaas tahu kan barreeffamaan hanga dhiyaatee yakkamaa tahuunsaa irratti mirkanaa'utti shakamaadha malee yakkamaa hin jedhamu jedhu.

Shakkii malee yakka raawwachuu isaa abbaa alangaatuu mirkaneessuu qaba kan jedhan jiru. Biyyoonni tokko tokko ammoo abbaan alangaa mataansaa yoo sadarkaa gahaa tahetti mirkaneese qofaa shakkamaan yakkamaa taha jedhu.

Garuu Itoophiyaatti seerri yakkaa kan bara Mootii Haayile Sillaasee baheen murtiin darbaa jiraachuu himanii, Itoophiyaatti namni tokko yakkamaa tahuuf shakkii tokko malee abbaa alangaatu mirkaneessu qaba jedhan.

Seera Yakkaa Itoophiyaa keewwata 141 irratti himatamaa irratti abbaan alangaa yoo ragaa gahaa hin dhiyeesineefi yakkamaa tahuu isaa hin mirkaneesine himatamaan bilisa jedhamee akka gadhiifamu himan Obbo Tuuliin.

Gama biraan ammoo himatamaan ragaa ittisaa erga dhiyeeffachuun of irra ittisuu danda'a.

Manni Murtii erga ragaa ittisaa dhageeffatee murtee dabarsa kan jedhan Obbo Tuuliin yoo namni himatame yakkamaa tahuun isaa sadarkaa kanatti hin mirkanoofne bilisa jedhamee gadhiifama. Kun Murtee guutuu jedhama jedhan.

Namni kun yakka Kanaan lammaffaa himatamuu hin danda’u jedhan.

Qondaalli ABO Kolonel Gammachuu Ayyaanaa mana murti ol aanaa federaalaatiin bilisa jedhamanii akka turan kan kaasan Obbo Tuuliin abbaan alangaa ammoo ol iyyannoo waan fudhateef akka seeraatti mana isaanii taa’nii hordofuu osoo qabanii seeraan ala hidhanii kaa’an jedhan.

Mootummaan gaafa yakkaan nama himatu uummata bakka bu’eeti. Mootummaan erga nama tokko yakkaan shakkee hidhee booda bu'aasaa moo miidhaa isaa caala kan jedhu ilaaluu akka danda'u himu.

Namni sun hidhamee taa’uusaarra yoo bahee hojjete uummata biyya kanaa fayyada. Isatu caala jedhanii himata addaan kutanii gadhiisuu danda'u jedhan.

Dabalata ammoo namoota siyaasaa fi beekamoo gaafa hidhan mormiin uummataa irratti ka’uun nageenyaaf rakkoo waan tahuuf mootummaan himaticha irra deebiin ilaalee addaan kutuu danda’a jedhan.

''Himata dddaan kute jechuun namootni sun bilisa bahan jechuu miti. Abbaan alangaa erga jarri bahanii himata isaa itti fufuus danda’a ykn ammoo achumaan dhiisuu danda’a.''

Gama biraan ammoo namoota yakkaan himatamanii murteen irratti darberuuf mootummaan dhiifama gochuufii danda’a. Garuu haal duree isaan kaa’anii gadhiisan cabsanii yoo argaman deebisanii hidhuu danda’a jedhan.

‘Raawwii isaa malee seerri Itoophiyaa qaawwaa hin qabu’

Itoophiyaa keessatti yeroo dhiyeenyaan as namootni siyaasaa yakka adda addaan himatamuun erga mana murtiitti dhiyaachaa turanii manni murti bilisa kanneen baase jiru.

Gama biraan ammoo namoota siyaasaa akka Obbo Baqqalaa Garbaa fi Jawaar mahaammad fa'aa erga mana murtiiti dedebisaa turanii himata adda kutuun gadhiisan.

Kunis marii biyyaalessaa biyyattiin qopheessa jirtu milkeesuuf gargaara jedhamee murtoo fudhatame tahuu mootummaan ibseera.

Gama biraan ammoo himatamtoota tokko tokko manni murtii bilisa baasuun ykn mirga wabii eeguun akka gadhiisaniif poolisiif ajaja yeroo bareessu osoo hin gadhiisiin mana hidhaa yeroo tursiisan akka jiru Obbo Tuuliin himu.

Itoophiyaan seerota idil adunyaa mirga namoomaa mallatteessuu ibsanii poolisiin nama bilisa jedhame tokko hidhee kaa’uuf mirga hin qabu jedhu. Inumaayyu yakka biraa hojjechuudha jechuun ibsu.

''Seerri Itoophiyaa qaawwaa tokkoyyuu hin qbau. Garuu hojiitti hiikuu irratti rakkoo qaba.''

''Bara haaromsaan dura warri bulchaa ture xiqqoo ni fakkeessu. Manni Murtii bilis akka jedheen yerosuma gadhiisuun akka ati achii baateen ammoo deebisanii si qabu. Amma garuu nama manni murti bilisa jedhee yookiin mirgi wabii eegameef himanni erga adda citeefaa ajaja fudhachuu diduun hidhanii kaa’u'’ jechuun waan hojii keessatti saan mudatus dubbatu.

Akka fakeenyaatti abbaan alangaa waliigala Oromiyaa qondaalota ABO akka Mikaa’el Booranii fi Kennasaa Ayyaanaa yakka irratti arge hin qabu. Kanaaf gadhiisaa jennaan didanii waggaa lamaaf mana hidhaa kaa’an jedhan.

‘’Waan akkasii kun hidhaa bulchiinsaa jedhama. Waan kun seeraan aladha. Akka adunyaattis kun yakkadha.‘‘

Waan mudataa jiru nama himatame deebisanii dhoksanii hidhaniiti tursiisu jedhu. Haaromsa qaamolee haqaa kana irratti sadarkaa federaalaatti fooyyee akka qabu kann himan Obbo Tuuliin sadarkaa naannootti ammayyuu rakkoon jiraachuu himu.

Sadarkaa Oromiyaatti poolisiin yoo itti tole qofa ajaja mana murtii raawwata kan jedhan Obbo Tuuliin himatamtoota abukaatoo tahuun dhaabataniif keessaa Lammii Beenyaa, Daawwit Abdataa fi Abdii Raggaasaa caqasan.

Himatamtoota kanneen manni murtii akka gadhiifamaniif ajaja gaafa itti barreessu tole jedhanii mallatteesanii fudhatanii garuu hojiitti hin hiikne jedhan.

''Namni silaa seera kabachiisuu qabu yoo ofii seera cabse eessaa fidda?''

Adeemsi akkasii kun sirna biyyaaf hamaadha kan jedhan Obbo Tuuliin poolisiin hin ajajamu taanaan sirna biyyaa diiguu jechuudha jedhan.

''Poolisin sirna tiksuu osoo qabu ofii cabse taanaan biyyatu rakkoo keessa gala. Manni Murtii nama bilisa jedhe seera kabachiisu jettee hiitee kaa’uun matuma isaan seera cabsuudha.''

Erga MM Abiy Ahimed gara aangootti dhufanii qaamolee haqaaf haaromsi godhamuu himamaa ture. Sana booda komiin qaamolee haqaa irratti dhagahamu garuu ittuma fufee jira.