Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gorsaan Zeleniskii guyyaa tokko qofa odeeffannoo dogoggoraa kenne aangoo gadhiise
Gorsaan Pireezidantii Yukireen Oleksii Arestooviich, misaa'elli Raashiyaan Sambata darbe magaalaa Dnipro irratti dhukaaste, jalqaba humna ittisaa Yukireeniin haleelamee kan kufeedha jechuun odeeffannoo dogoggoraa kennuusaaf aangoo gadhiise.
Haleellaa manneen waliin jireenyaa irratti raawwateen lubbuun namoota 44 darbeera.
Aab Arestooviich odeeffannoo dogoggoraa kennuun ''balleessaa hamaa raawwadheera'' jechuun dhiifama gaafate.
Ibsi inni jalqaba kenne lammiilee biyyattii hedduu mufachiise, warri Raashiyaas ibsa namichaatti fayyadamuun balleessaa Yukireenitti muran.
Gorsaan kun Pireezidanti Zeleniskii faana baayyee beekama, YouTube hordoftoota miiliyoonaan lakkaa'aman qabu fayyadamuun odeeffannoo waa'ee waraanaa kennuun maqaa qaba.
Pireezidanti Zeleniskiin waa'ee aangoo gadhiisuu qondaala michuusaanii ta'ee kanarratti hanga yoonaa yaada hin kennine.
Dheengadda gaafa Sambataa wayita misaa'elli Raashiyaa manneen jireenyaa namootaa haleele, misaa'ela rukutee manarratti kan kuffise humna Yukireen ta'uu ibse qondaalli kun.
Yukireen ammoo gamoon kun kan rukutame misaa'ela Raashiyaa Kh-22 jedhamuun ta'uu ibsite.
Misaa'ela kana rukuttee buusuuf dandeettii akka hin qabnes himteetti.
Lammiileen Yukireen hedduun yaada gameessi siyaasaa kun kenne erga dhagahanii booda, holola Raashiyaa daranuu cimsaa jira jechuun komatan.
Miseensonni paarlaamaa gariin akka Aab Arestooviich aangoo mootummaa keessaa haqamuuf mallattoo walitti qabaniiru.
Boodarra innumtuu dogooggoruusaa amanuun aangoo gadhiisuuf xalayaa galfate.
Aab Arestooviich erga waraanni Yukireen eegalee qondaalli akkaan beekamuudha.
Waraana ilaalchisee odeeffannoo wayitaawaa karaa chaanaalii YouTube isaa guyyuu dhiyeessaa ture.
Chaanaaliin isaa kun maamiloota (subscribers) miiliyoona 1.6 qaba. Viidiyoon inni gadhiisu giddu galaan yeroo kuma 200 gadi ilaalamee hin beeku.
Yeroo baayyee afaan Yukireen caalaa afaan Raashiyaatiin dubbata.