Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan magaalota Yukireen hedduu misaa'elaan haleelte
Raashiyaan erga magaala Kersoon gadi dhiistee baateen booda Kiiv dabalatee magaalota Yukireen hedduu misaa'elaan haleelte.
Magaala Laviiv Lixa biyyattiitti argamtu hanga magaala Chernihiv kan Baha Yukireenitti argamtutu haleellaa kanaan miidhame.
Yeroo Raashiyaan haleellaa kana gaggeessitu biyyoonni dureeyyiin addunyaa G20 jedhaman Baalitti wal arganii mariitti jiru.
Walgahii kana irratti waraana Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessaa jirtuuf mormii guddaatu mudate.
"Waanti diinni barbaadu ifaadha. Garuu ammoo hin argatan," jedhan pirezidaantin Yukiriin Volodmir Zeleniskiin.
Haleellaa Raashiyaan Sadaasa 15 magaalota Yukireen irratti raawwatteen misaa'elota 90 dhukaaste.
"Humni ittisaa qilleensaa keenya misaa'eloota 70 fashalsuun kuffiseera," jedhan Zeleniskiin.
Haleellaa Raashiyaan buufata anniisaa fi bu'uraalee misoomaa Yukireen irratti raawwatteen magaalota Yukireen qofaa osoo hin taane biyya ollaa kan taate Moldoovanis humni ibsaa addaan ciccitee rakkataa jirti.
Haleellaa kanaan Raashiyaan magaalota Yukireen 15 ta'an keessatti madda anniisaa irraan miidhaa geesse.
Jiraattun magaala Kiiv tokko BBCtti akka himtetti yeroo misaa'elonni magaalattii haleelan rafaa akka turtee fi sana booda balaa abiddaa jalaa miliqxee akka baate dubbatti.
Gorsaa pirezindaantii Yukireen kan ta'e Andiriy Yermak akka jedhetti Raashiyaan magaalota Yukireen kan haleelte sababa Pirezidaant Zeleniskiin wal gahii biyyoota G20 irratti "haasaa jabaa" taasiseefi.
Zeleniskiin walgahii biyyoota G20 kana irratti karaa onlaayinii hirmaachun haasaa taasiseen Raashiyaa keessaa hambisuun "G19" jechaa ture.
Torbee darbe Raashiyaan humna waraanaa ishee ji'ootaaf magaala Kersoon keessa turan akka bahan taasiftee jirti.
Raashiyaan erga magaala Kersoon keessaa baatee as haleellan kun isa jalqabaati.
Waraana kana irratti Mooskoo yeroo lola lafoootin miidhan irra gahu, humna qilleensa irraa fayyadamti.
Haleellaa miilanaa kana ilaalchisee biyyoonni michuu Yukireen kanneen akka US fi UK, "bu'uuraalee misoomaa uummata nagaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessun dadhabina Puutin agarsiisa" jechuun balaaleffatan.