Ameerikaan HUAWEI fi ZTN dabalatee kampaniiwwan Chaayinaa shanirra dhorkaa keesse

Maxxanfame

Ameerikaan yaaddoo nageenya biyyaalessaa waliin walqabsiisuun kampaaniiwwan Chaayinaa gurguddoofi bebbeekamoo shan waliin bittaafi gurgurtaan kamiyyu akka hin taasifamne dhorkite

Dhorkaan kaa’ame kun kampaaniiwwan komunukeeshinii gurguddoo akka HUAWEI fi ZTN dabalatee dhaabbileen Chaayinaa shan irratti hojiirra kan oolu yoo ta’u, sababa yaaddoo nageenyaatiin meeshaaleen telekomunikeeshinii haaraan gara biyyashee akka hin seenneefi hin gurguramne ajajni baheera.

Kampaaniiwwan Chaayinaa dhorkaan irra kaa’ame maqaan isaanii eeraman Hikiviishin, Daahuwaafi Hayiteraa warra jedhaman yoo ta’an, dhaabbileen kunneen meeshaa to’annoo nageenya viidiyoofi meeshaa qunnamtii raadiyoo abbaa raadiyoo dambalii lamaa warra omishanidha.

Tarkaanfiin akka kanaa sababa yaaddoo nageenyaatiin karaa dhaabbata to’annoo Ameerikaatiin yoo fudhatamu kun kan jalqabaati.

Murtee kana hordofee Hiikviishin deebii kenneen, omishoonni isaa nageenya Ameerikaatiif yaaddoo tokkollee hin qaban jedheera.

Itti dabaluun, murteen dhorkaa kaa’uu kun, “gama nageenya biyyaalessaa Ameerikaa eeguutiin wanta gumaachu hon qabu. Inumaattuu dhaabbileen daldalaa Ameerikaa xixiqqaan, aanga’oonni naannoo, maneen barnootaafi namoonni dhuunfaan fayyadaman ofiifis ta’e waajira isaaniitti, akkasumallee bakka hojii isaaniifi qabeenya isaanii eeggachuudhaaf baasin baasan akka ol ka’u gochuudhaan isaan miidha,” jedheera.

HUAWEI fi kampaaniiwwan biroo mootummaa Chaayinaatiif odeeffannoo dabarsu jechuun himannaa irratti dhiyaate waakkateera.

Komishiniin Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa Ameerikaa akka jedhetti, dhorkaan kampaaniiwwan Chaayinaarra kaa’ame kun miseensota hundaan fudhatama argateera.

“Komishinichi meeshaaleen komunikeeshinii amansiisoo hin ta’iin hayyama argatanii gara Ameerikaa seenuun faayidaarra akka hin oolle taasisuun nageenya biyyaalessaa eegsisuudhaaf kutannoo kan qabuudha,” jechuun dura ta’aan Komishinichaa Jesikaa Roosenwirecher ibsa baasaniin eeraniiru.

 “Ajajni haaraan kun karaa telekoomunikeeshiniitiin yaaddoowwan nageenya biyyaalessaa mudachuu malurraa uummata Ameerikaa eeguudhaaf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran keessaati,” jedhan.

Dhorkaan kampaaniiwwan Chaayinaarra kaa’ame kun duubatti deebiyee waan hojiirra hin oolleef, kampaaniiwwan eeraman meshaaleen kanaan dura akka gara Ameerikaa seenaniif hayyama argatanii seenan akka gurguramaniif hayyamameeraaf.

 Haata’u malee, kanaan dura meeshaaleen gara biyyaatti galanii akka gurguramaniif hayyamame ilaalchisuun murtee jiru deebiyanii ilaaluudhaaf Komishinichi yaada dhiyaatu eeggachaa kan jiru yoo ta’u, kanaaf carraa hayyamni kenname itti haqamu jiraachuu danda’a jechuudha.

 Kampaaniiwwan tekinooloojiirra dhorkaan kaa’ame kun yeroo dhiyoon asitti aanga’oota Ameerikaa yaaddessaa kan dhufe soda basaasaa waliin kan walqabatudha.

Tarkaanfiin kampaaniiwwan telekoomii Chaayinaa irratti to’annoo taasisuuniifi  sochii isaan gabaa keessatti qabaatan dhorkuun kan jalqabame bara bulchiinsa Baaraak Obaamaa keessa ture.

Bara bulchiinsa Doonaald Tiraamp keessa ammoo to’annichi baayyee jabaatee kan itti fufee yoo ta’u, tarkaanfichi pirezidaantii US yeroo ammaa Joo Baayidaniinis hojiirra oolaa jira.