Maqalee- Hospitaala Ayidaritti hojjetaan meeshaa wallaansa fayyaa mil. hedduutti tilmaamu mancaase

Ogeessa hospitaala keessa deemaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Naannoo Tigraayitti hojjetaan Hayidar Riffeeraal Hospitaal Maqaleetti argamu tokko meeshaalee wallaansa fayyaa miliyoona hedduu akka baasan tilmaamamurra miidhaa geessisuu daarektarri hospitaalichaa Dr. Abrahaa Gabre-Igzihaabeer BBC'tti himan.

Akka daarektarichi jedhanitti, gochaan meeshaalee wallaansa fayyaa gatiin isaanii baayyee qaalii ta’erraa miidhaa geessisuu kun hojjetaa kanaan kan raawwatame Sambata Ebla 6, 2024 halkan ture.

Tibba kana namni tokko fuula isaa kaartoniidhaan haguuggatee meeshaalee wallaansa fayyaa yeroo mancaasutti viidiyoon argarsiisu miidiyaa hawaasarra deddeemaa tureera.

Hojjetaan hospitaalichaa maaliif akka meeshaalee wallaansa fayyaarra miidhaa geessise wanti beekame kan hin jirre yoo ta’u, dhimmicharratti bu’aan qorannoo poolisii eegamaa jira.

Wanti viidiyoorratti mul’atuu fi gochi meeshaa wallaansa hospitaalichaa mancaasuu hospitaalciatti mudate sirrii ta’uu isaa daarektarrichi BBC'f mirkaneessaniiru.

“Viidiyoon gabaabaa miidiyaa hawaasaarratti argitan kan keenyadha; dhudhaadha. Garee WhatsApp hoggansii fi hojjetoonni ittiin walqunnaman irratti odeeffannoo wal jijjiiruuf kan gadhiifamedha,” jechuun mirkaneessaniiru.

Namni viidiyoo sanarra jiru hojjetaa Hospitaal Aydar ta’uu fi to’annoo jala oolfamuu isaa Dr. Abrahaa BBC'f ibsaniiru.

“Namni kun to’atameera; hojjettoonni dabarees qorannoon irratti gaggeeffamaa jira. Innis akka hojjetaa dabaree sanarra ture tokkootti qoratamaa jira,” jechuun hospitaalichi poolisiirraa deebii eegaa jiraachuu dubbatan.

Mancaatiin meeshaa hojjetaan kun raawwateen meeshaalee qorannoo fi wallaansa fayyaa baasii guddaatiin bitaman irra miidhaan gahuu ibsaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Meeshaan tiruu, kalee miicuu, hormanii qaama keessaa kan safaruufi mallattoon kaansarii jiraachuu kan akeeku, akkasumas dhibeewwan tasaa akka onnee qorachuuf gargaaran meeshaalee hospitaalichaa miidhana keessaati.

Gocha hojjetaan kun raawwateen meeshalee miidhaan irra gahe keessaa qorannoo gara garaatiif kan gargaaru Kobaas 6000 maqaa jedhu kan qabu yoo ta'u, meeshaan hospitaalaa Tigraayitti argamu tokkichiifi inni guddaan "amma tajaajilaan ala ta'eera," jedhan.

Meeshaan kun kanaan dura birrii miliyoona 20 kan bitame yoo ta'u, yeroo ammaa kan garuu gatiin isaa miliyoona 30 ta'uu dubbatu.

Daarektarichi meeshaan kun suphamuu yoo danda'a ta'eef gaafatamanii, "Keemikaalota gargaaramuun kan hojjetu. Kanaaf, ujummoowwan qaqqalloo kemikaalonni kutaa maashinichaa tokko keessaa gara kaaniitti itti dabarfaman jiru; amma hundi isaanii yarataniiru,"jedhan.

"Shiboon elektiroo mekaanikaal isaa citeera. Kanaaf, miidhaan isaa guddaa waan ta'eef amma sirratee tajaajila kennuutti deebiyaamoo maashina haaraatu bakka buufama kan jedhu deebii hin arganne. Qorannoowwan dabalataa ni gaggeeffamu," jedhan.

Erga meeshicharra miidhaan gahee booda hojjetoonni dabaree sanaa yeroo meeshaa wallaansa fayyaa sana irratti qorannoo gaggeessanitti dogoggorri uumamuu isaatiin sakatta'insa dabalataa taasisuun rakkoowwan arguu isaanii daarektarri hospitaalichaa himaniiru.

Ayidar Rifeeral Hospitaalli Maqalee naannicha keessatti hospitaala guddicha yoo ta'u, kutaalee Tigraay gara gara garaa keessaa kan namoonni baayyeen rifeerii itti ergamanidha.