Lukaa-Lukee: Adeemsa ittiin Oromoon Maccaa dhugaa dhokate barbaadu

Abbootii Gadaa Boranaa

Madda suuraa, UCG

Maxxanfame

“Dhugaan ilmoo Waaqaati” jedhee kan amanu hawaasni Oromoo, tooftaa ittiin dhugaa barbaadu fi tiksu gara garaa qaba. Isaan keessaa jaarsummaan, qaalluu fi bokkuun warreen hangafadha.

'Dhugaan nama jalaa dhokatus Waaqa jalaa hin dhokatu' jedhee kan amanu hawaasni Oromoo, dhugaa dhokatee ijji namaa otoo hin argiin raawwate akkamitti baasa?

Dhaabbileen sirna haqaa ammayyaas ragaa irratti hundaa’uudhaan dhugaa namaa arguudhaaf hojjetu.

Altokko tokko garuu otoo namni hin argiin yakkoonni dhoksaadhaan raawwataman hawaasa burjaajessu. Eenyutu, yoom, akkamitti, maaliif yakka yookaan badii kana raawwate ? gaaffii jedhu deebisuun ni ulfaata.

Jaarmiyaalee araaraa Oromoo keessatti malleen ittiin dhugaa dhokate baasan jiru. Oromo Maccaa keessumaa ammoo Sadeen Liiban biratti malli ittiin dhugaa dhokate qoratanii baasan ‘Lukaa-Lukee yookaan Lukoo’ jedhamuun beekama.

Dhimma kana irratti Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaafi qorataa Antirooppoolojii, Gargaaraa olaanaa Pirofeesaraa Dajanee Gammachuu (PhD, dhimma kanarratti BBC waliin turtii taasisaniiru.

Lukaa-Lukeen akkamitti dhugaa dhokate qoratee baasa?

Lukaa-lukeen adeemsa ittiin dhugaan dhokate argamu. Kunis, namni dhugaan jalaa bade tokko nama shakke karaa ittiin qulqulleeffatudha jedhu Dr Dajaneen.

Sababoota gara garaa irraa ka’uudhaan namni dhugaan jalaa bade yookaan yakki irratti raawwate tokko, 'abalun shakke; naaf qulleessaa’ jechuun jaarsa biyyaa, qaalluu yookaan bokkuu naannawaasaatti akka himatu dubbatu qoratichi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jaarsi biyyaas nama shakkame bira deemuun, abalu ‘waan kanaan si shakkeera’ jedheera, Waan ittiin shakkamate raawwatteetta yoo ta’e gatii/gumaa baasi. Yoo hin raawwanne jetta ta’e ammoo luka kennadhuutii qulqullaa’iif jechuun gaafatu.

Yoo shakkamaan amane, achumatti badii sanaaf dhugaa arguu, gumaa muruutti deemu. Yoo ‘lakki ani waan jedhame hin raawwanne, luka haa qabatan, nan qulqullaa’aaf’ jennaan garuu ''gara lukaa fi lukee qabachuutti cehama,'' jechuun ibsu, Pirofeesaraa Dajaneen.

Akka qorannaa Dr Dajaneetti, barruu ‘Legal Pluralism and Unofficial Law’ jedhurratti bara 2016 maxxansaniitti, Luka- nama kabajamaa, maatii qabu, dhugaa hin dabsine, amanamummaa qabu gosa shakkamaa keessaa kan qabatamu ta'a.

Namni ‘luka’ ta’ee filatame ammoo aantee yookaan fira dhiyoo shakkamaa keessaa nama dhimmicha sirriitti qulqulleessuu danda’a jedhee amanu tokko kan ‘lukee’ jedhamu qabata.

Namoonni lukaafi lukee ta’uun filataman kunneen waliin ta’uun hanga xumuraatti qorachuun, qulqulleessuun dhugaa dhokate barbaadu. Dhugaa jallisuun dheekkamsa Waaqaa namatti fida waan jedhaniif, namoonni kunneen nama shakkame bakka haa bu’an iyyuu malee loogii tokko malee dhugaafi dhugaa qofa barbaadu.

Adeemsa Lukaaf-Lukeen ittiin dhugaa dhokate barbaadan

Qorannichi akka ibsutti, Luka fi lukeen waa’ee badii raawwate sanaa odeeffachuun xiinxalu; qoratu. Maaltu, yoom, akkamitti, maaliif raawwate? jechuun buusanii baasu.

Shakkamicha maaltu badii jedhameen akka walitti fidu qoratu. Guyyaa badiin raawwate eessa, eenyu waliin akka oole gaafatu? Adeemsa qorannoo keessatti shakkamaa, maatii, ollaafi hiriyoonni isaa dhimma ittiin shakkame irratti sirriitti gaafatamu; qoratamu.

Hamma guduunfaa wayii irra gahanitti yeroo fudhachuun qoratu. Sadarkaa hundatti shakkamichi badii ittiin shakkame raawwateera yoo ta’e akka amanuufi gatii akka baasu jajjabeessu.

Kanas, “Gumaa malee cubbuu wal hin gargaarru” jechuun gorsu. Yoo dhugaa dhoksite, “Hin horru, dhalli nuu hin dhalattu, dhalattu illee hin dubbattuu…” osoo hin sobiin nutti himi” jechuun akka jajjabeessan ibsu qorataan kun.

Dhumarratti qorannoon isaanii shakkamaan waan itti shakkameen hidhata qabaachuu kan akeeku yoo ta’e, ulfaatinuma dhimmichaarratti hundaa’uun gara jaarsummaa, Bokkuu yookaan Qaalluutti geessuun gatii yookaan gumaa baasisu.

Yoo shakkamaan dhimmicha irraa bilisa ta’uu qulqulleessan garuu sirna kakachuutiin kan goolabamu ta’uu dubbatu Dajaneen (PhD).

Oromoo Odaa jalatti walgah

Madda suuraa, Artist Lammaa Guyyaan

Kakaa fi adeemsa kakachiisuu/kaksiisuu

“Hattuun abdii kakaa hatti,” jedhee mammaaka Oromoon. Sababa kanaaf, adeemsa dhugaa barbaaduu keessatti yeroo baay’ee kakaan erga waanti hunduu qoratamee goolabamee booda raawwata.

Kakaan adeemsa dhugaa dhokate barbarbaaduu, baasuu kessatti dhimmi itti bahamu yoo ta’u, akka namni hin sobneef xiinsammuurratti ulfaataa waan ta’eefidha.

Kakaan hanga akaakayyuu torbaatti deema jedhee waan amanuuf, Oromoon sobaan kakachuun abaarsa Waaqaa qe’eefi gosa ofiirratti waamuudha jedha, jedhu.

'Qe’een warra abaluu sobaan kakataniitu oone' jechuun waan qabatamaa hawaasicha keessatti raawwate himu. Kanaaf, waan sobaan kakachuun waan baratame akka hin taanes kaasu.

Adeemsi kakaa dhimmoota jajjaboo akka ajjeechaa lubbuufaa yoo ta’e Bokkuutti raawwata. Dhimmoonni salphaa ta’an ammoo sadarkaa jaarsa biyyaattis dhumuu danda’u.

Duraa duubaan Lukni, Lukee fi shakkamaan kakatu. Abbaan kakataniif sun yoo barbaade erga isaan kakachuuf murteessanii taa’anii booda akka isaan hin kakanne dhaabsisuu, yookaan ammoo isaan keessaa namni tokko qofti akka kakatu gochuus ni danda’a.

Gaafa Bokkuutti kakatan, abba bokkuutu kakaa raawwachiisa. Meeshaalee ulfoo akka eeboo, okolee, gaadii, sanyii, qaqaa manaafi gochaalee akka bool’a qotuus dursanii mijeessu. Kunis qabiyyee kakaa keessatti wantoota kanneen waamuun akka kakataniif oola.

Jalqaba gara lafa cittuu yookaan wal hankaaktuutti geessu. Achiin namoota kaanirraa xinnoo siqanii taa’u, kopheefi kaalsii miilaraa, bullukkoo yookaan gaabiis ofirraa akka baafatan ajajuun waan inni jedhu jalaa qabuun akka kakatan ajaja.

Eeboon namaa na hin dhabiin

Eeboon namaas na dhabu

Eeboon Waaqaa naa hin dhabiin

Mannikoo hin qaqaa’iin

Mannikoo aara hin godhatiin

Okoleenkoo haa gogu

Sanyiin naaf hin margin

Yoon dhugaa awwaale,

bool’a kanatti na haa awwaalu

Hallayyaa waangalleetti na haa gatu

Hamma lafa gabaa na haa magarsu

Ilmoon nah in dhalatiin

Dhalatu illee naa hin guddatiin

Guddatu illee jilba na hin darbiin

Yeroo Kanatti, Waaqaafi Qaalluu naannawaa sanatti beekamaa ta’e maqaa dhahuun kakatu. Qabiyyeen kakaafi mallattummaan meeshaalee ulfoo kanneenii waan hormaataa, nageenyaafi ittifufuu dhalootaatiin wal qabatan yoo ta’u waan xiinsammuu namaatti ulfaatu ta’uu dubbatu Dajaneen (Phd).

Kana malees, erga kakatanii booda lukaafi lukeen kallattiidhaan walqabatanii gara mana shakkamaa dhaqu; achuma bulu.

Ganama obboroon ka’anii, “Yaa Waaq, nuti hamma dandeenye qoranneetu homaa dhabnaan namicha kanaa kakannee, yoo inni nu sobeetu dhugaa dhokse ta’e, cubbuu nu faana hin galiin asumatti hafi,” jechaa uffata isaanii hurgufataa karaa boroo bahuun mana isaaniitti galu.

Oromoon Maccaa keessumaa ammoo sadeen Liiban: Kuttaaye, Liibaniifi Ammayya biratti rakkoolee hawaasaa furuun waloomsuu keessatti gahee olaanaa akka qabus dubbatu.

Giddugallii akka Bokkuu Xulee, Bokkuu Cittuu, Qaalluun Danfaa Innikkaa hawaasa Torban Kuttaayee fi Maaram Jijoo Gabataa ammoo hawaasa Walisoo biratti hojii dhugaa dhokate barbaaduu hojjechaa akka jiran kan himan Dajaneen (PhD), Oromoon guutuun sirna yookaan tooftaa ittii dhugaa tiksu qabaachuu dubbatu.

Booranni “Hattuun yoo fiigdu akka hin fiigdu, yoo kakattu akka hin kakattu” jedha. Hattuun dhimma hin qabdu, dhugaa haaluudhaan garmalee kakatu jechuudha.

Hawaasicha biratti faana dhahuun adeemsa ittiin dhugaa dhokate, keessumaa yakka hannaa ittiin baasan ta’uu himu qorataan kun. Namoonni dhuunfaan ogummaa kanaan sirriitti beekamanis jiru. Kanaaf, “Geerriin [gaararraa] qarsaa irratti wal beekti,” jedhu.

Dhugaa dabsuun maaliif sodaatama?

Hawaasni, “Dhugaan ilmoo Waaqaati” jedhee amanu, dhugaa dabsuun ammoo dheekkamsaa Waaqaa nutti fida jedha. Hawaasni Waaqa, namaafi uumama biroo waliin nagaan jiraachuudhaaf dhugaa tiksuufi kunuunsuun, yeroo inni dabe ammoo qajeelchuun dirqamadha.

Oromoon bahaaf-gala, ooltiif-oofkaltii, oolteef-bultee, jiruuf-jireenya isaa hunda keessatti dhugaan akka tikfamu kan barsiisu ta’uu kan himan Darajeen (Phd), yeroo Waaqa kadhatu, wal eebbisu, nagaa wal gaafatuufi jaarsummaa keessatti Oromoon dhugaan sadarkaa guddaa qabaachuu hubachiisu jedhu.

“Jaarsi otoo aararsuutti hin seeniin dura, ‘Yaa Waaq dhugaa nu dubbisi, dogongora nu oolchi; Dhugaan abbaa dhugaatiif haa galu’ jechuun kadhata” jedhu Dajaneen (PhD).

Jaarsummaa keessaattis erga dhugaa namaa arganii booda, “Kan dhugaa hin quufne, dhugee hin quufu” jechuun waan hundaa’ol argamuun dhugaa quubsaa ta’uu akeeku.

Itti dabaluunis, “Dhugaan ni qal’atti malee hin cituu” jechuun dhugaan bade kan hin banne ta’uu barsiisu. “Iddoo dhugaan hin jirre nagaan hin jiru; iddoo nagaan hin jirre ammoo jireenyuu hin jiru,” jechuun barbaachisummaa dhugaa tiksuu ibsu hayyuun kun.

Walumaagalatti jireenya tasgabbiifi naga-qabeessa jiraachuuf dhugaa tiksuun murteessaa akka ta’etti hubatama.