Barcuma luka sadii fi hidhata seenaa aadaa Oromoo Jimmaa waliin qabu

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Jimma muka kabajaa sadiin keessummaa simata' - Abdulkariim Abbaa Garoo
Maxxanfame

Barcumni luka sadii kan aadaa Oromoo, keessattuu Oromoo Jimmaa biratti akkaan beekamu erga dhiheenya keessa midiyaa haawaasaa fi namoota garaa garaatiin ijoo dubbii ta'ee ture.

Waa'een barcuma kanaas qondaaltoota motummaatii hanga walliisaa akkasumas fayyadamtoota miidiyaa hawaasaatiin mata duree haasaa ta'ee ture.

Ofii hidhanni barcumni luka sadii kun aadaa Oromoo keessattuu kan Oromoo Jimmaa waliin qabu maal? jechuun oggeessa aadaa fi maatii mootii Abbaa Jifaar dubbifneerra.

line

Seenaa barcuma luka sadii

Abdulkariim Abbaa Garoo, maatii mootii Abbaa Jifaar keessaa yoo ta'an, waa'ee barcuma kanaa akkanaan BBCtti himan.

''Luki sadan barcumaa nagaa, jaalalaa fi tokkummaa ibsa. Akkuma miilli barcuma sadan taa'umsaaf namaaf mijatu sana, yoo haalli sadan kunneen jiraate boqotanii taa'uun danda'ama. Inni luka sadan irra jiru bakki irra taa'an ammoo boqonnaa calaqqisiisa,'' jechuun ibsan.

Itti dabaluunis ''Kutaan biyyaa Jimmaa yeroo sanaa bara mootii Abbaa Jifaar ifatti mul'attee beekamuu jalqabde. Abbaan Jifaar nagaan hunda caala jedhu. Nagaan afaansaanii keessaa hin bu'uu ture. Nagaan bu'uura jiruu fi jireenya dhala namaati,'' jedhan Abdulkariim Abbaa Garoo.

Jimma kan ittiin beekamtu keessaa tokko buna kan jedhan Obbo Abdulkariim, ''Yoo buna dhuganii ka'an yeroo hunda bunaa fi nagaa hin dhabinaa jedhu,'' jedhan.

Falaasama nagaa fi barcuma kana gidduu jiru wayita ibsan ammoo, ''nagaan nama dhuunfaarraa jalqaba. Namni tokko jalqaba ofiisaa waliin nagaa ta'uu qaba. Nagaa fi bakka boqonnaa mijataa argachuu qaba - barcuma luka sadii. Ofii nagaa taanaan ollaa fi biyya waliinis nagaadhaan jiraata,'' jedhan.

Nagaan duudhaa mootii Abbaa Jifaar ittiin beekaman keessa isa ijoo ta'uu kan ibsan Abdulkariim, takkaa waraanatti hingalles jedhan.

''Mootii Abbaa Jifaar hunda walin karaa nagaan waliigalaa turan. Hariiroo dippiloomaasii jabaa ta'e hunda walin uumuun beekamu,'' jechuun jaalala mootiichi jaalalaaf qaban ibsan.

Barcumi luka sadii Jimmatti yoom tolfamu eegale?

Jimmaa keessatti ogummaan harkaa kanneen akka ogummaa sibiila, mukaa fi huccuu hodhuu bara Abbaa Jifaar keessa babal'ate jedhan.

''Barcumni luka sadii jalqabbii ogummaa harkaaf bu'uura kan kaa'eedha. Qaroomina meeshaalee mana keessaa hojjechuun dhufedha. Yeroo sana barcumni hojjetamu gurguddaa ture. Abbaan Jifaar qaamni isaanii guddaa waan ta'eef kan isaaniif ta'utu hojjetamaa ture. Boodarra garuu barcumni xixiqqoon hojjetamuu itti fufe,'' jechuun ibsu.

Keessattu barcumni luka sadii kunis yeroo sana sirriitti oomishamuun qalbii motiiwwan hawwatee akka ture yaadatu.

''Mootii Abbaa Jifaar barcuma luka sadii Jimmatti tolfamee kana kan yeroo sana Itoophiyaa bulchaa turan Minilikiif ergan. Hanga yoonaattis barcumni sun kabajaan masaraa mootummaa keessa jira,'' jechuun kabajni barcuma kanaa sadarkaa biyyaattilleen beekamu himu.

Barcuma miila sadii Jimmaatti

Dabalanis xalayaan yeroo sana Masaraa Minilik irraa barreeffameef hanga yoonaa harka isaanii jiraachuu fi duub-deebii fi galateeffannaan yeroo sana ture amma yoonaa hamilee akka isaaniif ta'ee jiru himu.

Qabiyyee xalayaa kanaa keessaa muraasa akkas jechuun ibsan: ''Gaabii, kophee fi barcumni isin ergitan na qaqqabeera. Barcuma ajaayibaati. Faranjoonnillee baayyee dinqisiifatan. Aartiin akkasii biyya faranjiiyyuu hin jiru jedhanii dinqisiifatan,'' jechuun BBCtti himan.

Xalayaan kun ALI Qaammee 2 bara 1879 barreeffamuus ibsan Abdulkariim.

Keessummaa simachuun aadaa fi duudhaa uummata Jimmaa keessaa tokko ta'uu kan himan Abdulkariim, simannaan kunis waa sadiin raawwatama jedhan.

''Jimma muka kabajaa sadiin keessummaa simata. Tokkoffaan barcuma (luka sadii). Barcuma kabajaa erga dhiyeessaniifii booda aannan unsiisu. Muki lammaffaan buna. Sadaffaan yoo abbaan fedhe jimaadha. Kun sadan mukoota kabajaa sadan keessummaa Jimmatti ittiin simataniidha,'' jechuun jechi sadiifi muki sadii hidhata aadaa qaban himu.

Kana malees akka Jimmaatti barcuma jechuun mootummaadha kan jedhan Abdulkariim, ''Barcumni tartiiba qaba. Akkuma sadarkaa bulchiinsaatiin tartiibaan kaa'ama. Barcuma abbaa abaluu jedhama,'' jedhan.

''Nuti barcuma nuuf kaa'ame qabna. Hangafa dura hin teenyu. Barcumni hangafaa kabaja qaba. Hayaa fi ulfinni qe'ee ba'a inni abbaan Jifaar jedhan isa kana. Ulfinni ammoo barcuma,'' jedhan.

Namni Jimma dhufe buna, barcumaa fi rakabootii bunaa bitatee deema kan jedhan Abdulkariim, kunimmoo diinagdee godina kanaafis bu'aa guddaa buuseera jedhan.

Barcuma miila sadii

Madda suuraa, Screenshot sirba Walagarra

Waa'ee barcuma luka sadii kana eenyutu maal jedhe?

Keessattuu Weellisaa Galaanaa Gaaromsaa sirba isaa dhiheenya baase keessatti erga mul'isee as waa'een barcuma kanaa miidiyaa hawaasaarratti ijoo haasaa ta'ee ture.

Weellisaa Galaanaa wallee isaa qeenxee 'Wal agarra' jedhuun kilippiidhaan hojjate keessatti suuraa barcuma luka sadii jalqabaa fi xumura sirbichaarratti fayyadameera.

MM Itoophiyaa Abiy Ahimad gama isaanitiin, filannoo biyyaalessaa dursuun Caamsaa 16, 2021 wayita gara Jimmaa imalaniitti waa'ee barcuma luka sadii kaasuun deggartoota isaaniitti dubbatan.

''Teessumni Jimmaa teessummaa Abbaa Jifaar. Barcuma jedhamee beekama. Luka sadi qaba. Luki sadan jaalala, nagaa fi tokkummaatu barcumaan fakkii ta'ee dubbata,'' jedhan.

Kanaaf uummannis obsa, jaalala, nagaa fi tokkummaa akka cimsatan dhaaman.

Ofii isaaniis godina Jimmaatti kan dhalatan Ministirri Muummee Abiy, waa'ee Abbaa Jifaaris waan beekanirraa dubbataniiru.

''Abbaan Jifaar obsaan beekamu. Dubbiitti hin ariifatan. Dubbiin yaa bultu jedhu. Yoo itti hammaate rabbittin si kennadhe jedhu. Aangoon lafarraa in baddi, aangoo hin banne kan rabbii qofaa jedhu,'' jedhan MM Abiy haasaa taasisaniin.

Qondaalli Paartii Badhaadhinaa Obbo Taayyee Danda'aa, walleen kun YouTube irratti erga gadi dhiifamee booda siyaasatti fakkeessuun qeeqan.

Toora feesbuukii isaaniirratti 'Teessoo duwwaa' jechuun, ''Nuti Teessoo duwwaa yoom abjoonna? Duraanuu teessoo bareedaa irraa nama jabaa qabna. Yeroo kanatti teessoo duwwaa abjootuun caphana,'' jedhan.

Haata'u malee qondaalli kun eenyuun akka kana jedhan wanti addatti ibsan hin turre.