Dhalataa Dirree Dhawaa US'tti hiree barnoota foyyaa'aa ijoollee Afrikaarraa godaananiif uumeen badhaafame

Madda suuraa, Bush Foundation
Hundeessaafi gaggeessaan Bultum Akadaamii, Ariif Bakar, Ameerikaatti hiree barnoota foyyaa'aa ijoollee namoota Itoophiyaarraa dabalatee Afrikaa bahaarraa godaananiif uumeen badhaafame.
Badhaasni Bush Fellowship jedhamu kun hawaasa keessatti dhiibbaa gaarii uumeen Ariif Bakar dolaara 150,000 badhaaseera.
Bush Fellowship kaayyoon hundeeffameef duraa ta'aa hawaasaa (leadership) hawaasa keessatti dhiibbaa uuman waggaatti yeroo tokko dorgomsiisee badhaasa jechuun waa'ee badhaasa argatee kanaa BBCtti hima Obbo Ariif.
Bush Fellowship bara kana seenaa isaanii keessatti dorgomtoota 1,000 iyyata galfatanii dorgoman argachuu kaasuun, lakkoofsi baranaa kun baayyee guddaafi cimaa ta'uu hima. Kan dorgoman keessaa ammoo 29 ta'anitu filatame.
Adeemsa calaluufi qoranii fudhachuu dheeraa keessa akka darbe kan himu hundeessaafi gaggeessaan Bultum Akadaamii, ragaan dorgommii dhiyeeffatan marsaa sadiin akka ilalameefi gaaffiifi deebii sa'aatii lama fudhate akka taasifame ibsa.
Badhaasni kun ergaa jabaa qaba, innis namni hojjetee hawaasa keessatti bu'aa buusuun dhiibbaa godheen beekamtii argachuudha. Kun ammoo daran akka caalaa of gahoomsanii caalaa hojetaniif humnaafi hamilee namaaf ta'a jedha.
Akka dhuunfaati ammoo yeroo itti of ilaalanii qaamaa qalbiin itti of guddisan hiree namaaf bana.
Ariif Bush Fellowship kana mo'achuu isaatiin maallaqa dolaara 150,000 argate kanaan karaa lamaan of gahoomsuu akka barbaadu dubbata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tokkoffaan sadarkaa barnootaa isaa 'Educational Planning' MA qabu gara PHDtti guddisee qorachuufi ogummaafi muuxannoon barnootaan muuxannoo biyyoota gara garaagaraa gabbifatee BUltuma akaadaamii guddisuudha.
Jappaan, Singaappoor fi Fiinlaand deemuun sirna barnootaa Ameerikaan hin qabne jedhe daawwachuun muuxannoo argatee Bultum Akadaamii ittiin cisuuf akka ta'es dubbata.
Biyyoota akka Singaappoor, finlaandiifi Jappaan irraa sirna barnootaa sadarkaa idil-addunyaarratti jaallatamaa ta'erraa baratee Bultum Akkadaamiitti hojiitti jijjiiruuf kaayyeffatuu ibsa.
Akkaataan itti guddatteefi gaggeessummaan itti gahooman beekuun nama of ta'ee dhiyaatee waan hojjete sirnaan ibsu filatu.
Ariif hawaasa Oromoo Ameerikaa, Mineesota ajiran keessatti yeroo jalqabaatiif mana-barnootaa chaarterii dhaabuun bu'aa buusedha.
Manni barumsaa kun ijoollee namoota gur'aacha rakkoo ogummaa herregaa, dubbisuufi barreessu qaban gargaaruun beekama.
Ijoolleen Bultuma Akadamii keessatti akka dandeettiifi hanqina qabaniin waan sadarkaa isaan barbaachisutti ramadamanii barataa tokko barsiisaa tokkoon tajaajila argatu.

Madda suuraa, Bultum Academy/Lokho Kotile
Imala dheeraa Ariif Bakariifi Bultuma Akaadaamii
Godaantonni biyyoota lixaatti ijoolleesaanii guddisan akka isaan duudhaa, aadaa, afaanii fi amantaa isaanii ganamaa baratan gochuuf baay’ee rakkatu.
Ijoolleen godaantootaas aadaa lamaafi afaan lama barachuu waan qabaniif hawaasummaa fi barnootaan qormaata guddaati isaan mudata.
Maatiin isaanis barnoota gahaa qabachuu dhabuun yookiin jireenyaa gaarii jiraachuuf sa’aatii dheeraa hojjechuuf waan dirqamaniif guddina ijoollee isaanii itti dhiyeenyaan hordofuun isaanitti ulfaata.
Yeroo dheeraaf maatiin Somaalee ijoollee isaanii dhimma naamusaaf akkasumas afaanii fi aadaa isaanii barachuuf gara Afrikaatti deebisaa turan.
Rakkoo kana furuuf hawaasni godaantotaa Ameerikaa keessa jiraatan irra caalaan isaanii manneen barnootaa chaartaraa fedhii ijoollee isaanii guutan qabu.
Ammatti Miniisootaatti manneen barnootaa Soomalee 12 ol jiru. Miiniisootaa keessatti baayyina uummataan Soomaleetti aanee kan jiru uummata Oromooti.
Akka guddina isaanitiin garuu mana barumsa ijoollee isaaniif tajaajilu kan rakkoo isaanii akka addaatti ilaalee furmaata isaaniif kennu hin qaban turan.
Sababa kanaaf rakkoo maatiiwwan Oromoo ijoollee isaanii barsiisuuf keessa darban furuuf Ariif Bakaar mana barumsaa Oromoo jalqabaa bara 2022 Ameerikaatti hundeesse.
“Maatiin hedduun galata nuuf galchu, erga manni barumsaa kun banamee ijoolleen keenyaan Afaan Oromoo jaalatee, barnootas jaalatte nuun jedhu,” jedha Ariif.

Madda suuraa, Bultum Academy/Lokho Kotile
Manneen barumsa nama adii keessatti gurraacha jedhanii ijoolleen garii doorsifamuu dandeetti. Keessattuu, kanneen bakka namoonni adii itti baayyatan keessatti baratan.
“Rakkoo kana hundarraa furmaata arganne jedhanii baay’ee gammadu maatiin.”
Ameerikaa keessatti barattoota maatii baqattoota irra dhufan English language learners(barattoota afaan Ingiliffaa) jedhanii waamu.
Kanaaf ijjolleen keenya gargaarsa adda barbaaddi jedhe Ariif mana barumsa Afaan Oromoo hundeessuuf qorachuu eegale. Kunis saalpha hin turre.
“Hawaasni Oromoo hawaasa lakkoofsaan guddaadha, haata’u malee hawaasa callisaa waan fedhe gaafatu miti.
“Ani application galchee bulchiinsa Miiniisootaa amansiisuudhaaf waggoota lama fudhate, hawaasni Oromoo kun eenyuu sirritti hin beekan, sababnisaa akka uummata Soomalee kanaa bakka hundaatti argamnee mirga keenya hin gaafannu,” jedha Ariif.
Akkasumas, Afaan Oromotiin barsiisuunis yaad-rimee haaraadha waan ta’eef bulchiinsa magaalattii amansiisuun qormaata guddaa ture.
Ta’us garuu milkaa’anii Bultum Akkaadaamiin mana barumsaa chaartaraa guutummaa biyyoota Lixaa - Ameerikaa Kaabaa, Awurooppaafi Awustiraaliyaa keessatti, Afaan Oromoo akka qaama afaanota addunyaatti barsiisu isa jalqabaa ta’e.
“Dur Afaan Oromoo barsiifamuu osoo hin ta’in akka hin dubbatamne dhorkaa ture Itoophiyaa keessatti. Amma biyya ormaa keessa teenyee mana barumsa mataa keenyaa kan afaan keenya barsiisu hundeessuuf gammachuu daangaa hin qabneti natti dhaga’ama,” jedha Ariif.
Ijoolleen afaan lama beektu sammuunsaani bilchaatadha, akkamas addunyaa amma keessa jirru keessatti faayidaa guddaa qaba jedha.
“Kanaaf, ijoolleen Oromoo biyyaa ormaatti afaan ofiif eenyummaa isaanin akka boonan mana barumsaa kana jalqabe.”
Mana Barumsaa fi qophii barnoota

Madda suuraa, Bultum Academy/Lokho Kotile
Akkaadaamiin Bultum weerara COVID-19 booda bara 2022 hundeeffame. Barnoota gadaanaa ijoollee umurii waggaa afur barsiisuu irra eegalee hanga kutaa saddeet qaba.
Ammaaf manni barumsichaa barattoota 260 qaba. Mana barumsa chaartaraa mootummaan maallaqaan gargaaru waan ta'eef barattoonni kaffaltii barnootaa hin kaffalan.
Haata’u malee, manneen barnootaa mootummaa biroo irraa wanti adda isa godhu, barsiisaan hayyama qabu tokko qoratee mala barsiisuu adda ta’e yoo argate ykn hawaasa barnootaa argachuurratti rakkachuu danda’uuf furmaata yoo argate mana barumsaa addaa banuun ni danda’ama.
Akkasumas, manni barumsaa chaartaraa akkuma haalasaatti karaawwan barsiisuu danda’uun filachuu danda’a.
Fakkeenyaaf, abbaan qabeenyaa ykn gareen mana barumsichaa geggeessu kaarikulamii mataa isaa filata, kaarikulamichi ulaagaa barnootaa bulchiinsi Miiniisootaa ni guuta taanan.
“Kan mootummaa hordofuuf dirqamni hin jiru. Waan barsiiftu filachuun mirga keeti, akkaataa ittin barsiisftu situ filata,” jedha barsiisan kun
Akka seera Miiniisootaatti barnooti dirqama ta’e Ingiliffa, herrega, saayinsii fi barnoota hawaasummaati.
Addunyaan gara teeknooloojii deemaa waan jirtuuf, Bultum Afaan Oromoo fi Arabaa dabalatee saayinsii, teeknooloojii, injinariingii fi herrega barsiisuudhaan barattoota qopheessaa jira.
“Kunis barsiisa keenya hunda keessatti hammatama. Fakkeenyaaf, sagantaa saayinsii saayintistoota irraa jedhamu qabna. Ogeessa saayintistii barattoota keenya daree keessatti qabatamaan torbanitti al tokko akka barsiisu affeerra.”
Barnootaaf barsiisonni boordii ismaartii fayyadamu, kunis qalbii ijoollee waan harkisuuf akka barataniif baay’ee kakaasa.
Manni barumsichaa sooftiweerota dandeettii barattootaa madaalee dandeettii isaanii keessatti akka hojjetan gargaaru irrattis invast godheera.
“Mucaan tokko yoo kutaa sadii deemutti jiraate dandeetiin isaa kan heregaa kutaa tokko ykn lama ta’uu danda’a fakkenyaaf, kanaaf wanti sooftiweeriin kun hojjetu qormaata kennuu fi humna barattootaa herregaan madaaluudha.”
Akkanaan ofitti amanamummaa isaanii ijaara. Barattoonni tokko tokko qaana’oo waan ta’aniif daree keessatti harka isaanii ol kaasuu dhiisuu danda’u. Akka Ariif jedhuutti sooftiweeriin kun sana sirreessa.
“Mana barumsaa keenyatti barataan hundi kompiitara sooftiweerii kana qabu waan qabuuf kophaa isaanii shaakalu. Teeknooloojii akkanaatti itti fayyadamaa jira jechuudha.”
Kaanin haala ijoolleef tolu qaba jedha barsiisan kun.
“Ijoolleen nuti barsiifnu kan aadaan isaanii faranjiin adda ta’e , kanaaf gara amantii fi aadaanis bakka bareedaa maatii fi ijoolleen jaalatu kan keessatti ofitti amanamummaa isaanii guddisuu danda’an uumne.
“ Ijoolleen Oromoo afaan ofiifi eenyumaa isaaniin akka boonan gochuuf mana barumsa kana bane.”
Akka seera biyyattiitti sabni kamuu mana barumsichaan simatamuu qaba, haa ta'u malee dursi ijoollee oromootiif kennama.

Madda suuraa, Bultum Academy/Lokho Kotile
Qormaata isaan mudate
Mana-barumsaa kamuu jalqabuun qormaata guddaa, ammoo rakkoo ijoollee Oromoo mudatu hiikuuf mana-barumsaa Afaan Oromoo jalqabaa Ameerikaatti hundeessuun hojii ulfaataa ture.
“Manneen-barnootaa 150 oltu jira, namoonni maaltu kan koo adda taasise, mala haaraa akkamii qabda jedhanii gaafatan.”
Ameerikaatti ummanni manneen-barnootaa warra adii barataniiru, uummanni Oromoo Bultum akka deeggaran fi ijoollee isaanii akka galmeessan amansiisuun qormaata biraa turuu hima Ariif.
“Waan mataa keenyaan dhaabbate horanne, baay’ee nuu boonsite jedhanii namni hedduun gammadan.
Kan hin gammanes jiraachuu kan dubbatu Ariif, innis baqataa umrii waggaa 21tti Ameerikaa dhufe waan ta’eef kanneen amantii hin qabne jiru.
“Namni keenya harki caalu nama adiitti amana . Sirni nama adii hunda caala jedhanii amanu. Namni barates namni garii namuma adii jedhanii amanu. Kanaaf, hawaasni Oromoo hedduun ijoollee isaanii manneen-barumsa warra adii geessu.”
“Kun osoo jiru garuu deebi’anii rakkoo himatu. Manneen-barumsa faranjiitti ijoollee nu jalaa badee, naamusa hin qaban , aadaan keenya tokko miti, wantoota faallaa amantiifi aadaa keenya deeman barsiifamu jedhanii himatu.”
Yoo garii ammoo sababa danqaa afaaniitiin bulchiinsa mana-barumsichaa waliin haasa'uun isaanitti ulfaata.
“Nama afaan wal hin dhageenye rakkoo ilmaan keetii itti himuun baay’ee ulfaatadha.”
Kun osoo jiruu ammoo, manni-barumsaa kun waggaa sadii keessatti jijjirama guddaa argisiiseera.
Ijoollee 150 irraa eegalee amma barattoota 260 ol qabu. Mootummanis amma caalaatti isaanitti amana.

Madda suuraa, Bultum Academy/Lokho Kotile
Hundeessaan eenyu?
Hundeessaan mana-barnoota Bultum Akkaadaamii Ariif Yuusuf Bakaar jedhama. Magaalaa Dirree Dhaawaatti dhalate.
Mana-barumsaa keessatti mucaa qaroo ture, kutaa shan yeroo ture irraa kaasee maatiin ijoollee isaanii akka barsiisuuf kaffaltii isaaf kaffalu turan.
Maatiin inni ijoollee barsiisaa ture tokko biyya alaa akka deeman ispoonsara yeroo argatan akka maatii isaaniitti isa guddifatan.
Kutaa sagalitti barumsa dhaabee Itoophiyaatii bahee; umrii waggaa 15tti maatiisaa haaraa waliin gara Keeniyaatti godaane.
Waggaa shan booda gara Ameerikaatti ce'an; umriin isaa barnoota sadarkaa lammaffaa waan darbeef mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti makamuu hin dandeenye.
Kanaaf, sagantaa dippiloomaa barnoota waliigalaa(GED) jedhamuun beekamutti makame.
“Ameerikaatti ijoollee hiriyaa keetii malee kaan waliin barachuu waan hin dandeenyef GED kanaaaf galmaa’e,” jedha
Ofumaan baratee, qormaata fudhatee, achiin booda dippiloomaa sadarkaa lammaffaa argate.
Achiin booda waggaa lamaaf kolleejjii tokko deeme, achiis digirii jalqabaa fudhatee isaa booda barnootaan mastersii fudhate.
Digiriin isaa inni jalqabaa tajaajila namaa yoo ta'u, hojiin isaa inni jalqabaa tajaajila hawaasummaa ture.
Maatii godaantota gargaaraa kan ture, qormaata isaan keessa darban, keessattuu haadholii kophaa jiraatan argeera.
Hojii kana waggoota kudhaniif hojjete. Hawaasa gargaaruun isa gammachiisus waan adda ta'e hojjechuu hawwe.
Fedhii barsiisuuf qabu irraa kan ka'e barnoota irratti mastersii isaa hojjechuuf carraa argate.
“Galii gahaa osoo qabuu, hojii dhiise. Fedhii barsiisummaa qabu hordofuuf jedheen dhiise.”
Yeroon tajaajila hawaasummaa hojjedhu maatiin irra caalaan rakkoo mana-barumsaa keessatti isaan mudatu komatu turan. Sana jijjiiruun barbaade.

Madda suuraa, Bultum Academy/Lokho Kotile
Ilaalcha gara fuulduraa
Oromiyaa bira darbee Afaan Oromoo bakkeewwan birootti barsiisuuf dhiibban godhamu qabsoo bara dheeraa ture.
Bara darbe Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Afaan Oromoo akka afaan dabalataatti manneen-barnootaa hunda keessatti akka barsiifamu kaarikulamii haaraa dabarse.
Bara 2020 Yuunivarsiitiin Istaanfoord yeroo jalqabaatiif Afaan Oromoo sagantaa Afaanota Afrikaa fi Baha Giddu Galeessaa keessatti hammachuun barsiisuu eegale.
Amma Obbo Ariif Miiniisootaa fi bakkeewwan birootti manneen-barumsa Afaan Oromoo jalqabuuf karoora akka qaban dubbata.
“Hawaasni Oromoo guddaadha, kunis gaha miti, babal'achuu qabna ammaaf garuu jarjaruu hin barbaanne hanga barnoota bareedaa qulqullina qabu gadi dhaabnutti.”
Afaan Oromoo guddisuun dhimma yeroo dheeraaf Oromoo uummata Oromoo tokkumsuu fi walitti hidhu ture.
Abjuun sun galmaan ga’uuf biyya keessaa fi alaattis hojjetamee jira.












