Niwkaastil 2-0'n Arsenaaliin erga mo'atee Mikeel Arteettaan amma kubba komatee?

Deklaan Raayisii fi Gabri'eel Magaleesh

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ammas Arsenaal mo'amuu isaaf bocaa fi saffisa kubbaa sababa godhataa?

Tapha marsaa jalqabaa walakkaa xumuraa Karabayoo Kaappii irratti Niwkastil waliin taasisuun 2-0 mo'aman irratti Artettaan kubbi ittiin taphanne sun nuuf hin taane jedhanii ture.

Tapha deebii St Jeemsi Paarkitti gaggeeffames galchii wal fakkaataa 2-0 mo'aman. Amma garuu kubba natti hin fakkaatu.

Niwkaastil seenaa waggaa 50 olii haaressuuf tapha tokko qofatu isaan hafe.

Abdii Arsenaal bara kana waancaa injifachuuf qabu keessaa tokko du'eera. Dorgommii Walakkaa xumuraa Kaarabayoo kaappii Niwkaastil waliin gaggeesseen 2-0 waliigalaan ammoo 4-0 mo'amuun waancaaf osoo hin darbiin hafe.

Arsenaal erga bara 2020 Mikel Arteettaa jalatti waancaa FA Cup' mo'atee as waancaa homaatii injifachuu hin dandeenye.

''Har'a guyyaatti gaddinedha, bor ammoo guyyaa biraati'' jedhe Arteettaan.

Taphataan duraanii Arsenaal Maat Aapsan, garee Arteettaan ijaare kun waan namatti tolu hedduu qabu. Garuu waancaa homaatii hin mo'anne,'' jedhe.

''Kilebichi kana qofa sirraa hin eegu. Kun gahaa miti.''

Halkan kaleessaa Deklaan Raayisii fi Deevid Raayaaf yeroo gaarii hin turre.

Deeggartoonni Niwkaastil dubbii kana dura Arteettaan dubbate kanaaf deebii kennaa turan. Yeroo galchii lammaffaa lakkoofsisan ''Arteettaa har'a tarii rakkoon kubba ittiin taphataa jiran kanaa laata?'' jechuun itti qoosaa turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphaan boodas Aantoonii Goordon yeroo miidiyaaleef deebii kennu 'stay humble' jechuun gadi of qabaa ykn tasgabbaa'aa jechuun dubbate isa taphattoonni Arsenaal torbee darbe Haalaandiin jedhaniif waan deebii kennan fakkaata.

Alan Shiirer fuula X ''gahumsa guddaa agarsiisan. Arsenaals affisa Niwkaastil waliin deemuu hin dandeenye. Sarara hundaa irratti Arsenaal caalameera.

Alan Shiirer Niwkastilii fi Piriimer Liigii keessatti galchii hedduu lakkoofsisuun rikardii qabateera.

Waggaa lama dura akkasuma waancaaf darbee kan mo'ame Niwkaastil irra deebiin Wembilee irratti waancaaf falmachuuf dhaqabeera.

Liiverpuuliifi Tootenhaam har'a waancaaf darbuuf Aanfiildi irratti falmatu. Tootenhaam kana dura waan mo'ateef Liiverpuul waancaaf darbuuf qabxii kana garagalchuun mo'achuu qaba.

Niwkaastil erga waancaa mo'atee waggoonni 56 darbaniiru. Yeroo sana dorgommii magaalota gidduu jedhamee beekama ture.

Hidda dhalootaa Eertiraa kan qabu Aleeksaander Isaaq Piriimer Liigii keessatti galchii 17 lakkoofsiseera.

Wembilee irrattis galchii lakkoofsisee seenaa Niwkastil keessatti nama yeroo hundaa yaadatamu tahuu danda'a.

Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo hordofaa

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.