Suuraalee kabaja Irreechi Hora Finfinnee bara 2024 muraasa

Shamarran Oromoo uffata aadaa Harargee uffatan irreecha Hora Arsadeerratti, 2024
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Irreeffattoonni lakkoofsa hedduun kallattii hundaan gara Addabaabayii Masqalaatti bariidhaan seenaa jiru.

Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee Doloolloo Buddeenaatti irreeffachuuf irreeffattoota dursaa jiru.

Jala-bultiirraa eegaluun irreeffattoonni kutaalee biyyattii adda addaarraa gara magaala Finfinnee seenaa turan.

Dargaggoonni uffata aadaatiin faayamanis garee gareensirboota aadatiin jilicha bareechaa jiru.

Suuraan akka akkasitti qopheessineerra.

Dubartii Hora Finfinneetti marga qabattee irreeffachaa jirtu, 2024
Abbaan Gadaa Oromoo Tuulamaa Goobana Holaa irreeffannaa Hora Finfinnee yeroo jalqabsiisan, 2024
Daraggoota Karrayyuu Hora Finfinneetti, 2024
Hora Finfinneetti irreeffachuu namoota bahan keessaa hawaasa Karrayyuu, 2024
Abbaa Gadaa Oromoo Tuulamaa Hora Finfinneerratti, 2024
Namoota Hora Finfinneerratti irreeffachuuf bahan gariin, 2024
Namoota Hora Finfinneetti irreeffachuuf bahan, 2024
Shamarran Hora Finfinneetti irreeffachuuf bahan, 2024
Dargaggoota Oromoo irreecha Hora Arsadeerratti hirmaatan keessaa bara 2024