Irreechi calaqqee aadaasaa eeggatee akka itti fufuuf nageenyi eegamuu qaba- Dargaggoota

Ayyaanni Irreechaa bara kanaa malkaawwan garagaraatti adeemsifamutti bifa nageenyisaa eegameen akka kabajamu akka hojjetan dargaggoonihiman.
Dhimma Ayyaana Irreenyaafi nageenya ilaalchisee Liigiin Ergama Nageenyaafi Badhaadhinaa Dargaggoota Itoophiyaa festivaala gaggeesseera.
Sagantaa kaleessa Onkololeessa 3, 2024 Magaalaa Finfinnee God-hambaa Saayinsiitti adeemsifamerratti dargaggoonnifii bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa garagaraa argamaniiru.
Pirezidaantiin liigichaa kan ta’an Obbo Birhaanuu Baqqalaa, “Sababa Irreecha kabajuutiin namni tokkollee akka hinduune dargaggoonni waldeeggaruufii wal utubuu qabu” jedhan.
Nageenyummaa Irreechawwan Hora Finfinnee fi Hora Arsadii gama eegsisuutiin miseensonni liigichaa gahee akka bahatan kan himan Obbo Birhaanuun, “Bara darbes qindeessinee ture. Bishooftuu fi Finfinnee qofa miti, Asoosaa fi Gaambeellaa irrattis qindeessaa jirra” jedhan.
Dargaggoonni qaamolee nageenyaa waliin qindoomuun nageenya ayyaanichaa eegsisuun cinatti, “nama dhukkubsate kunuunsuufii kan nyaata kan hinqabne akka nyaatu gochuu qabu” jechuunis himan.
'Irreechi calaqqee aadaasaa eeggatee akka itti fufuuf'

Magaalaa Shaggar Kutaa Magalaa Furii irraa kan dhufefii waraqaa marii Ayyaana Irreechaafii Nageenya irratti xiyyeeffate kan dhiyeesse Dargaggoo Seenessaa Magarsaa, “Irreechi caalaqqee aadaasaa eeggatee akka itti fufuuf nageenyi eegamuu qaba” jedhe.
“Ummanni Oromoo ayyaana baay’ee kabajuu, jaalatufii leellisu Ayyaana Irreechaati. Kanaafis ummanni Kaaba fi Kibbarraa akkasumas Baha fi Dhiharraa dhufee yemmuu kabaju nagaatu isaaf mala” jechuunis hime.
Hirmaattota festivaalichaa keessaa tokko kan ta’efii Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuu irraa kan dhufe dargaggoo Girmaa Soorii immoo caasaalee nageenyaa waliin ta’uu nageenyummaa ayyaanichaa eegsisuuf akka hojjetu BBC’tti hime.
“Namni dhimmi Irreechaa dhimma kooti, na ilaallata jedhu kamiyyuu Irreecharratti nageenyaaf hirmaachuu qaba” jedhe.
Waa’ee Liigiichaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Liigiin Ergama Nageenyaafii Badhaadhina Dargaggoota Itoophiyaa erga hundeeffamee waggoota shan lakkoofsisuu kan himan Pirezidaantiin Liigichaa Obbo Birhaanuu Baqqalaa, Kaayyoon hundeeffama liigichaa Itoophiyaa keessatti nageenyi amansiisaan akka dhufu fi dargaggoonni diinagdeen akka fayyadaman hojjechuu ta’uu himan.
Kana malees dagaagina aadaa irrattis hojiilee garagaraa akka hojjetan kan himan pirezidaantichi, “Fakkeenyaaf Irreechi madda galii fi tuurizimii ta’aa jira. Kanaafis akka inni guddatuuf ni hojjenna” jedhan.
Kana malees liigichi hojiilee walitti bu’iinsa hiikuu akka hojjetu eeruun, “Nageenyi kan bu’u walitti bu’iinsa hir’isuuni. Kanaafis liigiin keenya kanarratti sirriitti ni hojjeta, hojjachaas jira” jedhan.
“Fakkeenyaaf akkaataa walitti bu’iinsi itti hiikamurratti jaarsolii Gaamoo fudhachuu dandeenya, gama Oromiyaatiinis jaarsummaa, kana malees gama Sirna Gadaatiin manni murti jira. Manneen Murtii Aadaa akka guddatan liigiin keenya sirriitti jajjabeessa” jedhan.












