Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wallagga Lixaatti dargaggeessi waggaa 17 maanguddoo waggaa 60 gudeede hidhaan adabame
“Bakka isaan ciisaa jiranitti harkaan mormasaanii sireerratti gadi qabee humnaan gudeeddii kana irratti raawwate” jedha galmeen himataa.
Miidhamtuun dhuunfaa maanguddoon waggaa 60 Godina Wallagga Lixaa aanaa Laaloo Assaabii keessa jiraatu.
Maanguddoon kun miseensa maatii waliin jiraatu kan hinqabne ta’uusaaniitiin mana isaanii aanicha keessa argamu keessa qofaa jiraatu.
Haa ta’u malee gochaan Hagayya 29, 2016 tilmaamaan galgala sa’aa 2:30 irratti raawwatame gochaa qaamaafii xinsammuu maanguddoo kanaa miidhe fi safuu hawaasaa cabsee ture.
Namni yakka kana duuba jiru immoo jiraatuma naannichaafii dargaggeessa waggaa 17 kan ta’e Abdii Malkaamuu jedhamudha.
Himatamaan kun dukkanaafii bokkaa roobaa ture dawoo godhachuun galgalaan gara mana maanguddoo miidhamtuutti adeeme.
“Waqtii yakkichi raawwatamu bokkaan roobaa ture. Bokkaa roobaa jiru kana keessa deemee harkasaa balbala keessa kaa’uudhaan balbala banatee gara miidhamtuu dhuunfaa ol gale” jedhan Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Laaloo Assaabii Taarraqany Fufaa.
Sana boodas “Bakka isaan ciisaa jiranitti harkaan mormasaanii sireerratti gadi qabee humnaan gudeeddii kana irratti raawwate” jedhan.
Miidhamtuun Waajjira Poolisiitti iyyatan…
Maanguddoon miidhamtuun yakkichi erga irratti raawwatamee booda Waajjira Poolisiitti eeruu kan kennan yemmuu ta’u, qaamoleen nageenyaas himatamaa to'annoo jala olchuun dhimmicha qorachuu eegalan.
Dhimmi dargaggoota umriinsaanii waggaa 15 fi 18 gidduu ta’efii yakka dirqisiisanii gudeeduu raawwatan Seera Yakkaa bara 1996 bahe Keewwata 620/1 akka ilaalamu kan himan Pirezedaantiin Mana Murtii, Abbaan Alangaas keewwatuma kana jalatti himata hundeessuu himan.
Abbaan Alangaa aanaa Laaloo Assaabii ragaalee namaafii barreeffamaa kan dhiyeeffate yemmuu ta’u, “Ragaan mana yaalaa qeensa isaatiin morma isaaniirratti miidhaan akka qaqqabe fi yeroo gudeeddii kana irratti raawwatummoo qaamni saalaa isaanii miidhaan tarsa’uu kan irra gahe ta’uu agarsiisa” jedhan.
“Ragaan Abbaa Alangaa namni kun gochicha rawwachuusaa waan mirkaneesseef ofirraa akka ittisu ajajame”kan jedhan Pirezidaantichi, himatamaan ‘ragaa ittisaa hinqabu’ jechuun akka hindhiyeeffanne himan.
Gama biraatiin Abbaan Alangaa ‘amala badaa hawaasa keessatti agarsiisuun gochaa gudeeddii raawwachuu’ kan jedhufi yakkichi dukkana dawoo godhachuun raawwatamuunsaa akka yaadota adabbii cimsanitti dhiyeeffateera.
Gama biraatiin himatamaan kana dura kuusaa yakkaa kan hinqabne ta’uunsaa akka yaada adabbii salphisutti qabamuunsaas himameera.
Manni Murtii Aanaa Laaloo Assaabiis dhimmicha erga qoratee booda dhaddacha ALI Onkololeessa 28, 2017 oleen himatamaa Abdii Malkaamuu adabbii hidhaa waggaa 6 fi ji’a jaha irratti murteessee jira.
Dhumarrattis hawaasni dubartoota qofaa jiraataniif eegumsa gochuu akka qabu kan dhaaman Obbo Taarraqany, kunneen yakka akkanaa raawwatan seeratti dhiyaatanii tarkaanfiin seeraa akka irratti fudhatamuuf deeggarsa gochuu akka qabanis himaniiru.