Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan Taphoota Afrikaa warqii sagaliin walumaagala medaaliyaa 22'n xumurte
Itoophiyaan Taphoota Afrikaa 13ffaa torban sadan darbaniif biyya Gaanaatti adeemsifamaa ture medaaliyaa warqii sagal dabalatee walumaagala medaaliyaa 22 walitti qabuun xumurte.
Dorgommiin gosa ispoortii garagaraan waggaa afuritti si’a takka adeemsifamu guyyaa har’aa xumurameera.
Itoophiyaa atileetiksiin walumaagala medaaliyaa 18 argatte. Medaaliyaawwan hafan buunyaafi bishkilitiin kan galmaa’anidha.
Buunyaan medaaliyaan warqii lamaafi nahaasa tokko, bishkilitiin immoo meetii tokkotu galmaa’e.
Itoophiyaan gosoota ispoortii kaan itti hin milkaa’iniinis hirmaatteetti.
Dorgommii guyyaa Jimaataa dorgomameen 5000m dhiiraan Hagos G/Hiywat warqii argateera.
Fiigicha 1500m dubartootaan immoo Hiruut Mashashaafi Hawwii Abarraa walitti aananii 1ffaafi 2ffaa xumuran.
Kanaanis, warqiifi meetii gonfatan.
Fiigicha 1500m dhiiraan immoo Ermiyaas Girmaa lammaffaa bahuun meetii argate.
Guyaadhuma Jimaataa dorgommii walakkaa maaraatoonii dubartootaan Zawdituu Adaraaw 2ffaa baate.
Gama kaaniin, falmii buunyaa 52kg’n Beteliheem Gazzahany warqii yoo injifattu, ulfaatina 66kg’n immoo Beetal Waldee morkattuu ishee lammii Mozaambik injifachuun warqii gonfatte.
Ulfaatina 75kg immoo Tamasgeen Mitikkuu nahaasa injifateera.
Bishkiliitiin Kiyyaa Jamaal meetii argachuun isaa ni yaadatama.
Itoophiyaan baay’ina medaaliyaa 22’n walumaa gala sadarkaa 12’n xumurteetti.