Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jibuutin buufata saatalaayitiin irraa samiitti furgugfamu Afrikaatti kan jalqabaa ta’e ijaaruf
Jibuutin wiirtuu rokkeettiin saatalaayitii irrraa gara samiitti furgugfamu ardii Afrikaatti kan jaqlabaa ta’e ijaaruf akka jirtu beeksifte.
Ardii Afrikaa keessa bakki rokkeettin saatalaayitii irraa gara samittii dhukaafamu hanga ammaa hin jiru.
Kun ammoo tarkaanfii "baay'ee murteessaa" akka ta'e hima dhaabbata Space in Africa jedhutti daayirektara kan ta'e Temidaayo Oniyosan.
Jibuutin bakka rokkeetin saatalaayitii irraa gara samiitti ergamu kana ijaarsisuuf baasii dolaara biliyeena 1 ishee gaafata jedhame.
Ijaarsa kana raawwachuf ammoo dhaabbata hawaa Chaayinaa wajjin walii galtee duraa waliif mallatteessaniiru.
Akkaataa walii galtee isaanitti kampaanin saatalaayitii omishuun beekamu Hong Kong Aerospace Technology Group jedhamu waggoota 30'f bakka saatalaayitiin irraa gara samiitti ergamu kan to'atu yoo ta'u sana booda Jibuutitti dabarsee kenna.
Jibuutin kaayyon ishee kaampaanin kamiyyuu addunyaa irraa bakka irraa saatalaayitii dhukaasu "kan idila addunyaa" qabaachuu akka ta'e hima Temidaayo Oniyosan.
Jibuutin haalli teessuma ishee handhuura lafaatti dhiyaattee jiraachun ishee rokeettii saatalaayitii gara samiitti dhukaasuf filatamtuu ishee taasisa.
Kampaaniwwan rokkeettii gara samiitti ergan "boba'aa kanaaf oolu qusachuuf" bakka filatamaa akkasii akka barbaadan dubbata Temidaayon.
Gama biroon ammoo Chaayinaan waggoota 30 jalqabaaf bakka saatalaayitiin irraa dhukaafamu kana to'achuun ishee gama siyaasan rakkisaa gochuu mala.
Biyyoonni lixaa sababa ilaalcha siyaasan Chaayinaa waliin walitti dhufeenya gaarii hin qabneef kampaaniwwan biyyoota lixaa hawwachuun rakkisaa akka ta'u hima daayireektara Space in Africa kan ta'e Temidaayo Oniyosan.
Waggoota kurnan dhufanitti wiirtuwwan saatalaayitii gara samiitti erguuf gargaaran Afrikaa keessatti dabalataan ni jiraamu jedhamee abdatama.
Biyyooni akka Masiriifi Nayiyeeriyaa fa'aa wiirtuu akkanaa ijaaruf karoora qabaachuu isaanii dubbata Temidaayon.