Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xiyyara Airbus Beluga bakakkaan yeroo rukkutu viidiyoon waraabame mul'ise
Viidiyoon kaameraa qaama xiyaaraa irratti tolfameen waraabame tokko xiyyaarri akka addunyaatti isa guddaadha jedhame yeroo bakakkaan dha'u agarsiise.
Xiyyaarri guddichi kun buufata xiyyaaraa Hawaarden Welish irraa akkuma balali'uuf ka'een osoo baayyee hin turiinidha kan bakakkaa(qaqawween) rukkutame.
Xiyyaarri Airbus Beluga kun bakakkaan rukkutamus garuu balali'uu isaa battalumatti hin dhaabne.
Gabaasaaleen miidiyaa hawaasummaa irraa bahan akka jedhanitti yeroo xiyyaarri kun bakakkaatiin dha'ametti ifti guddaan akkuma balaqqiseen qaqqawween rifaasisaa ta'e guddaa tokko dhaga'ameera.
Jeettiin bifa qurxummuu guddaa qabu kun guutummaa addunyaarra qaama xiyyaara biroo deddeebisuun beekama.
Xiyyaarri bakakkaan rukkute kun nagumaan Jarman keessa qubachuu danda'eera.
Airbus waan mudate kana ilaalchisuun ibsa kenneen rukkuttaan bakakkaa 'taatee baramaadha' jechuun xiyyaarichi rukkutames akkuma karoorfameen gara Hamburg, Jarmanitti qajeeleera jedhe.
Hojiiwwan gurguddoo Airbus Beluga keessaa tokko baallee xiyyaaraa A350 jedhamu bakka itti omishamu Broughton fi Flintshire irraa fuudhee gara bakka itti xiyyaaratti tolfame Toulouse geessa.
Erga bakakkaan sun qaqqabee yeroo gabaabaatiif ifti isaa dhaamee turus osoo hedduu hin turiin deebiyeera jedhameera.
"Bakakkaan mudachuun kun aveeshinii keessatti mudachuun baramaa waan ta'eef xiyyaarri kun balalii isaa itti fufuun bakkuma karoorfameef qaqqabeera."
Isaan booda ammoo akkaataa adeemsa hojii keessatti istaandardii guutamuu qabuutiin, xiyyaarichi balalii itti aanu osoo hin jalqabiin ni sakata'ama.