Shamarreen abbaashee nama hin beeknetti dirqamaan heerumsiisuuf ture himattee ofirraa dhaabsiste

Harka dubartii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Shamarreen Naajeeriyaa Kaabaa umuriin ganna 20, abbaan ishee nama isheen tasuma hin beeknetti dirqamaan heerumsiisuuf jennaan isa himattee ofirraa dhaabsiste.

Abukaatoon Faaximaa Aliyyuu, Mana-murtii Shariyaa kutaa bulchiinsaa Kaadunaattti akka himetti shamarreen kun jaalallee waliin jiru qabdi.

Abbaan seeraa shamarree kanaa abbaa ishee kan himatte kabaja isaaf dhabuu irraa miti.

Abbaan shamarree kanaa ammoo maatiin isaa osoo lubbuun jiranii intala isaa kanaaf kaadhimaa amma jedhan kana waan filataniif, fedhii maatii isaa kana kabajuuf akka ta’e mana-murtiitti himeera.

Abbaa murti Malaan Ahiyekuu Abdulrahamaan abbaan intala isaatiif dhirsa filuuf mirga qabaatullee, dirqamaan heerumiisuun garuu gocha jajjabeeffamu miti jedhe.

Abbaan murti kun namichi akka intala isaaf obsa qabaatus gorseera.

“Nama itti heerumuu barbaadde akka dhiyessitu hayyamiif. Isaan booda ilaaltee yoo amantii isaafi amala isaatti gammadde, akka isheen itti heerumtu hayyamtaaf,” jechuun dubbate abbaan murti kun.

Abbaan Faximaa kanaan dura ijoollee durbaa isaa ja'a haaluma wal fakkaatuun akka heerumsiise mana-murtiif ibseera.

Ijoolleen isaa ja'an inni heerumsiise hundinuus bultuu gaarii akka qaban itti dabaluun dubbateera.

Faaximaan nama hin beeknetti akka heerumtu yaada kan dhiyeessite ammoo haadhashee akka ta'e himameera.

Abbaan ishee ammoo dhimma kana irratti namoota kaan waliin mari'achuu akka barbaadu himuun akka hayyamamuuf gaafateera.