Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartiin barattoonni akka qormaata hatan goote akka to'atamtu Interpol gaafate
Singaappoor keessatti jeequmsaa fi waliin dhahuu qormaataan walqabatee mudatee fi biyyattii yaaddesse keessaa dubartiin harka qabdu akka to'atamtu poolisiin idil-addunyaa Interpol jedhamu gaafate.
Dubartiin umrii 57 Poohi Yuwaan mala ittiin barattoonni bilbilaa fi Earphone fayyadamuun qormaata waliin dhahanii qabxii argatan abuurtee barattoota hedduuf qooduun maqaanshee ka'a.
Kanneen ishee gargaaruun yakka kana keessatti hirmaataa turan biroon sadi to'atamaniiru.
Dubartiin kun duraan hooggantuu garee qo'achiistotaa turte.
Yakka raawwatteef adabbii waggaa afuriif irratti murame silaa Fulbaana darbe ni eegalte jedhamee ture, isheen garuu hanga yoonaa harka hin kennine.
Dubartiin kun Singaappoor keessaa miliqxee baateetti jedhamee shakkama.
Poolisiin biyyattii bakka argamte akka to'atamtu ajaja dabarseera.
Erga Interpoliif eeruu kennanii booda, Interpol ''akeekkachiisa jabaa'' irratti baaseera.
Namoonni iddoosheen jirtu quba qaban akka eeruu kennaniifis gaafateera.
Dubartiin maqaa masoo 'Poonii' jedhamuun beekamtu kun, ajaji Interpol irratti baase, qaamoleen seeraa addunyaarratti argaman bakkasheen jirtu barbaadanii akka to'atan gaafata.
Yakki waliin dhahuu kun bara 2016 irraa eegalee yeroo sadiif qormaata biyyaalessaa Singaappoor irratti raawwateera.
Giddu galli qo'achiistotaa Pooh, barattoota Chaayinaa umriinsaanii waggaa 17 hanga 20 ta'an qo'achiisa ture.
Barattoonni kunneen qabxii kolleejjii poolii teeknikaa isaan galchu argachuuf jecha qormaata kan fudhatan.
Tokkoon tokkoon barattootaaf doolaarri 6,100 kan kaffalame yoo ta'u, yoo qabxii hin arganne maallaqni sun akka deebi'u ibsameera.
Barattoonni kunneen eraphone bifa gogaa isaanii wajjin walsimu uffachuun wiirtuuwwan qormaataa adda addaatti qormaata fudhataniiru.
Bilbilli harkaa fi Bluetooth qaama isaaniitti maxxanee uffataan haguugama.
Hiriyaan dubartii kanaa duraanii, ganna 30 kan taate Tan Jia Yan, dhuunfaan qormaata kana fudhate.
Bilbilli qoma ishee irratti hidhamee qormaata akka fudhattu taasifame.
Appii qunnamtii ''Facetime'' jedhamu fayyadamuun Tan kallattiin gaaffiiwwan gara Pooh dabarsaa turte.
Hojjetaan giddugala leenjii Poh fi intalli obboleettii Poh, Fiyoonaa Poh, gaaffiiwwan kanaaf deebii kennanii barattoota Chaayinaatti earphone fayyadamuun himan.
Namni hoogganaa qormaataa ta'e tokko namoota qormaata fudhatan keessaa tokko yeroo isaan sagalee hin baratamne dhageessisan itti dubbate.
Barataan kun achumaan qormaata irratti gowwoomsaa fi waliin dhahaa akka jiran dubbate.
Bara 2020tti Poh, hojjetaan ishee fi intalli obboleettii ishee himannaa hannaa fi waliin dhahuu 27n adabbiin itti murtaa'eera.
Tokkoon tokkoon isaanii waggaa lamaa hanga afurii hidhaman.
Abbaan murtii carraa ofirraa ittisuu isaaniif kennus, isaan garuu callisuu filataniiru.
Bu'aa qormaataa teknooloojiitti fayyadamuun waliin dhahuun kun kan jalqabaa miti.
Bara 2016 barattoonni fayyaa Taayilaanditti kaameeraa fi sa'aatii ismaartii fayyadamuun hanna raawwachuuf yaalaniiru.