Maatii rogeettii Yugaandaa US'tti duuteef beenyaan mil. $10 murtaa'e

Estar Naakaajigoo

Madda suuraa, EU International Partnerships

Maxxanfame

Manni murtii Ameerikaa rogeettii lammii Yugaandaa kan Ameerikaa keessatti duute irratti murtee dabarseen maatiin dubartii kanaa beenyaa doolaara miiliyoona 10 akka kanfalamuuf murteesse.

Manni murti Ameerikaa bulchiinsa Yutaah keessatti argamu kun, maatii rogeettii lammii Yugaandaa waggaa lamaan dura sababii balaatiin lubbunshee darbeef beenyaan kana kan murteesse.

Dubartiin lammii Yugaandaa taatee tunis osoo paarkii biyyaaleessaa bulchiinsa Yutaah keessatti argamu keessa abbaa warraa ishee waliin dowwannaarra jirtu ture balaa tasaatiin lubbuunshee kan darbe.

Maatiinis sababii du’a dubartii lubbuunshee balaan darbe, Estar Naakaajiigotiin miidhaa irra gahee beenyaan akka kanfalamuf dhimmicha mana murtiitti dhiyeessuun falmaa turanii, booda akka murtaa’eef miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Haata’u malee, beenyaan amma mana murtichaatiin mirkanaa’eef kan maatiin gaafatee ture doolaara miiliyoona 140 irra baayyee gadaanaa yoo ta’u, seenaa bulchiinsa Yutaah keessatti maallaqa beenyaa isa olaanaa mootummaa federaalaa kanfale ta’u abookaatoon maatii ibsaniiru.

Balaa du’aa lammii Yugaandaa kan turte Estar irra gaheen, beenyaa amma mana murtichaatiin maatiif murtaa’e miiliyoona 10 ol kana keessaayis, abbaan warraa ishee dolaara miiliyoona 9.5, haatishee doolaara 700,000 fi abbaan ishee ammo dolaara 350,00 akka argatan himame.

Reefu erga gaa’ila dhaabbatanii kan hin bubbuuliin shamarreen waggaa 25 Estariifi abbaan warraa ishee Ludoviich osoo dowwannaa irra jiranu ture balaan mudachuun lubbuun haadha warraa isaa kan darbe.

Sababiin du’a ishees, karri sibilaa paarkichaa keessatti sirnaan osoo hin cufamiin bubbee cimaadhaan darbatame erga Estar bakka abbaa manaa ishee waliin konkolaataa keessa osoo taa’aa jirtuu garmalee rukutuun haala sukkaneessaadhaan lubbuun ishee waan darbeefiidha jedhameera.

Haalli balaa sukkanneessaan Estar du’aaf saaxilee akkasumas Estar Yugaandaa keessatti ambaasaadara shamarraniifi dubartootaa ta’unshee, duuti ishee Ameerikaa keessatti xiyyeeffannaa olaanaa akka argatu taasise.