Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiileen Paalastiin kudhan tarkanfii Israa'elin ajjeefaman
Manguddoo tokkoo fi hidhattoota hedduu dabalatee lammiileen Paalastiin kudhan tarkaanfii loltoonni Israa’el naannoo dhuunfatame Weest Baankii keessatti raawwateen ajjeefamuu namoonni ijaan arganii fi qondaaltonni fayyaa biyyattii himan.
Waraanni Israa’el kanaan dura loltoonni isaa Nablus keessatti socho’aa akka jiran mirkaneessee ture.
Ibiddi cimaan Israa’el mana tokko irratti kan ka’e yoo ta’u, hidhattoonni olaanoo Paalastiin lama turan jiran akka ajjeesan hubatameera.
Akkasumas mana marfamee ture kana alatti, lammiin nagaa ganna 72, lola qawwee gidduutti ajjeeffamuu qondaaltonni fayyaa palestiinii himan.
Viidiyoon reeffa daandii tokko irratti boorsaa daabboo cinatti argamu agarsiisa.
Namoonni 100 ol ta’anis dhukaasa qawweetiin madaa’uu isaanii qondaaltonni fayyaa beeksisaniiru. Isaan keessaa 7 hospitaalota naannichaa keessatti haala yaaddessaa keessa jiru.
Dubbi himaan prezidaantii Paalastiin Mahmuud Abbaas sakatta'iinsa kana balaaleffachuu isaanii fi mootummaa Israa'el ''hammachuu balaa kanaaf, kan naannicha gara waldhabdee fi dho'iinsaatti dhiibaa jiruuf'' itti gaafatamummaa fudhachuu isaanii dubbataniiru.
Gareen hidhattoota Paalastiin Hamaas kan Gaazaa to'atu ''yakka diinni ummata keenya West Baankii dhuunfatame irratti gaggeessaa jiru hammaataa dhufe hordofaa jiraachuu fi obsa dhabaa jira'' jechuun akeekkachiiseera.
Nablus fi naannoo isheetti kan argamtu Jenin keessatti, sakatta’iinsa, hidhaa fi basaasaa walitti qabuun Israa’el waggaa darbe irra kaasee hedduu cimeera.
Kunis erga haleellaan Paalastiinii lubbuu namaa galaafate.
Ajjeechan yeroo dhiyoo kun kan dhufe torban kana keessa waliigalteen US giddu galeessa godhate kan waldhabdee tasgabbeessuuf kaayyeffate ta’uu gabaafameera.
Bara kana hanga ammaatti yoo xiqqaate hidhattootaa fi namoota nagaa dabalatee lammiileen Paalastiin 50 ta’an ajjeefamaniiru.
Akkasumas haleellaa Paalastiin lammiilee Israa’el irratti xiyyeeffate raawwateen namoonni 11 ajjeefamaniiru.