Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan yeroo haleellaa cimsitee jirtutti pirezidantiin Yukireen adda waraanaa daawwatan
Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii adda waraanaa Bakmuut bakka ji’ootaaf lolli itti hamaate ture daawwatanii deebi’an.
Yeroo humnootiin Raashiyaa duula waraanaa isaanii gara bahaan deebi’anii ijaaruuf yaalaa jiranitti, magaalaan jeeqamtee jirtu kun yeroo dheeraaf wiirtuu waraana kanaa taatee turteetti.
Zeleniskiin magaalaa Bakmuut kan dawwatan yemmuu humnootiin Raashiyaa magaalota Yukireen irratti haleellaa adda addaa gaggeessaa turanittidha.
Nannaa Kiyiiv fi Zapoziziyaa keessatti yoo xiqqaate lubbuun namoota saddeet darbeera.
Humni waraanaa Yukireen diroonota 16 rukutee kuffisuus, shan garuu miliqanii jala darbuu isaanii himeera.
Magaalaa Irzischiv keessatti haleellaa mana cisiichaa (dormii) barattootaa irratti gaggeeffameen namootni torba du’aniiru.
Sana booda rookkeettii manneen jireenyaa Zaporiziziyaa rukuteen namootni 25 madaa’anii, lubbuun nama tokkoo darbeera.
Hoggantoonni naannichaa lakkoofsi namoota miidhamanii dabaluu akka danda’u ibsaniiru.
Zeleniskiin haleellaa ‘sukaneessaa’ Raashiyaan namoota nagaa irratti raawwatte balaaleffachuun adda waraanaa lixa biyyattii jiru kan ji’oota torba oliif humnootiin Yukireen loltoota Raashiyaa ofirraa ittisuu danda’an kana daawwataniiru.
Bakka kana Mudde darbe keessas daawwatanii ture.
Suuraaleen fi viidiyoon waajjira Pirezidantiin gadhiifame akka mul’isutti, Zeleniskiin loltoota waraanaan dadhabanii jiraniif medaaliyaa kennaa turan.
“Baha biyya keenyaa, Dondas dhufee, gootota keenya badhaasuu, galateeffachuu fi harka isin fudhuukootti, kabaja guddaatu natti dhaga’ama,” jechuun Zeleniskiin loltootatti dubbatan.
Dhaabbati Tika Waraanaa UK gaafa Roobii akka ibsetti, “wiirtuu magaalaa Bakmuut keessatti itti fufee jira, humnootni ittisaa Yukireenis yaddoo gama kibbaa fi kaabaan marfamuuf akka saaxilamanitti jiru.”
Magaaloti Yukireen Roobii ganamaan diroonotaan rukutamuu eegalanii, boodarra ammoo haleellaa rookkettiin rukutamaniiru.
Haleellaan Raashiyaa kun kan eegale, Pirezidantiin Chayinaa Shi Jinpiing karoora nagaa qabxii 12 beeksisuuf jecha daawwannaa Moskoo guyyaa lamaa erga xumuranii guyyaa tokko boodadha.
Pirezidantiin Yukireen yeroo hunda “yemmuu namni tokko jecha ‘nagaa’ jedhu Moskoo keessatti dhaga’uuf yaalutti, ajaji haleellaa gaggeessuu kan biraan ammoo ni kennama” jedhan.
Pirezidant Puutin akka jedhanitti “yeroo Kiyiiv fi biyyootiin Lixaa qophaa’oo ta’anitti, yaadni Chaayinaan dhiyeessite hedduun isaa waldhabee Yukireen dhaabuuf akka bu’uraatti fudhatamuu kan danda’udha.”
Karoorri kun yaada adda ta’an kan kennu miti, akkasumas humnootiin Raashiyaa daangaa Yukireen gadhiisanii akka ba’aniif kan gaafatu miti.