Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arrabsoon maqaa haadhaa tuquu Boorana biratti murtoo duʼaa akka qaqqabsiisu malu beektuu?
Arrabsoon maqaa haadhaa yookaan qaama saalaa dhahuu addunyaa irra bakka hedduutti baramaadha. Gariin akka qoosatti, kaan ammoo faashinii itti fakkaatee yookiin immoo akka seesaatti fudhatu.
Ummata Booranaa biratti arrabsoon akkanaa kun qaanii guddaa ta’uu qofa osoo hin taane murtuu du’aallee qaqqabsiisuu mala jedhu jaarroleen argaa-dhageettii.
Namni haadha namaa arrabse 'dhiiga hin qabu' jedhama hawwaasa angafa kana biratti.
Akka jaarsi argaa dhageettii Aab Borbor Bullee himutti, sirni Mootii Haylasillaasee Boorana qabate hawaasicha bulchus aadaasaanii waan sodaateef namni dabse hin jiru jedha.
“Maaliif jennaan haadhii waan jajjabduu, Booranni waan haadha kana irra hafuu hin danda’u,” jedhan.
Aadaan kun akka inni amanutti, Gadaa utuu hin ta’iin kan dhala namaafi uumamaaf kenname jalqabaa kaaseeti. Waaqni uumama yeroo uume, safuu, ceeraafi fokkoo wajjin uume.
Gaafaa mootumman nama bulchu eegale aadaa Booranaa laafaa dhufte jedha Aab Borbor, amma murtiin hedduun akka seerrii biyyaa jedhu malee akka aadaatti murteen kennamu muraasa.
Garuu namoonni haadha namaa arrabsan ammatti ijjeeffamuu baatus, namoota abaaramaa ta’uu hima.
Jaarsi argaa dhageettii Aab Dirree Guyyoo ammoo Boorana jedhanii yoo waaman wanti himaniin haadha,; abbaa miti jedha. Kanaaf, arrabsoon haadhaa waan qoosaa miti; fudhatamas hin qabdu jedha.
Aadaa Booranaa keessatti ceeraa fokkoo/namuusati jira, kun ammoo amala namootaa to’achuun waan hawaasa keessatti qaanii ta’e dhorka.
“Haatee akkas godhi namaan jechuun waan akka malee hamtuudha Boorana biratti. Nama ceeraa fokkoo hin qabnetti waan akkanaa jedha.”
Namni ceeraa fokkoo hin qabne namoomaan ala taha jedha Aab Dirreen.
“Kan nama aarsu garuu, dhiheenna kana dubartootatti akkas jedhe ilmaan ofi arrabsa, kun qaanii hamtuu. Wanti amma Boorana miira harkaa fuudhe waan akkanaa.”
Adabbii irratti Booranni seera hedduu qaba. Akkuma yakkaan nama ulfaatuun adabbiin ulfaata. Namni tokko balleessaa qaba jedhee gaaddisi murteessinaan, yakkasaa kan jalqabaa yoo ta’e aadaan ni seerti (akeekkachiifti).
Iitti aansudhaan ni dhaanan(rukutu) kaan gatii itti muran (loon 1,ykn 2), kana hordofee murtiin biraa qakkee jedhama( kunin loon 5-15 ta’uu danda’a. Namoonni nama ijjeessan loon 30 itti muran).
“Seerri kun tokkolleen namoota haadha namaa arrabseef ooluu hin danda’u. Kan haadha arrabseef murtiin isaa ajjeechaadha; wanti biraan hin jiru.”
Haata’u malee, hawaasa Booranaa keessatti amma aadaan namoonni ittiin bulaniin kan mootummaa waan ta’eef, aadaan laaffachuu irra kan ka’e namoonni akka fedhan nama arrabsuun himatan.
Tibba kana Godina Booranaa aanaa Yaaballootti barataan kutaa 12ffaa, miseensa Poolisii aanichaatiin arrabii akkanaa irra geennan of ajjeessuu maatiisaafi poolisiin aanichaa mirkaneessee ture.
Waraqaa barreessuun, sababa of ajjeesuusaa kan ibse barataan kun, “haadha tiyya boollatti arrabsee, nama itti himadhu hin qabu, kanaaf du’an filadhe,” jedha.
Osoo seerri akka durii jiraatee gurbaan kun of hin ajjeesu; nama arrabsetu itti gaafatama jedha Aab Dirreen.
“Rakkoon jirtu namoonni garii aadaa, amantaa yookaan sirna mootummaattis hin bulu, akkanumaatti tika malee jiraata. Namni akkanaa naamuusa ykn ceeraa fokkoo qabaachuu hin danda’u. Namoonni aadaafi sirna lafa balleessu namoota akkanaati.''
Akka jaarsi argaa-dhageettii Aab Dirreen himutti, dhalooti Booranaa kan amma afaan hamaa dubbatu kun namoota karaa badaa bahedha.
Fakkeennaaf, aadaa Booranaa keessatti durbi dhiira jedhani; durbi gaammee bira hin deemtu. Namni gogeessa jiru abbaafi haadha namaatti hin dhihaatan, akkasumas hariyyaa abbaa ofii itti hin dhihaatan jedhu.
Barataa Yunivarsiitii kan ta’e Gumii Surichoo Layee namoota naannoo garagarraa irra dhufan wajjiin barata.
Adoo abbaan fedhe arrabaa akkanaa fayyadamee aadaa tiyya keessa waanan dhufeef keessi kiyya hin fudhatu jedha.
“Waaqni nama waan akkasii naan jedhu natti hin fidin,'' jechuun kanaan achi akka lolu dubbata.
Booranni uumamaanuu waan akkasii hin jedhu. Dur Booranallee namni waan akkanaa hin jedhun jedhan.
Akka dargaggeessi kun jedhutti, abbootisaanii utuu barnoota ammayyaa kana hin baratiin aadaa baduu dhorkan, saala fokkoo, ceeraafi duudhaa hawaasaa jabeessuun beekumsa abbootii durii dhaalanii isaanin gahan.
''Amma aadaa kana jabeessuun nurra jira, akka umanni keenna aadaa durii itti bulutti deebi’uu gochuuf akka qeerroo tokkotti qophii jira,” jedha.
Booranni haadha akkamiitti ilaala?
Aadaa Booranaa keessatti haadha jechuun miyyuu tokkoo ta una daadhii hin hir’anne jedha jaarsii argaa dhageetii Aab Dirree Guyyoo.
Akkana jechuun guutuu hanqina hin qabne, maqaan Booranaa akkanaan beekama jedha.
Miyyuun yoo hir’ate ammoo of hin taatuu, yookaan ni raafamtii yoo waan biraa itti dabalan ammoo areera taati.
“Amma dhalooti arrabsoo haadhaa fayyadamu kun maqaatti Boorana malee miyyu Booranaati isaanitti hir’atee akkan ta’a.”
Boorana jedhanii yoo waaman wanti himaniin haadha; abbaa miti. Haatii Booranaa akka lama, sadiitti ilaalamti.
Tokkoo haadha nama deette. Tunin ta garaatti nama baatte, dadhabdee guddifte. Taan, hiriyaan abbaa namaafi haadha namaat hunduu akka haadha nama deettetti ilaalaman.
Hawaasa keessatti jaarsi durba xiqqoo fuudhuu danda’a; dubartiin tun umriin ishee xiqqaa ta’us, ijoollee hiriyyaa dhiirsa dhalteef cufaaf haadha.
Kan hundarra jabduun haadha gogeessaa ta’u hima.
Gadaan Booranaa gogeessa (dhaabbilee) shan qabdi. Namni Boorana ta’e hundi gogeessa shanan kana keessatti argama. Lubi abbaafi kan ilmaa adda addaa; waliti hin dhufu.
Kanaaf, dubartiin abbaafi haadha namaatiif luba tokkoo nama saniif haadha, akkuma haadha nama deesseetis.
Kan qofaa miti, hiriyyaan Booranaa haadhaan himamti. Namni haadha hin beekne yookaan kabaja haadhaa hin beekne aadaa keessatti didha baasuu hin danda’u .
Didha jechuun wantoota aadaa keessatti gochuun dirqama ta’e jechuudha. Fakkeennaaf, hiriyyaa Booranaa gaafa kan birootti dabartu sirna geggeefamuti jira. Kanarratti namni waan aadamalee ta’e hirmaachuu hin danda’u.
Akkasumas, ga’ee haadhi Boorana keessatti qabdu kan ibsu, gootaafi jabaa Boorana wanti gooban maqaa haadhaafi kan akaakayyuu haadhaa nama dhaleen dhahan.
Goobii sirba waraanaa/jeemuu/weeduu dhiirooni namoota adamsuun cimaa, kan duula irratti goota ta’een faarsan. Yoo faarsan kana maqaa haadhatiin faarsan jedhan.
Akka jaarsii argaa dhageettii kun ibsutti, nama qaroo janna/goota yoo barbaadan fincaan haadhaa dhahan. Kunis kan argisiisu dhalootarra bakkii amalawwan kunin irra dhufan gara abbaa utuu hin ta’iin kan haadhati.
Kanaaf, haadhi Boorana biratti ulfina guddaa qabdi.
Kanaaf, namoonni qajeelfama aadaa kan dhiisee arrabsoo akkanaa kana fayyadamu 'miyyuu hir’ate' jedhan.
Adabbii arrabsoo haadhaa
Aab Dirreen arrabsoon akkanaa isa irra gahuu dubbata. Namni isaan arrabse ammoo Boorana utuu hin ta’in nama naannoo biraa irra dhufe jedha.
Dhimmicha mootummaa gahes, furmaata wommaatu hin arganne. Akka wanti hamtuun akkasii isaafi maatii isa keessatti hin umamne obboolessaa yaamee qalatanii meedhicha kewwatanii of bira dabarsuu dubbata.
Booranni haadha tuquun waan hin beekamne kanaaf dur jechi akkanaa waan hin jirreef, seerri ka’ame hin jiru.
Sababnisaa beekaafi wallaalaa walitti muruu ykn gatii nama yakka hojjate kana irra fudhachuun aadaa keessatti waan hin taaneef filannoon turte du’a qofa.
Gadaa Guyoo Gobbaa akka namoonni jecha kanatti hin fayyadamne seerri akka ka’amu gumiin kaaftee turte, garuu waan ummanni halaan itti fayyadamuu ta’uu dhabeef rakkoo hin turre jechuun bira darban.
Amma ammoo jaarolleen Booranaa itti mari’achaa jirti. “Eegii gurbaan sun of ajjeesee waan kana akka jaarolletti wal-gaafachuutti jiru.
“Badii kana namni geggeessutti jiru dargaggoota. Ammaan booda karaa kamiinuu waan akkanaa balleesuu dandeenna jenne walitti deebine,” jedha
Waan ummata Booranaa biratti jibbamu kana falli jiraachuu hima. Gadaan Booranaa akkuma durii waan jirtuuf, yoo ummanni sagalee tokkoon ka’e murteessee salphaa.
Akkasumas, amma mootummaan manneen murtii aadaa Oromiyaa guutuu keessatti hundessuun, aadaan akka jajjabaatu mari’atanii sirreessuun ni danda’ama jedheen amana jedha.
“Namoota arraba akkanaatti fayyadamuun haadha biyya aadaa dhowwe murtiin haadhaaf ooltu akka jiraatu jaarolleen manneen murtii aadaa kun waraqaa barreessitee jirti,” jechuun himu Aab Dirreen.
“Adoo du’a ta’u baatee murtee hanga du’aa geessuun adabamanii seerri kun jiraachuu qaba. Maan jennaan aadaa ummata tokkoo dabsuun sirrii miti.”
Dhimmi kun xiyyeeffannaa argannaan sirreeffamuu danda’a jetti jaarolleen argaa dhageettii kunneen.
Hanga ammaatti Boorana bal'aa biratti wanti kun hin jedhamu, namoota magaalota keessa jiraatan malee kan baadiyyaa ammallee aadaa qulqulluu duriin jiraata jedhan.
Sirni Gadaa UNESCO jalatti galmeeffameera. Manneen barnootaa Oromiyaa keessa jiran keessatti ammoo gosa barnootaa ta’un kennamuu jalqabeera.