Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan maaliif aanga'oota Afrikaa ofitti michoomsuu barbaadde?
Kora Chaayinaa fi Afrikaa magaalaa Beejiing keessatti gaggeeffamuuf dureewwan biyyoota Afrikaa hedduun gara Chaayinaa imalaniiru.
Beejiingi hanga ammaatti dureewwan biyyoota Afrikaa 50 caalanii simatteetti.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Roobii ganama (Fulbaana 04, 2024) jilasaanii qabatanii daawwannaaf Beejiing seenaniiru.
Daawwannaasaanii kanaanis kora Chaayinaa fi Afrikaa irratti akka hirmaatan ragaan Waajjira Ministira Muummee ni mul'isa.
Ministirri Muummee Abiy fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoo wayita Beejiing ga'an akka gaariitti simataman.
''Pirezdaanti Shii Jiinpiingi simannaa ho'aa nuu taasisaniifi marii faayidaa qabeessa gooneef nan galateeffadha,'' jechuun Facebook isaaniirratti maxxansan Ministirri Muummee Abiy.
Ministirri Muummee Abiy jila waliin gara Beejiing imalan waliin ta'uun Pirezidantii Chaayinaa Shii Jinping waliin mari'ataniiru.
MM Abiy barreeffama Facebook isaaniirratti maxxansan keessatti deeggarsa Chaayinaan Itoophiyaaf taasiftu galateeffataniiru.
''Itoophiyaan deeggarsa Chaayinaa walirraa hin cinneefi damee hedduu ta'e baay'ee dinqisiifatti,'' jedhan.
''Akka biyyaatti qormaatileen addaddaa numudatanis dameewwan qonnaa, manufaakcheriingii, indaastirii, tuuriizimii, telekoominikeeshiniifi dameewwan kanbirootiinis tarkaanfii jijjiiramaa bayeessa ta'e galmeessisaa jirra.''
Daandii guddinaa kanarratti invastimentoonni Chaayinaa shoora olaanaa bahaniiru kan jedhan MM Abiy '' walta'iinsa biyyoota keenya lachan gidduu jiran caalaatti cimsuuf cimnee kan hojjennu ta'a,'' jedhan.
Chaayinaan wayita addunyaan goolama diinagdee fi siyaasaan daddaaqamaa jirtutti biyyoota Afrikaa fooramii tokkorratti walitti qabdee waliin dubbachuu eegalteetti.
Dureewwan biyyoota Afrikaa gara Chaayinaa imalan hedduunsaanii Pirezidant Shii Jiinpiing waliin fuulaa fi fuulatti walarganii mari'ataniiru.
Akkuma MM Abiy Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo fi Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamafoosaan pirezidantii Chaayinaa waliin dhuunfaa dhuunfaatti mari'ataniiru.
Hooggantoonni biyyoota Afrikaa akka gaariitti erga simatamanii booda carraa magaalaa Beejiingi keessa naanna'uun daawwachuus argataniiru.
Chaayinaan maaliif Afrikaa waliin kora addatti barbaadde?
Keeniyaatti pirofeesar hariiroo idiladdunyaa kan ta'an Mashaariyaa Muneenee, kaayyoon Chaayinaa inni ijoon yaad-rimee ''wantoonni walnufakkeessan heddu. Miidhaa olaantummaa biyyoota lixaatiif walqixa saaxilamoodha,'' jedhu biyyoota Afrikaatti mul'isuudha jedhan.
Pool Firimpong Giddugala Imaammataa fi Gorsaa Chaayinaa- Afrikaa kan Gaanaatti argamutti hoogganaadha.
Biyyoonni lixaa akkasumas biyyoonni Galoo Galaanaa oomisha boba'aan beekaman Afrikaa keessatti akkuma Chaayinaa dhiibbaa uumaa jiru jedhan hoogganaan kun.
''Afrikaa fi leecalloo Afrikaan qabdurratti fedhiin jiru guddaadha. Dorgommii cimaatu deemaa jira,'' jechuun BBCtti himan.
Waggoota kurna lamaan darban keessatti hariiroon Chaayinaa fi Afrikaa akkaan dabaleera.
Biyyoota addunyaarra jiran keessaa kana akka Chaayinaa michummaashee biyyoota Afrikaa waliin cimsatan hin jiran.
Ragaan Jaarmiyaa Maallaqaa Addunyaa (IMF) akka mul'isutti oomishaalee biyyoonni Afrikaa gara alaa ergan keessaa tokko shanaffaan gara Chaayinaa deema.
Alergiiwwan kunneen irra caalaan sibiilota, albuudota fi boba'aadha.
Akkasumas biyyoonni Afrikaa meeshaalee alaa galchaniif biyya kam caalaayyuu madda kan taate Chaayinaadha.
Haata'u malee madaalliin gabaa yoo ilaalamu yeroo hunda gara dantaa Chaayinaa eegsisuutti caala.
Pirezidant Raamafoosaan yeroo gitasaanii kan Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin mari'atanitti dhimma kana kaasaniiru.
''Walcaalmaa daldalaa gidduu keenya jiru dhiphisuu barbaanna. Caasaan daldala keenyaas akkaataa dantaa keenya walqixa kabachiisuun sirrachuu qaba,'' jedhan.
Keeniyaan ammoo gamasheen liqaa dabalataa barbaaddi, garuu ammallee liqii hedduu ofirraa qabdi.
Galii biyyattiin waggaatti argattu keessaa kan liqiirraa argamu lama sadaffaa ta'a.
Chaayinaan biyyoota Afrikaa hedduuf liqii kan kennitu yoo ta'u, garuu akkaataa waliigaltee liqii irratti yeoro baayyee gaaffii jala galti.
Kanaaf ammoo biyyoonni liqii Chaayinaarraa fudhachuun beekaman kanneen akka Gaanaa, Zaambiyaa, fi Itoophiyaa dhiheenya liqii ofirraa kaffaluu dadhabuu ibsuun agarsiistuu tokko.
Liqii itti fufuun dhimma ijoo hariiro Chaayinaa fi Afrikaa keessatti ka'uudha. Kora kanarrrattis dhimmi kun ajandaa ijoo ni ta'a jedhu Aab Firiimpong.