Gareen qondaalotaa US marii dhimma Yukireeniif gara Raashiyaa imale

Kireemlin Putiin Komaand Postii Kursk keessa jiru daawwachuu ibsite

Madda suuraa, Kremlin

Ibsa waa'ee suuraa, Kireemlin Putiin Komaand Postii Kursk keessa jiru daawwachuu ibsite
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Qondaalonni US akkaataa dhukaasa Yukireen keessa jiru dhaabuun danda'amurratti mari'achuuf gara Raashiyaatti imaluu waajjirri Pirezidant Doonaald Tiraamp ibse.

Oduun kun erga Yukireen waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota 30f turu fudhachuu ibsitee dhagahame.

Qondaalonni Yukireen gitootasaanii kan US waliin Sa'uudii Arabiyaa magaalaa Jiddaatti erga mari'atanii booda wiixinee waliigaltee dhukaasa dhaabuu US dhiheessite fudhachuu ibsaniiru.

Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo ''amma kubbaan dirree Raashiyaa keessa jirti,'' jechuun dubbiin gara Raashiyaatti akka hafe dubbataniiru.

Ameerikaan waraanni Yukireen kan dhaabbachuu danda'u marii nagaan qofa jettee amanti jedhan.

Akka Kireemlin jettutti qondaalonni US gara Raashiyaan kan imalan yeroo Pirezidant Putiin naannoo Kursk daawwataa turanitti.

Yukireen bara darbe humna jabeeffattee fuulduratti socho'uun naannawa Kursk to'annoo ishee jala galchatte.

Marii Jiddaa booda Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii ammaan booda Raashiyaan ''wixinee marii nagaa qajeelaa ta'e kana'' akka fudhattu amansiisuun ga'ee US jedhanii turan.

Kireemlin hatattamaan waa'ee waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana irratti yaada hin kennine. Wixinee waliigaltechaa qo'achaa akka jirtu ibsitee turte.

Ammoo Pirezidantonni lameen, Putiin fi Tiraamp, bilbilaan waliin dubbachuu akka danda'an waan akeeku ibsiteetti Kireemlin.

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidanti Doonaald Tiraamp waa'ee dhukaasa dhaabuu ilaalchisee gama Raashiyaatii ''oduu gaarii'' akka dhagahan ibsaniiru.

''Garuu oduu gaarii jechuun homaayyuu miti. Yeroo ammaa haala xiyyeeffannaa barbaadu keessa jirra,'' jedhan Tiraamp.

Tiraamp qondaalonni isaanii gara Moskoo imalan eenyufaa akka ta'an hin himne.

Dureen US kun Raashiyaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana akka fudhattuuf dhiibbaa uumuu akka danda'u himaniiru. Diibbaa maallaqaan uuma jedhan.

''Kun ammoo Raashiyaaf badaadha. Nagaan akka dhufu waanan barbaaduuf kana hin godhu,'' jedhan Tiraamp.

Walga'iin Jiddaa erga qondaalonni Yukireen fi US [Zeleniskii, Tiraamp fi JD Vaans) Waayit Haawus keessatti walitti dheekkamanii walga'ii jalqabaa sadarkaa qondaalota biyyoota lameeniitti gaggeeffamedha.

Tiraamp marii dheekkamsaan guutamee fi Waayit Haawus jeeqe sana booda deeggarsa humna nageenyaa fi tikaa Yukireen irraa kutanii turan.

Uggurri kun warii Jiddaa booda kaafamuu US ibsiteetti.

Haata'u malee wayita mariin nageenyaa gaggeeffamaa jiru kanattillee Yukireen keessatti waraanni itti fufeera.

Raashiyaan misaa'elootaa fi dirooniidhaan kutaalee Yukireen kanneen akka Kryvyy Rih (qe'ee Zeleniskii) akkasumas magaalaa buufata galaanaa taate Odesa, Dnipropetrovsk fi Karkiiv haleelteetti.

Waraanni naannawa Kurks keessattis itti fufeera. Dubbi himaan mootummaa Raashiyaa Dimitirii Peskov loltoonni isaanii naannawa kana keessatti injifannoo gonfachuun lafa kana to'annoo Yukireen jalaa baasaa jiraachuu himan.

Pirezidant Putiin komaand postii naannawa Kursk jiru daawwachuu Kireemlin ibsiteetti.

Erga Yukireen bara darbe naannoo kana to'attee as daawwannaan Putiin kun kan jalqbaaati.