Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US namoota wal'aansaaf Gaazaarraa imalaniif viizaa kennuu dhaabde
Ameerikaan viizaa namoota Gaazaa irraa garas imalaniif kennaa turte kennuu dhaabuu ibsite.
Jaarmiyaan dhimmi kun ilaallatu viizaa kennuun yeroof kan dhaabateef ''adeemsa jiru sirriitti qorachuuf akka ta'ee fi qajeeltoo yeroo ammaa tajaajila fayyaa xixiqqoo kennuuf jecha viizaan kennamu hubachuuf akka ta'e,'' X irratti ibse.
Murtee Ameerikaa kana gareen mirga namoomaa Filisxeemiif falman balaaleffataniiru.
Jaarmiyaan gargaarsa daa'immanii Filisxeem- Palestine Children's Relief Fund jedhamu tarkaanfiin kun ''daa'imman Gaazaatti miidhaman gara US geessuun tajaajila fayyaa argatanii lubbuunsaanii akka baraaramu gochuu irratti miidhaa guddaa qaba,'' jedhe.
Ameerikaan dhimma viizaa jiraattota Gaazaa irratti jijjiirama imaammataa kan ibsite erga rogeettiin warra sirna duriitti cichanii (far right) dhimma viizaa kana irratti qeeqa jajjabaa irra deddeebiin X irratti barreessiteeti.
Laawuraa Luumar bulchiinsi Tiraamp ''gocha saalfachiisaa kana akka dhaabu,'' akeekkachiisteetti.
Sambata kaleessaa ergaa qeeqa of keessaa qabu hedduu X irratti maxxansite, kanumaan US tarkaanfii kana labsite. Dubartiin kun tarkaanfii US kanaaf ka'umsa ijoo taate.
Viizaa namoota Gaazaa irraa imalaniif kennamu yeroof dhaabuutti Ministira Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo galateeffatte.
Jaarmiyaan gargaarsa daa'immanii -Palestinian Children's Relief Fund sagantaa tajaajila fayyaa biyya alaan bara 2024 keessa daa'imman 169 Gaazaa keessaa baasuu ibse.
Daa'immaan tajaajila fayyaa barbaadan kunneen gara Baha Giddugaleessaa, Awurooppaa, Afrikaa Kibbaa fi Ameerikaatti geessuu ibse jaarmiyaan kun.
Haleellaa Hamaas bara 2023 Onkoloolessa 7 eegale booda waraana Israa'el Gaazaa irratti gaggeessaa jirtuun misoomaawwan bu'uuraa keessattuu dameen fayyaa hundi barbadaa'eera.
Yeroo ammaa jiraattonni Gaazaa waan nyaatan dhabanii beelaan dhumaa jiru.
Jaarmiyaaleen gargaarsa namoomaa dhiheessan erga Israa'el ji'a Bitootessaa keessa gargaarsa gara Gaazaa seenutti daandii cuftee nyaata ga'aa jiraattotaaf dhiheessuun hin danda'amne jedhu.
Tarkaanfiin Israa'el kun jaarmiyaaleen miti-mootummaa jiraattota Gaazaa beelaan dhumaa jiraniif qaqqabuun akka hin baraarre taasise jedhan.
Mootummaan Israa'el ammoo gargaarsa namoomaatti karaa kan cufeef akka Hamaas nyaata hin fudhanneef jedhe.
Garuu nyaata dhabuun du'aa kan jiran daa'imman Gaazaati.
Jaarmiyaaleen gargaarsaa deeggarsa UN qaban hedduun, gareen mirga dhala namaaf falman fi gaazexeessitoonni Gaazaa keessatti beelaan uummanni dhumaa jira jechuun yaaddoo qaban ibsaa jiru.
Xumura Adoolessa darbee kanatti miidiyaaleen idiladdunyaa kanneen akka AFP, AP fi Rooyitars Gaazaa keessatti gaazexeessitoonni beelaan dhumaa jiraachuu ilaachisuun wayita ibsan BBCn itti dabalamee ture.
''Ji'oota hedduuf gaazexeessitoonni waa hundarraa bilisa ta'an kunneen waan qabatamaan Gaazaa keessa jiru ijaa fi gurra addunyaan ga'aa turan. Amma isaanis akkuma namoota waa'eesaanii gabaasaa turaniitti dararaa argaa jiru,'' jedhan miidiyaaleen kunneen.
Adoolessa darbe keessa Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ''beelli inni sirriin Gaazaa keessa jira,'' jedhanii turan.
Haata'u malee ammas qondaala ijoollee Gaazaa beelessuun himataman Beenjaamiin Neetaaniyaahuu faana hiriiranii jiru.