Baaleetti harmeen erga takkaa daa'imman lakkuu afur dahan maal jedhu?

Madda suuraa, Hospitaala Rifaraalaa Gobbaa
'Daa'imman erga takkaa dhalatan afran waliigalatti kiilogiraama saddeet ulfaatu' Dr. Awwal Tamaam
Aadde Xayibaa Hasan godina Baale aanaa Barbaree ganda Burqituu keessa jiraatu.
Harmeen waggaa 35 kun kanaan dura daa'imman torba kan godhatan yemmuu ta'u, ji'oota dura ulfaa'anii daa'ima saddeettaffaa eeggachaa turan.
Haa ta'u malee ulfi yeroo ammaa kun ulfaataa itti ta'e. Keessattuu ji'a torba taanaan itti hammaate.
"Natti ulfaatee hafuura nakuta, na dadhabsiisas. Sababa kanaaf gara mana yaalaa deeme" jechuun haala keessa turan BBC'tti himan.
Sababa kanaanis abbaa warraa isaanii waliin ta'uun gara buufata fayyaa aanaa Barbaree keessatti argamu deemuun qorannoon kan taasifameef harmeen kun, daa'imman lakkuu afur garaadhaa akkaa qaban itti himame.
Yeroo kanatti "Waa takka hin rifanne" jedhu Aadee Xayibaan. Haa ta'u malee abbaan warraa isaanii Obbo Ahimad Waaqoo garuu, "wayituma sanan rifadhe" jechuun BBC'tti himan.
Buufanni Fayyaa aanaa Barbaree keessatti argamus harmeen kun yaala fooyyee akka argataniif gara Hospitaala Rifaraalaa Gobbaatti riifarii barreessuun erge.
Yunivarsiitii Madda Walaabuutti Gargaaraa Pirofeesaraafii Ispeeshaalistii Ulfaa fi Gadaamessaa kan ta'an Dr. Awwal Tamaam, haala yeroo harmeen kun gara Hospitaala Rifaraalaa Gobbaa deemanitti ture himu.
"Harmeen kun yeroo nubira gahan garaan isaanii xiqqoo guddaa ture. Maashina altiraasaawundiin yemmuu ilaallus daa'ima afur baatan" jedhan.
"Yeroo sana garaan isaanii guddaa ture, gadi dhiiba. Baay'ee deemuu hin dandeessu. Yeroo tokko tokkommoo afuura baafachuufillee rakkisaa ture" jechuunis himan.
Harmeen kun daa'ima afur garaadhaa qabaachuun dabalataan hir'ina dhiigaa kan qaban yemmuu ta'u, kunis fayyaa haadhaafii daa'immaniif yaaddessaa akka ture ogeessichi himu.
Dabalataan daa'imman lakkuu akkanaa ji'a saddeetitti kan dhalatan ta'uu isaatiinfii sombi isaanii akka bilchaatuuf qorichi kennamu waan jiruuf harmeen kun hospitaalichuma turanii akka hordofaman murteessuu isaanii Dr. Awwal himu
Taateewwan addaa…
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aadde Xayibaa Hasan ji'a tokkoofii walakkaaf hordoffiin taasifamaafii erga turee booda Wiixata kaleessaa ALI Ebla 13, 2017 ganama keessaa sa'aa 1:30 irratti baqaqsanii yaaluun daa'imman lakkuu afur dahan.
Daa'imman lakkuu afur erga takkaa dhalatan yeroo baay'ee ulfaatinni isaanii xiqqaa akka ta'e kan himan Dr. Awwal, kan daa'imman kunneenii garuu adda tahuu himu.
"Wanti raajii nutti ta'e ijoolleen kun marti ulfaatinni isaanii walqixa. Tokkon tokkon isaanii kiilogiraama lama ulfaatu, waliigalatti kiiloo saddeet jechuudha" jedhan.
Kana malees daa'imman lakkuu afranuu dhuunfaa dhuunfaatti obbaatii tokko tokko akka qabanis ogeessichi himaniiru.
"Wanti kun haala waan kana raajii godhe keessaa isa tokko" jedhan.
Gama biraatiin daa'immanis ta'e haati yeroo ammaatti haala fayyaa gaariirratti akka argaman kan himan ogeessichi, haati kun karaa fagoorraa kan dhufan ta'uusaatiin torbee tokkoof achuma hospitaalicha keessatti hordofamaa akka turaniif yaadni akka jiru himaniiru.
"Yeroo baay'ee namoota kaawwan sa'aatii 48-72 gidduutti gara manaa kan erginu. Haati kun garuu yaala addaa waan barbaadduuf hanga torbee tokkoo asumatti ilaallee sana booda haalli yoo mijaa'eef erguu dandeenya" jedhan.
Yaala harmee kanaa keessatti ogeeyyiin fayyaa 10 ta'an hirmaachuus Dr. Awwal himaniiru.
Gama biraatiin "Jarri halkanii guyyaa na ilaalan, sirriittin tajaajila argadhe" jechuun ogeeyyii fayyaa hospitaalichaa kan galateeffatan Aadde Xayibaan, daa'imman isaanii afaranis ta'e isaan haala fayyaa gaariirratti akka argaman himaniiru.
Haati warraa isaanii nagahaan daa'imman afur erga dahanii booda tasgabbaa'uufii gammachuurra akka jiranis abbaan warraa Aadde Xayibaa Obbo Ahimad himaniiru.

Madda suuraa, Hospitaala Rifaraalaa Gobbaa
Lakkuun afur akkamiin uumama?
Taateen haati tokko al tokkotti lakkuuwwan afur itti deessu baay'ee xiqqaa ta'uu kan himan Dr. Awwal, "wanti kun namoota 500,000 keessaa nama tokkorratti kan uumamu" jedhu.
Dabalataan taateen akkanaa sanyii haadhaarra akka deemus himu.
"Kan biraa immoo yaalawwan namoota ulfi dideef taasifamutu jira. Qorichoota saniinis walqabachuu danda'a" kan jedhan ogeessichi, "yeroo baay'ee garuu sababni gahaan hindhiyaatu" jedhu.
Haaluma kanaan sanyii Aadde Xayibaas ta'e abbaa warraa isaanii keessatti muuddannoon lakkuu afurii uumamee kan hinbeekne ta'uu himaniiru.
Gama biraatiin haalawwan lakkuun afur erga takkaa akka dhalatan taasisan jiraachuu kan himan Dr. Awwal, isaan keessaa inni tokko sanyiin dhiiraa tokko fi hanqaaquun dubartii tokko walitti erga dhufanii booda bakka afuritti yeroo bahu akka ta'e himu.
"Kan biraa ammoo hanqaaquun lama fi sanyii dhiiraa lama ta'anii hanqaaquun takka bakka lamatti bahu dandeessi" jedhan.
Kana malees hanqaaquun afur fi sanyiin dhiiraa afur jiraatanii lakkuuwwan afur akka uumamu taasisuu akka danda'us himaniiru.
"Kan kaleessa uumame kanaan 'fraternal twin' jennaan. Sanyii dhiiraa lama yookiin hanqaaquu lamarraayi kan uumaman malee martuu tokko miti" jedhaniiru.
Gama biraatiin lakkuuwwan lama fi darbee darbee immoo lakkuu sadi arguu isaaniin alatti daa'imman lakkuu afur erga takkaa dhalatan garuu taatee akkuma biyyaattuu baay'inaan mul'atu akka hintaane Dr. Awwal himaniiru.












