UKtti xayyaarri rakkoon mudatee daandii konkolaatarratti qubate

UKtti xayyarri xiqqaan rakkoo muadateen daandii konkolaatarra qubachuuf diqame.
Taaten kun kan raawwate naannoo [magaala] Gilaastarshaayer mandara Charchdawon jedhamu keessatti yoo ta'u, xayyaarichi qubachuuf kan dirqame osoo balali'aa jiruu motorri hojjachuu diduun hin oolle jedhame.
Xayyaarri xiqqaan sababa rakkoo mudateen dhuguma daandii konkolaataa irratti qubachuuf dirqamuu poolisiin Gilaastarshaayer mirkaneeffadheera jedhe.
Taatee mudate kanaan namni du'es ta'e miidhan irra gahe akka hin jirre ibse poolisiin.
"Namni miidhame hin jiru, konkolaatan xayyaaricha waliin walitti bu'es hin turre," jedhe dubbi himaan poolisii.
Xayyaarri kun daandii konkolaatarratti erga qubachuuf dirqamee booda namoonni nagaadhumaan keessaa bahuu poolisiin mirkaneesse.
Biiron Balaa Geejjiba Qilleensarraa biyyattii sababa rakkoo kanaa qorannoon akka gaggeeffamuf ajaja dabarsuu beeksise.
Bulchaan Buufata Xayyaaraa Gilaastarshaaye Jeesan Ayivey: "Balaliisichi sababa motorri hojjachuu diduu hin oollen daandii konkolaataa guddicha irratti qubsiisuf akka dirqame quba qabna," jedhan.
"Maaltu akka uumameefi sababa maalif akka ta'e amma qorannoo gaggeessaa jirra.
"Ammatti dursa kan kenninuuf nageenya nama hundaa mirkaneessudha," jedhan Jeesan.
Akka qondaalli kun akka jedhanitti xayyaarri daandii konkolaatarratti qubachuuf dirqame kun gara [magaala] Isteevartanitti balali'aa ture. Sababa taaten kun mudateen buufanni xayyaarichaa cufamuus himan.

Madda suuraa, bbc
Xayyaarri daandirra qubate kun amma achii kaafamuufi yeroo xayyaarichi qubatee turetti konkolaatan akka hin dabarreef sa'aatii lamaaf daandichi cufamee akka ture poolisiin ibse.












