'Hattoonni Saayibarii Raashiyaa ragaa fayyaa lammiilee Awustiraaliyaa mil. 9.7 hatan'

Maxxanfame

Hattoonni saayibarii Raashiyaa ragaa fayyaaa lammiilee miliyeenan lakkaa'amanii hatuu isaanii bira gaheera jedhe poolisiin Awustiraaliyaa.

Hattoonni kun tokkoon tokkoo ragaalee icciitii miliyeena 9.7 tif dolaara tokko gaafataa akka jiranis poolisiin biyyattii ibse.

Ragaan fayyaa lammiilee Awustiraaliyaa kan hatame dhaabbata inshiraansii fayyaa Medibank jedhamu irraayi.

Hattoonni saayibarii kun ragaalee icciitii heddu toora intarneetii gubbaatti gadi lakkisanii jiru. Kanneen keessaa ragaan waa'ee ulfa baasuu fa'aa keessatti argama.

Poolisiin Awustiraaliyaa ibsa miidiyaalef kenneen, "Eenyu akka taatan isin beekna" jechuun hattoota kana akeekkachiise.

Komishinarri Poolisii Federaala Awustiraaliyaa Riis Keershawu miidiyaatti akka dubbatanitti hattoonni saayibarii kun Raashiyaa keessa akka jiran dubbatanis ragaa dhiyeessan hin qaban.

"Namoota kanaaf itti gaafatamuu qaban ni beekna, garuu maqaa isaanii hin dhahu," jedhe komishonarichi.

Dabalataanis gareen poolisii Awustiraaliyaa qaamolee nagaa kabachiisoo Raashiyaa waliin mariyataa akka jiraniifi gargaarsaf Mooskoo gaafachuu isaanii beeksisan.

"Raasiyaan odeeffannoo fi ragaa karaa Intarpool qoodamu irraa ni fayyadamti, bifa kanaan itti gaafatamummaan dhufuu ni danda'a," jedhe Riis Keershawu.

Qorattoonni nageenya saayibarii fi ejantoonni biyyoota lixaa Raashiyaan namoota yakka saayibarii raawwataniif golgaa kenniti jechuun komachuu erga eegalanii bubbulaniiru.

Marsariitin inshuraansii fayyaa kennu Medibank jedhamu kun namoota yakka saayibarii hojjataniin erga butameen booda marsariitii isaanii REvil jedhamu wajjin wal qabsiifame.

REvil dhaabbilee gurguddoo irratti haleellwwan saayibarii gaggeessun beenyaa gaafata- kanarraa ammoo galii dolaara miliyeena heddu argata.

Yalkki saayibarii Medibank irratti raawwate paarlaamaa biyyattii osoo hin hafin namoota heddu yaaddoo keessa galcheera.

Hoji gaggeessan Medibank Deevid Kookzkaaroo odeeffannoon icciitii gadi lakkifame namoonni waldhaansa fayyaa irratti shakkii akka horatan taasisuu danda'a jechuun akeekkachiise.

"Ragaalee kana duuba namootatu jira, ragaan isaanii akka hin malletti gaafa dhimma itti bahamu waldhaansa fayyaa argachuu irraa abdii akka kutatan isaan taasia," jedhe.

Dhaabbanni Medibank beenyaa gaafatame kaffaluu diduun isaa paarlaamaa Awustiraaliyaa irraa deeggarsa argateera.