Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itti gaafatamaan Nageenya Tigiraay bulchiinsi Yeroo naannichaa muudama akka hin gaggeesine dhorkan
Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigiraayitti Itti Gaafatamaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa kan tahan Jeneraal Taaddasaa Warradaa naannichi muudamaa haaraa akka hin gaggeesine dhorkan.
Jeneraal Taaddasaan ibsa Fulbaana 9, 2024 kennanniin, bulchiinsi Geetaachoo Raddaa ''hoggantoota muuduu fi aangoo irraa buusuu dhaabuu qaba'' jedhan.
Jeneraal Taaddasaan bulchiinsi Yeroo naannichaa kan Obbo Getaachoo Raddaatiin durfamu keessatti Itti Aanaa tahuun tajaajilaa jiru.
Bulchiinsi Yeroo naannichaa hoggantoota muuduu fi buusuu hin danda'u jechuun dhorkuuf aangoo isaa qabaachuu fi dhiisuun ifa miti.
Jeneraal Taaddasaan dubbii kana kan dubbatan siyaasa Itoophiyaa keesatti waggoota 27 oliif shoora olaanaa kan qabaataa turan hoggantoota TPLF gidduutti yeroo qoqqoodaminsi uumamettiidha.
Yeroo ammaa TPLF keessaa Obbo Getaachoo Raddaa fi Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el fa'aa gidduutti wal qoodaminsi mudateera.
Qabxiilee hoggantoota TPLF walitti buuse keessaa, paartichi irra deebiin Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaatti galmaa'uu qaba kan jedhuu fi korri paartichi dhiyeenya gaggeesse jedhame kanneen eeramaniidha.
Kora dhiyeenya gareen Dr Dabretsiyoon fa'aa gaggeessan irratti Obbo Getaachoo fi hoggantoota kaan biroo hin argamiin hafa, sadarkaa miseensummaatti gadi buusuun, Dr Dabretsiyoon ammoo dursaa paartichaa gochuun irra deebiin filatameera.
Yerooma wal fakkaataatti ammoo gareen Obbo Getaachoo Raddaa ''TPLF oolchuu'' mata duree jedhuun kora gaggeessuun murteewan korri Dabretsiyoon fa'aan darbu fudhatama hin qabu jedhe.
Waraana waggoota lamaa oliif Naannoo Tigiraayitti gaggeeffameen lubbuun namoota kuma dhibbaan lakkaa'amuu darbeera.
Osoo naannichi hin bayyaannatiin walitti bu'insi hoggantoota TPLF ammoo waraana biraa gidduu isaaniitti kaasuu mala sodaa jedhu fideera.
"Wal dhabdichi karaa siyaasaa qofa furamuu qaba"
Yeroo waraana Tigiraay Humna Tigiraay hogganaa kan turan Jeneraal Taaddasaa Warradaa ibsa miidiyaaf kaleessa kennaniin wal dhabdeen hoggantoota paarticha gidduu karaa murtee siyaasaa furmaata argachuu qaba jedhan.
''Hoggantoonni aangoo qaban tokko tokko aangoo isaanii fayyadamuun hoggantoota tokko tokko aangoo irraa yeroo kaasan mul'ataa jira'' jedhan.
''Gaaffiin keenya [qaamni nageenyaa] muudamni mootummaa naannichaa jijjiiruuf gaggeeffamaa jiru akka dhaabatudha.''
Muudama gaggeessuu fi warra aangoo irra turan buusuun siyaasa naannichaa muddama keessa galee jiru ittumaayyuu hammeessa jedhan Jeneraal Taaddasaan.
''Inumaayyuu itti caaluun dhohuu gaheera. Siyaasa danfee dhangala'uu gahetu mul'ataa jira'' jechuun akeekkachiisan.
''Bulchiinsi Yeroofii naannichaa miseensonni isaa [TPLF] 50+1 taana jechuun'' aangoo to'achuuf yaaliin godhamu hammaatee jira jedhan.