Raashiyaan miseensa NATO kan taate Lituweeniyaa cimsitee akeekkachiifte

Madda suuraa, Reuters
Biyyi Awurooppaa miseensa Waliigaltee Waraana Kaabaa (NATO) taate Lituweeniyaan meeshaleen garaa garaa karaa baaburaa gara daangaa Raashiyaa Kaalingirad akka hin galle erga dhorkitee booda Raashiyaan akeekkachiisa cimaa kennite.
"Raashiyaan gochaa diinummaa akkanaatiif tarkaanfii barbaachisaa ni fudhatti," jechuun dubbata aangawaan nageenyaa Raashiyaa Nikolaay Paatirusheev.
Lituweeniyaan gama isheetin ani qoqqobbii Gamtaan Awurooppaa Raashiyaa irra kaa'e hordofuun tarkaanficha akka fudhatte dubbatti.
Kaalingiraad naannoo tarsiimawaa taateefi Raashiya wajjin wal hin daangessinedha.
Raashiyaan Kaalingiraad Jarman irraa kan fudhatte Waraana Addunyaa Lammaffaa booda bara 1945 tti yoo ta'u, naannon kun daangaa biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppa fi NATO ta'an Lituweeniyaafi Pooland wajjin wal daangessa.
Kaalingiraad keessa lammiilee miliyoona tokkotti dhiyaatantu jiraata.
Naannon kun meeshaalee garaa garaa Raashiyaafi Gamtaa Awurooppaa galchituun jiraatti.
Bulchaa Kaalingiraad kan ta'e Antoon Alikaanov akka jedhetti, qoqqobbiin kun meeshaalen dhibbeentaa 50 naannicha akka hin galle godha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Paatiruushev daawwannaa Kibxata Kaalingiraaditti tureen haasaa taasiseen Lituweeniyaan daandii baaburaa akka cuftu kan godhe warra lixaati. Kun ammoo faallsa seera idil-addunyaati," jedhan.
Dursaan Gamtaa Dhimma Nageenya Raashiyaa, "yeroo dhiyootti tarkaanfii laalessaa fudhanna," jechuun dhaadatan.
Itti dabaluunis, "Tarkaanfin nuti fudhannu lammiilee Lituweeniyaa irratti dhiibbaa guddaa kan fiduudha," jedhe. Dhiibbaa maalii akka ta'e garuu adda hin baasne.
Waa'edhuma kanaa ilaalchisee gaafa Kibxataa Raashiyaatti ambaasaaddara EU Raashiyaan waamtee haasofsiistetti.
Lituweeniyaan meeshaalen garaa garaa biyyoota Gamtaa Awurooppaa irraa gara Kaalingiraad akka hin seenne kan dhorkite torbe darbe ture.
Ministiirri Dhimma alaa Lituweeniyaa Gabriiliyus Laandisbergis, "Dubbiin Lituweeniyaa hin ilaallatu.
Qoqqobbiin Gamtaa Awurooppaa Waxabajjii 17 irraa kaasee eegale. Tarkaanfin kun kan fudhatame Komishiniii Awurooppaafi qajeelfama Komishinii Awuroppaa hordofuudhan," jechuun dubbate.
Gamtaan Awurooppas Lituweeniyaan meeshaalen gara daangaa Raashiyaatti akka hin ceene kan uggurte Raashiyaan Yukireen weeraruu isheetin qoqqobbii gamtichi kaa'e akka hojiirra oolchite ibsee jira.
Qoqqobbiiwwan gara Raashiyaa akka hin galle kaa'aman cilee, sibiilota garaa garaa, meeshaalee ijaarsaafi meeshaalee teeknoolojii ammayyaa fa'aa dabalata.
Lituweeniyaa miseensa NATO ta'uu isheetin sodaachisa Raashiyaa irraa itti dhufu kamiifuu tumsa waraanaa ni argatti.
US gama isheetin Lituweeniyaa bira akka dhaabattuufi seera NATO keeyyata 5 irra jiru, " Haleellan miseensa NATO tokko irratti yoo raawwate miseensota hunda irratti akka raawwatetti ilaalama," jedhuuf akka bitamtu beeksistee jirti.
Dubbi himaa Puutin kan ta'e Dimitirii Peeskoov gama isaatin, "Haalli jiru baay'ee wal xaxaa waan ta'eef tarkaanfii kamiyyuu osoo hin fudhatin baay'ee xiinxaluu barbaachisa. Xiinxalli kun ammoo guyyoota itti aanan muraasa keessatti ni taasifama," jechuun gaafa Wiixataa dubbatee ture.
Har'a michuu Puutin kan ta'e Nikoolay Paatiruushev "waa'ee nagenya biyyoolessaa naannoo kaaba lixa Raashiyaa" mariyachuudhaf gara Kaalingiraaditti deemee jira.
Kaalingiraad Raashiyaadhaf bakka tarsiimawaadha. Kanarraa kan ka'e Raashiyaan duraanuu doniiwwan waraanaa meeshaa Nikularaa fi misaa'ela fageenya dheeraa deemu hidhatan naannicha qubsiiftee turte.












