Dhukaasa bakka waraanni Raashiyaa leenjiirra turan irratti banameen 11 ajjeefaman

Maxxanfame

Dhukaasa namoonni hidhatan lama bakka waraanni Raashiyaa haaraan leenjiirra jiranitti Onkololeessaa 15, 2022 bananiin namoonni 11 ajjeefamanii 15 ammoo madaa'an.

Loltoonni waraana Yukireen irratti gaggeeffamu keessatti hirmaachuuf fedhiin leenjii'uuf galan kunneen osoo haala itti dhukaafamu shaakalaa jiranii, namoota lamaan dhukaasni irratti banamuu eejjansiin oduu mootummaa Raashiyaa Ria gabaase.

Kanneen haleellaa raawwatanis Riippablika Soviyeet duraanii irraa ta'uu Ministeerri Raayyaa Ittisa Raashiyaa himulleen, gadi fageenya eenyummaa isaanii garuu omaa hin dubbanne.

Jarreen jedhaman sunis bulchiinsa Raashiyaa Belgorod kan daangaa Yukireen keessatti itti dhokaafamuun ajjeefamaniiru.

Haleellaan kanaan, namoonni gara biraa 15 ammoo madaa'aniiru.

''Leenjifamtoonni waraana oppareeshinii addaa Yukireen keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf fedhii agarsiisan osoo haala itti dhukaafamu leenjii'aa jiranii, shororkeessitoonni qawwee xixiqqaa hidhatan dhukaasa irratti banan,'' jedhe eejjansii oduu mootummaa ibsa Ministeera Ittisaa eeruudhaan.

"Dhukaasa irratti banameen wal qabatees namoonni 11 ajjeefamanii, kaan 15 ammoo miidhaan garaagaraa irra gahuun gara dhaabbilee fayyaatti geeffamaniiru,'' jedhe.

Bulchaan naannichaa gama isaatiin jiraattoota bulchiinsa Belgorod keessaa kan ajjeeffames ta'e kan miidhame omtuu hin jiru jedhan.

Baatii darbe keessa Pirezidant Vilaadmiir Puutin namoota kana dura tajaajila loltummaa dirqamaa fudhatan 300,000 akka waraanatti makamaniif waamicha taasisuun isaa ni yaadatama.

Ajaja pirezidaantichaa kana hordofees Raashiyaa guutuutti mormiifi kaan biyya gadhiisanii bahuuf kaka'anii ture.

Battaluma waamichi gara waraanaatti makamuu taasifameettis, namni leenjiif namoota mindeessaa ture waajjira Saayiberiyaa keessatti itti dhokaafamuun ajjeeffame.

Torban darbes, Puutin hanga ammaatti namoonni 200,000 ol ta'an waraanaatti makamuufi ammas dabalataan namoota barbaachaa akka jiru himunsaa ni yaadatama.