'Lubbuun nan baha jedhee gonkumaa yaadee hin beeku' - Loltuu Yukireen

Maxxanfame

Loltoonni Yukireen magaalaa buufata doonii Maaripool buufata oomisha sibiilaa Azoovistaal keessatti erga torbaniif marfamanii booda harka kennatan, haala qabinsaa hamaa keessa turuusaanii loltuun gadhifame tokko BBC'tti himate.

Loltuun Yukireen Lt. Iliyaa Samoyilenkoo guyyoota 120 ta'aniif qofaatti hidhamuu BBCtti himuun, gara Yuukireenitti nan deebi’a jedhee yaadee hin beeku ture jedhe.

Erga loltoota Raashiyaatiin qabameen boodas, harka nam-tolchee isaaf kaa’ameef jalaa fudhachuu hime.

Loltuun Reejimentii Azoov ji’a darbe biyyoonni lameen yeroo loltoota booji’aman wal jijjiiraman innis keessa gadhiifame.

Lt. Saamooyileenkoon umuriin isaa ganna 28 yoo tahu, bara 2018 ergama waraanaa Yukireen garee foxxoquu barbaadan Raashiyaan deegaraman Donbaas keessaa waraanuu dhaqee meeshaan waraanaa harkatti dhohuun ija isaa mirgaa fi irree isaa bitaa dhabe.

Akkuma Yukireenitti deebi’een waanti jalqaba bitate paakkeettii sigaaraa yoo tahu,’’lubbuun jiraachuu isaa akka itti dhagahamuuf’’ akka kana godhe hime.

''Fuula namoota na arguuf na eegaa turan irraa imaimmaan gammachuu fi kolfa isaanii arguun hedduu na gammachiise.’’ 

Gaaffifi deebii loltuun adda waraanaa Azoov kun miidiyaa idila-adunyaa jalqabaa waliin taasise irratti waayillan isaa Raashiyaan boojite qofaatti hidhamanii akka jiran himuun qorichaafi nayaata gahaa argataa akka hin jirres eere.

''Waanuma baratame tahaa jira,’’ jechuun Saamoyileenkoon Kiyeev bakka bayaannachaa jirutti natti hime. ‘’Waanti baratame loltootni Raashiyaan boojite humna waraanaa Raashiyaatiin dararamaa jiru.’’

Raashiyaan loltoota bojite dararaa jiraachuu haaltus Yukireen ammoo loltootni bakka qabamanii jiranitti dararaa hamaaf saaxilamaniiru jetti. 

Lt Samoyileenkoo fi loltootni biro dhibbaan lakkaa’aman buufa oomisha sibiilaa Azoovistaal keessa osoo jiranii loltoota Raashiyaan marfamanii boolla lafa jala ture keessa turan.

Yeroo sana Raashiyaan buufaticha irratti haleellaa boombii hamaa gaggeessaa turte.

Hamma ajajni komaanderoota ykn ajajoota waraanaa olaanoo Yuukireen irraa dhufutti harka hin laatnu jechuun turan.

Waraana bara kana biyyoota lamaan gidduutti gaggeeffame keessaa mancaatii guddaa kan geesisee fi baay’ee hamaa ture kan magaala buufata doonii Maaripuulitti gaggeeffame kanadha. Garuu yeroo loltootni Yuukireen marfaman harka kennatan waraanichi xumurame.

Loltootni kunneen yeroo magaalicha gadhiisanii bahan waan qaban muraasa baatanii ture, baay’ee waan dadhaban fakkaatu, madaan isaanii fagootti mul’ata ture.

Kaan kiraanchiidhaan deemaa turan. Kaan ammoo baasiidhaan gara bakkeewan Raashiyaan to‘atteetti geeffaman.

Jalqaba baasiidhaan Oleenivkaa bakka jedhamu, mana hidhaa naannoo Dooneeski jirutti geeffaman. Mana hidhicha hidhattoota Dooneskiin Yuukireen irraa foxxoqsuu barbaadanii fi Raashiyaa irraa deeggarsa qabantu to’ateera jedhe Samooyileenkoon.

Guyyoota booda Saamyileenkoo fi loltootni kaan irra caalaan isaa hoggantoota Azoov turan bakka hin beekamne Raashiyaa keessatti geeffamuu dubbate.

Achitti qofaatti hidhamee ture. Achi keessatti ispoortii kan akka Puush aappii fi kaan hojjechuun xiinsammuu isaa cimsaa akka ture hima. Guyyootas sammuudhuma isaan lakkaa’aa ture malee baruu rakkisaa ture.

''Anarra miidhaan qama hin geenye. Is anamootni kaan itti dararaman irraas fagoo ture,’’ jedhe.

Namootni kaan bakka biraatti geeffaman ‘’dararaa hamtuu’’ keessa turan. Inumaa ‘’torbanirraa torbanitti ittuu hammaataa ture’’ edhe.

Loltootni ji’a darbe gadhiifaman bishaan baay’ee xiqqaa argataa akka turan isatti himaniiru. Kaan hir’ina nyaataaf saaxilamniiru jedhe.

Ji’a Waxabajjii keessa buufatni Olenvkaa boombiidhaan haleelame. Loltootni Yuukireen boji’amanii turan hedduun dhuman.

Raashiyaan garuu haleellicha kan raawwate Yuukireeni jette. Yuukireen ammo dubbii sobaati, Raashiyaan raga loltootni dararamuu balleessuuf jecha haleellicha isaan irratti raawwatte jedhe.

Samooyileenkoon Raashiyaan seera waraanaaf dhimma hin qaban jedhe. '‘Waa’ee waliigaltee Jeneev dhimmatti hin qaban. Lubbuu namaaf dhimma hin qaban,’’ jedhe.

'‘Gaffiif deebii kana warri Raashiyaas ni ilaalu. Fuulli keenya gammadee yoo argan ittuu ni maraatu,’ jedhe.

Yuukireen keessatti loltootni mallattoo diddaa Raashiyaa irratti gaggeeffamuu tahuun ilaalamu.

Ji’a darbe ture Yuukireen loltoota Raashiyaa 55 gadhisuun Raashiyaan ammo loltoota Yuukireen 215 kan gadhiisteef.

Pirezidaanti Zeleniskiin akka injifannoo guddaatti yoo ibsan haala akkamiin akka wlaiigaltee irra gahan ammayyuu icciitiidha.

Raashiyaan dirree waraanaatti mo’amaa jirti. Haa tahu malee, Lt .Samooyileenkoof ammayyuu gammachuun isaa guutuu miti.

Jaallan qabsoo isaa harka Raashiyaatti hafan ‘’ammayyuu loltoota Raashiyaan dararamaa jiru,’ jedhe.

Samooyileenkoon amma maatii isaa waliin magaala Kiyeev jiraata. Gorsi xiinsammuu kennamaaf jira.

Harkin am-tolchee haaraan bitaameefii haga dhufutti eegaa jira. ‘’Gara dirree waraanaatti deebi’uu qabna,’’ jedhe.