Obbo Araggaa Kabbadaa pirezidaantii haaraa Naannoo Amaaraa tahuun muudaman

Obbo Araggaa Kabbadaa pirezidaantii haaraa naannoo Amaaraa tahuun muudaman.

Madda suuraa, FBC

Maxxanfame

Naannoon Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa pirezidaantii haaraa naannichaa gochuun muude.

Manni Maree Naannoo Amaaraa wal gahii ariifachiisaa taa'uun pirezidaantii haaraa kan muude Dr Yiliqaal Kaffaalaa aangoo gadhiisuu hordofeeti.

Dr Yiliqaal Kaffaalaa aangoo gadhiisuuf xalayaa galfachuu isaanii hordofee manni marichaa bakka isaanii Obbo Araggaa muuduu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa jiru.

Erga MM Abiy Ahimed aangootti dhufanii as Obbo Araggaa Kabbadaa pirezidaantii naannichaa jahaffaa tahuu isaniiti.

Obbo Araggaa Kabbadaa Biiroo Hojii fi Leenjii naannichaatti itti gaafatamummaan tajaajilaa kan turan yoo tahu, naanicha gara tasgabbii fooyyee qabuutti deebisuuf akka hojjetan himaniiru.

Pirezidaantiin naannichaa Dr Yiliqaal Kaffaalaa yeroo naannichi jeequmsaan raafamaa turetti aangoo gadhiisan.

Naannichatti jeequmsi hammaachuun labsiin yeroo muddama aji’a jahaaf turu kan labsame dhiyeenya ture.

Dr Yiliqaal Kaffaalaa naannoo baay’ina uummataan Itoophiyaa keessaa sadarkaa lammaffaa irra jiru naannoo Amaaraa gara waggaa lamaaf gaggeessaniiru.

Bara bulchiinsa isaanii keessa waraanni naannoo olla isaanii naannoo Tigiraayitti dhalate gara naannoo isana gaggeessaa turanii naannoo Amaaraatti bababl’achuun lubbuu namoota nagaa hedduu galaafateera.

Qabeenya dhuunfaa fi mootummaa naannicha keessaa akka malee mancaasuu mootummaan Itoophiyaa ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2019 pirezidaantii naannichaa kan turan Ambaachew Mokonnin ajjeefamuu hordofee Obbo Tamasgen Xiruuneh pireezidantii naannichaa tahuun tajaajilaa turan.

Isaan amma Labsii Yeroo Muddamaa naannoo Amaaraatti ji’oota jahaaf labsamee olaantummaan hogganaa jiru. Itti waamani isaanii ministira muummee Abiy Ahimediif.

Obbo Tamasgeen pirezidaantii naannoo Amaaraa irraa erga kaafamanii Daariktera Waliigalaa Dhaabbata Tikaa fi Nageneya Odeeffannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa tahuun muudaman.

Bakka isaanii kan bu’an Dr Yiliqaal Kaffaalaa pirezidaantii naannichaa tahuun waggoota lamaaf hojjetaa turan.

Muddama naannichatti tibbana dhalate keessa ammoo aangoo gadhiisuuf xalayaa galfachuu isaanii gabaafame.

Kana hordofee manni maree naannichaa wal gahii ariifachiisaa taa'uun Obbo Araggaa Kabbadaa pirezidaantii haaraa naannichaa gochuun muude.

Naannicha keessatti dhiyeenya ajjeechaan qondaalota mootummaa hammaatee ture.

Dursaan Paartii Badhaadhinaa naannichaa kan turan Obbo Girmaa Yashixilaas baruma kana ajjeefaman.

Mootummaan Itoophiyaa humna addaa naannolee irra deebiin gurmeessuuf yeroo murteessu naannoo Amaaraa keessatti gariin meeshaa hin hiikannu jechuun wal dhabdeen ka'e.

Kunis gara muddama jabaatti galuun hidhattootni Faannoo humna nageenyaa mootummaa waliin wal dhabdee keessa gale.

Mootummaan erga Labsii Yeroo Muddamaa naannichatti labsee namoota jeequmsicha keessatti qooda qaban to'achaa akka jiruu ibseera.

Irra caalaan magaalotni godinaa fi aanolee gara tasgabbi duraaniitti deebi'aa jiraachuu himeera.