Hojjetaan Fannoo Diimaa Kaaba Itoophiyaatti haleellaa irratti raawwatameen ajjeefame

Maxxanfame

Hojjetaan Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa Kaaba Itoophiyaa lafa waraanni jirutti hojiirra osoo jiru haleellaa ‘humnoonni hidhatan’ raawwataniin ajjeefamu waldichi ibse.

Ajjeechaan kuni yoom akka raawwate hin ibsamne.

Waldichi akkasumas Waldaan Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa ajjeechaa raawwateen gadduu ibsanii, balaaleffataniiru.

Konkolaachisaan waldichaa Obbo Mangistuu Minyil, ganna 40, Naannoo Tigraayitti ramadamuun hojiirra akka turan dhaabbatichi ibseera.  

‘’Aduwaarraa gara hospitaala Walqaayit Aaddi Ramatsitti kanneen madaa’an osoo qabatee adeemuu namoota hidhataniin haleellaa irratti banameen madoo dabalatee ajjeefamaniiru,’’ jedhe dhaabbatichi.

Yeroo ammaa kana naannawa Addigiraatitti lolli cimaan gaggeeffamaa jiraachutu gabaafameera.

Erga waraanni Kaaba Itoophiyaatti eegalee lakkoofsi hojjettota gargaarsa namoomaa ajjeefamanii 26 ta'uu UN tti Ambaasaaddarri US kan ta'an Liindaa Toomas gabaasa UN waabeffachuun dubbatanii turan.

Obbo Mangistuun Waldaa Fannoo Diimaa damee Kaaba Gondaritti konkolaachisaa ambulaansii akka ta’an dhaabbatichi ibseera.

Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa ajjeechaa abbaa dubartoota lamaa kan ta’an irratti raawwate kanatti guddaa gadduu ibse.    

Dabaluunis, hojjettoonni gargaarsa namoomaa haleellaa akkanaarraa akka eegamaniifi hojii isaanii bilisummaan socho’anii akka dalagan irra-deebiin gaafate.

Humnoonni hidhataniis haleellaa akkanaarraa akka of qusatan waamicha taasiseera.

Obbo Mangistun waggoota lamaan darbaniif naannichatti hojii lubbuu baraaruu dalagaa akka turan dhaabbatichi ibseera.

Waraanni waggaa lama dura eegale lammiilee kumaatamaan lakkaa'an galaafateera. Miiliyoonaan kan lakkaa'aman buqqa'aniiru.

Haalli namoomaas hammaachuu dhaabbileen irra-deddeebiin ibsaa jiru.

Yeroo ammaa waraana kana xumura itti tolchuuf torban kana mariin Afrikaa Kibbaatti eegaleera.

Taatullee waraanni hin dhaabbanne. Mariin kuni yeroo mootummaan federaalaa Itoophiyaa magaalota haaraa humnoota Tigraay jalaa to'ataa jirutti jalqabe.