Dhalanii gatuufi rakkoo hawaas-dinagdee walqabatan dabaleef sababiin maal, furmaanni hoo?  

Maxxanfame

Mudannoo yeroo kutaa 3ffaa barattu ishee gaddisiiserraa kaatee waggoota soddomaan booda dhabbata gargaarsa daa’immaniifi maanguddoo Saw la saw jedhamu kan hundeessite Zamanaay Asfaawu daa’imman bakkeetti gataman dabalaa jiraachuu BBCtti himteetti.

Zamanaay dubartii dhaabbata daa’imman haadha isaaniitiin gatamaniif haadha ta’ee lafaa kaasu, maanguddoo gargaarsa hin qabne kunuunsuufi gargaaru hundeessitedha.

Bu’aa bayii ishee mudatuufi miira walmakaa keessummeessaa ooltu turtii BBC waliin taasisteen dubbatteetti.

Dhaabbanni gargaarsa daa’immaniifi maanguddoo Saw la saw ykn 'Namni namaaf' jedhamu dhaabbata biyya keessaa yoo ta’u, bara 2010 A.L.I’tti maanguddoota 3 fi daa’ima 1 daandiirraa kaasuun magaalaa Jimmaatti hojii eegale.

Amma namoonni 60 ta’an tajaajila dhaabbanni kun kennu keessatti hammatamanii kan argaman yoo ta’u, hanga yoonaatti namoota 215 ta’aniif gargaarsa akka kenne himti, hundeessituun dhaabbatichaa Zamanaay.

Waggoota arfan darban keessa daa’imman umuriin isaanii 0-16 ta’an, maanguddoota, akkasumas namoota rakkoo sammuu qabaniif gargaarsa taasisaa jira.

Maanguddoonni balaa adda addaatiin miidhama qaamaa qabanis ta’ee daa’imman sammuun miidhamanis (autistic children) jiru.

Zamanaay maaliif, akkamiin dhaabbata kana hundeessite?

Yaanni kun yeroo kutaa sadaffaa barattu jalqabee onneeshee keessatti biqiluu kan yaadachiistu Zamanaay, “magaalaa Jimmaatti mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Kittoo jedhamu otoo deemnuu wayita allaattiifi saroonni dabaree dabareedhaan bakka tokkotti marsanii arginee waansaa wallaalle.

''Booda hiriyaankoo daa’imni tokko kosii keessatti gatamee akka jiru natti himte. Ani dhaqee ija kootiin ilaaluuyyuu hin dandeenye; nan sodaadhe.

''Boodarra daa’imni sun lubbuun darbuun ollaan akka pilaastikiin maree achumatti awwaaleen dhaga’e. Onnee ijoollummaatiin baay’een gadde. Erga guyyaa sanaatii jalqabee yaanni daa’ima gatame, nama gargaarsa dhabe gargaaruu jedhu keessakoo buufate,” jechuun waan akka dhaabbata kana hundeessituuf ishee kakaase BBC’tti dubbatti.

Mana amantaa hordofaa turte keessattis namoota gargaarsa hin qabne hedduu gargaaraa turuu kan dubbattu Zamanaay, fedhiin nama gargaarsa hin qabne utubuu jedhu keessa isheetti guddachuu kaasti. 

Dabalataanis, bultoo horattee gara Kibba Itoophiyaa, magaalaa Miizaan yeroo turtettis aadaan hawaasa naannoo Beench Maajii namoota rakkoolee fayyaa gara garaa kan akka maraammartoofaa keessa galan akka abaarsaatti ilaaluun moggaatti akka baasu kan kaastu Zamanaay, al-idileedhaan namoota sana gargaaruuf dhama’aa turuu dubbatti.

Haaluma kanaan otoo jirtuu akka carraa abbaan manaashee boqochuu kan dubbattu haati ijoollee dhiiraa lamaa yeroosiifi haati daa’imman haadha isaaniitiin gatamanii ammaa Zamanaay, yeroo gara Jimmaatti deebitutti wanti yeroo kutaa 3ffaa barattu argite sun itti yaadatame.

Kun ammo akka nama gargaarsa hin qabne gargaartu ishee kakaase.

Isaan booda ‘uqqubii’ seenuun lafa abbaan ishee magaalaa Jimmaatii isheef kennerratti mana ijaaruudhaan firaashii, sireefi waan uffatamu ammoo hoteelota kadhachuun bara 2010 A.L.I'tti hojii daa’imman bakkeetti gataman fi maanguddoo gargaarsa hin qabne kaasuun gargaaruu eegaluu dubbatti.  

Mul’anni ijoollummaashee haala kanaan dhugoomee arguu isheetti hundaa’ol akka gammaddu kan himtu Zamanaay, adeemsa nama gargaaruu keessatti waantonni gaddisiisoo ta’an akka ishee mudatanis kaasti.

“Daa’imman bakkeetti gataman gara dhaabbata kanaa dhufanii fooyya’anii nama guddifatutti kenninee, guddatanii, mana barumsaa galanii yeroon argu baay’een gammada.

''Yeroo tokko tokko ammoo daa’imman gataman kunneen dhoksaadhaan halkanfaa bakkee namni hin arginetti waan gatamaniif erga miidhaan fayyaa isaaniirra gahee dhufu.

''Hanga fedheyyuu dhaamaatee kan itti hin wayyoofne jiru. Balaa hamaan irra gahee kan lubbuun darbanis jiru. Kan fayyuuf abdii hin qabne ammoo hanguma lubbuun jiranitti qofa hanga humna keenyaa kunuunsinus jiru.

''Inni kun ammoo miira gaddaa cimaa keessa si galcha,'' jechuun ibsiti.  

Haala kana keessatti maatiin yeroo baay’ee ijoollee dubaraa waan filataniif warri dhiiraa baay’inaan akka giddugalichatti hafan ibsiti Zamanaay.

“Erga isaan sirriitti of baranii booda maatiin guddifatu yoo dhufe illee, daa’imman asii bahuu hin barbaadan waan ta’eef qorumsa guddaadha.

''Kanaaf, hamma danda’ametti maatiin guddifachuu fedhu umurii daa’imummaa isaaniitiin akka fudhatu gorsina,” jechuun dubbatti hundeessituun dhaabbatichaa.

Gama tokkoon eeruu hawaasaa ishee gahu hordofuun daa’imman gatamanis ta’ee maanguddoo gargaarsa hin qabne akka kaastu kan dubbattu Zamanaay, gama biraan ammoo waajjirri dhimma dubartootaafi daa’immanii, poolisii waliin ta’uun daa’imman gataman kaasuun akka gara dhaabbatichaa fidan BBC’tti himteetti.

Yaannikoo maanguddoota gargaarsa hin qabne irratti hojjechuudha ture kan jettu Zamanaay, amma garuu taateen daa’imman gatuu yeroodhaa yerootti dabalaa waan dhufeef akka dhaabbataatti daran isaan yaaddessaa akka jiru dubbatti.

“Daa’imman gataman haala hamaa ta’een bakkee hin malletti doloolloo, boolla bishaaniifi mana fincaaniifaa keessatti halkan, rooba keessattifaa waan gatamaniif dhukkubsatoo ta’u; fayyaa isaanii deebisuuf rakkoo hedduu keessa darbina,” jechuun dubbatti.

''Namni guddifatu daa’imni fayyee nagaa ta’ee malee fudhachuu waan hin barbaanneef, aarsaa guddaa nu kaffalchiisa.''

Kana hundarrayyuu darbee ammoo daa’imman sababa haala hamaa keessa turuu irraan kan ka’e lubbuun isaanii darbes akka turan kan yaadachiistu Zamanaay, daa’imman 15 ta’an haala kanaan akka du’an gaddaan dubbatti. 

Aadaan nama gargaaruu gad bu’aa ta’uu kan ibsitu Zamanaay, waggoottan jalqabaa lamaan daran rakkisaa turuufi amma garuu foyyeen jiraachuu himti.

“Nama gargaaruu dhiisuu cinaatti nu warra hojii kanarratti argameef maqaa gara garaa kennuufaatu ture,” jechuun aandaan gargaarsaa gadi bu’aa akka ta’e himti.

Waggoota lamaan as, keessumaa erga Ministirri Muummee Abiy Ahmad (PhD) daa’ima tokko fudhachuun guddifatanii as kaka’umsi gaariin uumamuu himti Zamanaay.

Dubartiin daa’ima hin qabne kan biyya Noorweey jirattu tokko gocha ministeera muummee erga TV dhaan argiteen booda dhaabbaticha irraa daa’imman sadii (dhiira 2 fi dubara 1) akka fudhatte kan dubbattu Zamanaay, sana booda yoo xiqqaate kaka’umsi daa’ima fudhatanii guddifachuu jiraachuu kaasti.

Maddi galii dhaabbatichaa murtaa’aa ta’uu kan kaastu hundeessituun dhaabbatichaa “galii dhaabbataa kuma 20 hin caalle kan miseensa dhaabbatichaa 280 ta’an irraa argamu qofadha.

“Mukni tokko qofaasaa ni aara malee hin boba’u waan ta’eef namoonni waan danda’an hundaan akka nu gargaaran,” jechuun dhaamsa dabarsiti.

Kanaan dura tola-oolaa hakimaa tokko qofa akka qaban himuun, amma garuu narsoota lama kan dabaree dabareen fayyaa daa’immanii hordofan akka qaban dubbatti.

Dhiyeenya kana ammoo dhalattuun biyya Arabaa tokko hojiidhaaf gara Yunivarsiitii Jimmaa kan dhufte yoo ta’u, narsoota dabalataa fayyaa daa’immanii hordofan qacaruun qaamaan gara wiirtuu kanaatti yeroo yeroon marmaaraa gargaarsa taasisaa jiraachuu dhugaa baati.

Gochi ishee kun waan baay’ee nama barsiisa kan jettu Zamanaay, “namni lammummaas ta’ee jireenya hawaas-dinagdeetiin hariiroo nu waliin hin qabne, namummaadhaan qofa akkasitti nu gargaare, lammiilee Itoophiyaatiif ergaa guddaa dabarsa,” jechuun dubbatti.

Dubartoonni sababa maaliitiif dhala isaanii gatu?

Yunivarsiitii Jimmaatti qorattootaafi barsiisota Sooshaalwoorkii kan ta’an Wubsheet Hayiluu fi Waariyoo Waaqoo sababoota daa’imman gatamaniif, “rakkoo dinagdee, ulfa fedhii malee, sodaa ilaalcha hawaasaa, rakkoon xiin-sammuu, gaa’elaan ala dahuufi sodaa qeeqa hawaasummaa irraa ka’uudhaan dubartoonni daa’imman dahanii gatuu danda’u,” jechuun BBC’tti himaniiru.

Itti-gaafatamtuun biiroo dhimma dubartootaafi daa’immanii magaalaa Jimmaa Aadde Nabiyaat Abbaamaccaa gama isaaniin, “magaalaan Jimmaa giddugala Kibba-Lixaa Itoophiyaa waan taateef sochiilee hawaas-dinagdee hedduu keessummeessiti.

''Gochi daa’imman bakkeetti gatuus irra guddaan aanaalee ollaa gara garaa irraa gara magaalichaatti dhufuudhaan kan raawwatudha. Sababni gocha kanaa ammoo dinagdeedhaan of-danda’uu dhabuu dubartootaa, aadaa hawaasichaafi ulfa gaa’ilaan ala raawwatudha,” jechuun BBC’tti himan.

Rakkoon daa’imman gatamuu akkamiin furama?

Daa’imman gatamuun kun rakkoo hawaas-dinagdee walxaxaa ta’us, xiyyeeffannoon mootummaan kenneef garuu gadi aanaa ta’uu BBCtti himan barsiisaa Wubsheet.

Keessumaa ALI erga bara 2009'tti guddifachaan biyya alaa dhorkamee as dhaabbileen tursiisaafi kunuunsa daa’immanii (foster care) baay’een waan cufamaniif rakkoon ballateera.

Warri akka Saw la Saw humna muraasaan daa’imman gataman hunda ofitti fudhachuuf dandeettii gahaa hin qabani.

Rakkoo kana hir’isuudhaaf akka mootummaatti guddifachaan biyya keessaa jalqabameera, garuu ammoo hangana bu’aa qabeessa miti kan jedhan hayyoonni Sooshaalwoorkii BBCn dubbise kunneen, qaamota dhimmi ilaallatu hirmaachisuun barbaachisaadha jedhu.

Barsiisaa Wariyoon akka jedhanitti, dhimma kana irratti hubannoo bal'aa uumuu, aadaa guddifachaa jabeessuufi dubartii daa’ima gattu seeraan adabuu dabalatee hojiiwwan cimaan hojjetamuu qaba.  

Rakkoo daa’imman dhalanii gatuu babal'ataa jiru kana hir’isuuf dubartoota sababa rakkoo dinagdeen gara magaalaa Jimmaatti godaanan dinagdeen cimsuudhaaf hojjetamaa jiraachuu himu itti-gaafatamtuu waajira daa’immaniifi dubartootaa Aaddee Nabiyaat.

Dubartoota dhibbaan lakkaa’man leenjii hojii uumuufi hubannoo fayyadama liqaafi qusannoo irratti leenjiin kennamaafiif akka jirus dubbatu.

Gama biraan ammo barattoonni dubaraa Kolleejjii Barsiisota Jimmaa duraan bakkee jiraataa turan rakkoo gara garaatiif saaxilamaa akka turan waan irra gahaniif, kolleejjicha waliin dubbatanii akka mooraa keessaa jiraatan taasisuu kan himan Aadde Nabiyaat, “Rakkoon isaa hunda keenya waan ilaallatuuf nuti hunduu furmaata ta’uu qabna,” jechuun dhaamu.