Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UStti dawaan ulfa ittisu yeroo duraaf ajaja hakiimaa malee akka gurguramu gaafatame
Dawaan ulfa ittisu Ameerikaa keessatti yeroo jalqabaaf eeyyama hakiimaa malee dukkaana qorichaatti akka gurguramu dhaabbanni qoricha oomishuufi daldaluu irratti bobba’e gaafate.
Kunis Manni Murtii Waliigalaa Ameerikaa mirga ulfa baasuu dhorkee torbanoota booda dhagahame.
Dhaabni qorichaa teessoonsaa Paariis tahe, ‘HDA Pharma’ iyyannoon Dhaabbata Nyaataafi Qorichaa Ameerikaaf galche, dhorkaa mirga ulfa baasuu tibbanaa wajjin hariiroo hin qabu jedhe.
Kiniinii ulfa ittisuuf bal’inaan US keessa faayidaarra oolu bitachuuf hakiimaan ajajamuutu irra jiraata.
Akka qorannoowwan agarsiisaniitti Ameerikaa keessatti ulfi dhibbeentaa 50 ol ykn ulfi namoota miiliyoona 6.2 tahanii kan karoorfame miti.
Qorichi ulfa ittisu US’tti waggaa 60 dura faayidarra oolus, dubartoonni biyyattii tokko sadaffaa tahan qoricha kana bituuf eeyyama hakiimaa argachuuf rakkoon isaan mudata.
Akka addunyaatti biyyooti 100 ol qoricha ulfa ittisu kan afaaniin fudhatamu eeyyama hakiimaan ala gurguru. Ameerikaan garuu biyyoota addunyaa muraasa eeyyama gaafatan keessati.
Dhaabonni qorichaa Ameerikaa baayyee Ameerikaatti qorichi kuni eeyyama hakiimaan ala akka bitamuuf akka eeyyamtu gaafachaa jiruu.
Dhaabbata qorichaa HDA Pharma’tti hoggantuun raawwii hojii, Fireediriik Weelgiriin, iyyatni dhaabbatichaa kuni haqa dhimma wal-hormaataa Ameerikaa keessatti ‘’battala murteessaa tahe dha,’’ jette.
Iyyannoon kuni, qorannoo dhaabichaa waggaa dheeraan booda kan taasifame dhas jettetti.
"Qoricha ulfa ittisuufi kan miidhaa biraaf hin saaxille eeyyama hakiimaa malee gurguruun dubartoonniifi namoonni kaan danqaa tokko malee dawaa kana akka argatan godha,’’ jette.
Dhaabbanni kuni, iyyannoosaaf Dhaabbata Nyaataafi Qorichaa Ameerikaa irraa bara dhuftu murtoo akka argatu himeeera.
Eeyyamni argamu kunis dhaabota qorichaa ‘Opill’ jedhaman qofarratti kan hojjetu dha. Qorichi kuni eeyyama hakiimaan bara 1973 irraa qabee hojiirraa oolaa ture.
Iyyannoon ‘HDA Pharma’ yeroo Ameerikaatti dhimma mirga wal-hormaataa irratti falmiin jabaa dhagahamaa jirutti dhiyaate.
Seera-tumtoonni demookiraatotaa fi ulfa baasuu deeggaran Dhaabbanni Nyaataafi Qorichaa Amaeerikaa iyyannoo akkanaa akka fudhatuuuf waamicha dhiyeessaa jiru.
Gama biraan gamtaan miseensota bakka bu’oota uummataa Rippaablikaanotaa, ulfa baasuu morman 50 tahan, baatii Bitootessaa keessa xalayaa banaa barreessuun dhaabbanni kuni, "iyyannoo qorichi ulfa baasu eeyyama hakiimaan ala dukkaana qorichaatti akka gurguramu jedhu akka qoratuufi murtoonsaa odeeffannoo irratti akka hundaa’u,’’ jechuun barreessanii turan.
Aadde Weelgriin, ‘’iyyannoon dhaabicha dhimma tibbanaa ulfa baasuu wajjin kan wal-qabtu miti, akkuma tasaadha walirra bu’ee,’’ jette.
"Qorichi ulfa ittisu, mirga ulfa baasuuf furmaata mitis," jette.
Murtoo dhorkaa ulfa baasuu Ameerikaan booda, daldaltoonni qoricha ulfa ittisu raabsaa jiru, fedhiin bittaa qorichaa kanaas dabaleera jedhameera.