Ergaan waggaa 135 ture qaaruuraa keessaa argame

Madda suuraa, PETER ALLAN
Namni hojii suphaa hojjataa ture ijasaa amanuu hin dandeenyee ture wayita boolla mana Edinbaraa keessatti qaruuraa ergaa waggaa 135 lakkoofsiise argeetti.
Pitar Aleen kan umuriin waggaa 50, lafa mana keessaa wayita baeetti qaruuraa wiskii keessatti ergaa bara Viiktooriyaa argate.
Innis waan argate abbaa manaatti himuudhaaf gara alaatti fiigee bahe. Eilidh Stimpsan barreeffama qaruuraa keessatti argame dubbisuuf qaruuricha cabsite. Ijoolleen ishee lamaanis waan argame sana baruuf baayyee akka saffiisan dubbatti.
Aleen BBC Skotilaandiitti, bakka qaruurichi turee kallattiin lafa muree argachuusaatti attam nama caroomaa akka ta'e amanuu dadhabuu hime. ''Kutaan bal'ina faana 10 x 15 kan qabu yoo ta'u, osoo hin beekiin garuu kallattiidhumaan bakkuma qaruurichi jiruun lafa ure. Kanas amanuun dadhabee'' jedhan.
"Maashina muruu fayyadameen akkuma tasaa toora ujuummoo osoo barbaaduun waraqicha argadhe. Maal akka ta'ee hin barreen ture. Achinis dubartiin bakka jirtuutti gara dakaattiin geesse, 'lafa mana kee jalaa maal akkan argadhee ilaalii' jedheen.''

Madda suuraa, EILIDH STIMPSON
Ergaan argame kunis lafa yeroo sana mana jalqabaa wayita ijaarameetti akka kutaa ciisichaa hojjattu ture keessaa argamu dubbatu.
Amma Aaddee Eilidh Stimpsan kan haadha ijoollee lamaafi abbaa warraasheetu achi jiraataa jira.
Isheenis barreeffamicha qaruuraa keessaa baasuun dura hanga ijoolleen ishee kan umriin waggaa saddeetiifi 10 mana barnootaatii deebii'aniitti eerguuf murteessite.
BBC Skotolaandiitti akka himteettis, ''Mana barnootaa ergan isaan fudheen booda waan ajaa'ibaa kan itti himu akkan qabuun itti hime. Isaanis, 'ciree keenyaaf nyaataa gaarii nuuf qopheessitee?' naan jedhan.
''Ergaa kan biraas yaalaniin boodan waa'ee dhimmichaa itti hime. Isaaniis ajaa'ibsiifachuun tarii waan jabaa ta'u mala jedhan.''
Erga mana qaqabaniin boodas barreeffamicha qaruuraa keessaa baasuuf karaa hedduun yaallee dadhabne. Kanaafuu qaruuricha cabsine baafne jette haalaa ture himte.
''Hundi keenyaas marsinee itti ibsuun ergaa isaa dubbiisuuf yaallee. Baayyee waan ajaa'ibaa ture.''
Ergaan hojjattoota lamaan barreeffamee kunis mallaattoo jara lamaanu qaba. Innis ergaa akkasi jedhu qaba: ''Jeemsi Richee fi Joon Giriiv jedhamantu lafa keessa kaa'ee. Garuu ammoo Wiskii isaan hin dhugne. Onkoolooleessa 6, 1887.
Namni qaruuraa kana argate kamuu dhukkeen keenya qarqara daandiirraa akka bubbisu yaaduu malu ta'a.''












