Ministirri Muummee Abiyyiifi Pireezidant Ruutoo miidiyaaf ibsa waloo kennuu dhiisan

Madda suuraa, WILLIAM SAMOEI RUTO/FB
Daawwannaa hojii guyyaa lamaatiif Keeniyaatti kan argaman Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Pireezidantii biyyattii Wiiliyaam Ruutoo waliin miidiyaaleef ibsa ni kennu jedhamee egamaa ture osoo hin kenniin hafan.
Hanga Kamisa boruu Naayirobii kan turan MM Abiy hariroo biyyoota lamaaniifi haala naannoo Baha Afrikaarratti Pireezidant Ruutoo waliin ni mariyatu.
Kibxata sa'aa booda magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii kan seenan MM Abiy, Roobii ganama masaraa mootummaa Keeniyaatti simannaa ho'aan godhameeraaf.
Simannaa kana booda dureewwan biyyoota lamaanii miidiyaaleef ibsa akka kennan sagantaan bahee ture.
Haata'u malee miidiyaaleen argamuun dureewwan lameen gara masaraatti erga ol deebi'ani, ''sababa karoorri jijjiirameef'' ibsi miidiyaaleef kennamu hafuu gaazexessitootatti himameera. Sababa karoorichi jijjiirameef garuu hin ibsamne.
MM Abiy pireezidant Ruutoon guyyaa erga aangoo qabatanii yeroo jalqabaaf daawwannaa hojiif kan gara Keeniyaa dhufan.
Pireezidant Ruutoon Kibxata waaree booda MM Abiy waliin ta'uun giddugala ICT 'Sameer Business Park' jedhamu eebbisaniiru.
MM Abiy yaa'ii Eegumsa Naannoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii 6ffaa Wiixata Guraandhala 27, 2024 eegaluun hanga Jimaataatti turu irratti boru akka hirmaatan eegama.
MM Abiy dowwannaa isaanii kanarratti walta'insawwan nageenyaa fi diinagdee irratti pireesadanti Ruutoo waliin marii akka taasisan gaazeexaan biyyattii 'The Star'' gabaaseera.
Mariin dureewwan biyyoota lamaanii keessattuu haala Itoophiyaan buufata Laamuu itti fayyadamtu irratti kan xiyyeeffatu ta'u gabaasichi kaaseera.
MM Abiy dowwannaasaanii Keeniyaa guyyaa Kamisaa xumuruudhaan, dowwannaa hojii guyyaa sadiitif ammoo biyya ollaa Keeniyaa kan taate Taanzaaniyaatti akka imalan himameera.
Pirezidantiin Taanzaaniyaa Saamiiyaa Suluuh Hasan MM Abiy waliin dhimmoota walitti dhufeenya diinagdee fi dippilomaasii biyyoota lamaanii irratti akka mari'atan Ministeerri Dhimma Alaa taanzaaniyaa ibseera.
Dureewwan lamaanis dhimmoota geejjiba qilleensaa, dhiyeessitii humna elektirikii fi dameewwan kaan irratti mari'achuudhaan walitti dhufeenya duraan qaban cimsuudhaaf waliigaltee waliin ni mallatteessuu jedhamee eegama.












