Liyoonel Mesii moo Erliing Haalaand badhaasa Ballon d'Or baranaa mo'ata?

Liyonel Mesii yeroo badhaasa Ballon d'Or 6ffaa mo'ate

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Liyoonel Mesiin dhuma ji'a kanaa irratti badhaasa Balon d'Or kennamu mo'achuu akka hinoolle miidiyaaleen gabaasaa jiru.

Mesiin badhaasa taphataa cimaa kubbaa miilaaf kennamu kana yoo mo'ate, taphataa jalqabaa Liigii Awurooppaa beekamoon ala badhaasicha fudhate taha.

Morkataa isaa cimaa taha jedhamee kan eegamu Erling Haalaandidha.

Haalaandi galchii 36 lakkoofsisuun rikardii galchii Piriimer Liigii bara dorgommii tokkoo cabseera.

Waliigala galchiiwwan 52 bara dorgommii tokkotti lakkoofsise. Waancaa Piriimer Liigii, Chaampiyoonsi Liigii fi FA mo'ateera.

Akkasiis tahee garuu badhaasa kana mo'atuu dhabuu mala kan jedhan jiru.

Badhaasa Ballon d'Or waggaa darbe, kan bara 2022, taphataa amma kilaba biyya Sawud Arabiyaa Al- Itihaadiif taphatu Kaarim Benzeemaatu mo'ate.

Mesiin yeroo saddeet badhaasa kana yoo mo'atu morkataa isaa kilaba Al-Nasiriif taphatu Roonaaldoodhaan badhaasa sadiin caaluu isaati.

Badhaasni taphattoota ciccimoo kubbaa miilaa dhiiraa fi dubartootaaf kennamu Onkoloolessa 30 Faransaay magaalaa Paarisitti gaggeeffama.

Dhiirotaan waggoota 15 oliif Liyoonel Mesii fi Kiristaanoo Roonaaldoon wal dorgomaa turaniiru.

Mesiin yeroo torba yoo mo'atu, Roonaaldoon ammoo yeroo shan mo'ateera.

Abbaan badhaasicha fudhatu fuula-duratti ibsamuus, miidiyaaleen Mesiin akka fudhatuuf jedhu gabaasaaa jiru.

Mesiin akka badhaasicha injifatu maaltu gargaaruu mala?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataa kubba miilaa beekamaan waancaa hedduu kilaboota isaa Baarseloonaa fi PSG waliin injifataa ture Mesiin rakkoo itti tahee kan ture Waancaa Adunyaa mo'achuu dhabuu ture.

Inumaa bara 2018 tapha garee biyyaalessaa irraa soorama bahuu dubbatee ture.

Leenjisaan garee biyyaalessaa Arjeentiinaa Liyoonel Iskaalooniin akka yaada isaa jijjiiru gargaaruun ergasii waancaa Kooppaa Ameerikaa fi Waancaa Addunyaa mo'ate.

Addatti Waancaa Adunyaa 2022 Kataar qopheessite irratti dursaa taphattoota garee biyyaalessaa Arjeentiinaa tahuun waancicha injifatan.

Mesiin injifannoo kana keessatti shoora olaanaa bahateera. Waancaan kun Liyoonel Mesii taphataa kubba miilaa waancaa guddicha injifate isa goote.

Taphattoota durii maqaan isaanii yeroo hundaa faarfamu akka Peelee fi Maaraadoonaarraa gadi isa godha kan jedhamaa ture Waancaa Adunyaa mo'achuu dhabuu ture.

Mesiin kilaba isaa duraanii PSG waliin waancaa Liig 1 mo'ateera.

Erga kilabicha gadhiisuun gara kilaba biyya Ameerikaa Inter Miyaamii deemee kilabichi erga hundeeffamee yeroo jalqabaaf waancaa akka mo'atu gargaare.

Dabalataan, yeroo kilabicha seenu Inter Miyaamiin dhumarra ture. Kilaba kana kufaatii irraa oolchuuf shoorri inni bahate olaanaadha.

Kiristaanoo Roonaaldoo fi Liyoonel Mesiin imala kubbaa miilaa isaanii Awurooppaa yoo goolaban kallattii faallaa imaluuf filatan.

Ronaaldoon gara Sa'udii yoo qajeelu, Mesiin gara Ameerikaa deeme. Lameenuu kilabni isaanii yeroo jalqabaaf akka waancaa mo'atan gargaaraniiru.

Ronaaldoon tapha sadarkaa idil-addunyaatti galchii hedduu galchuunis riikardii qabateera.

Galchii biyya isaaf lakkoofsisuunis hedduu jajamaa jira. Walumaa gala kan tibbana lakkoofsise waliin galchii 127 tahan Poorchugaaliif lakkoofsiseera.

Roonaaldoon waggaa tokko keessatti walumaa galaan biyyaafi kilaba isaaf galchii 40 lakkoofsiseera.

Dabalataan erga umuriin isaa waggaa 30 darbee kilabaa fi biyya isaaf galchii hedduu lakkoofsisuun taphattoota dursaa jiran keessaati.

Galchiiwwan 400 tahan erga umuriin isaa waggaa 30 darbee akka lakkoofsise ragaaleen agarsiisu. Isaan keessaa 72 biyya isaa Poorchugaaliifi.

Waliigalaan galchiiwan 1,000 lakkoofsisuuf akka kaayyefatees himeera.